Monday, September 17, 2012

Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad

Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad
Qopheeysaa:
Abuu Muhammad Al-Baddeeysii
2012/1433
Ahbaash nuti sufiyyaadha jechuun ija nu qabuu fedhan, garuu Isaan sufiyyaa osoo hin taane, Amantii haarawa Abdullaahi hararii uumeen deeman. Sheek Muhammad Rashaad ulamaa’ii guddaadha tafsiira afaan oromootti yeroo duraatiif namni hiike isa. Akkasumas kitaaboota biroo hedduu ummata Islaamaatiif afaan oromootiin qopheeysee jira. Akkasumaa waliin sheek Muhammad Rashaad Sufiyyaa Xariiqaa Qadariyyaa hordofaa akka turee fii Abdullaahi Hararii irrattis akka barate seenaa Isaa keeysatti bareeysee jira.
Sheek Muhammad Rashaad ummata Islaamaatiif faayidaa malee balaa akka Abdullaahi Hararii san uumaa hin turre, Abdullaahi Hararii irraa jallina Isaa hin dhaalle.
Barruun asii gaditti qophaawe kun Ahbaasha sufiyyaa akka hin seene Isiniif ibsuudhaaf kan qophaawee fii Warri Ahbaashni amantii haarawaa mitii sufiyyaadha je’anii farda Ahbaashaa yaabbatanii gulufaa jiran dhaabbatanii waan sheek Muhammad Rashaad nu barsiisaa ture haa laalanii.
Yoo barnoonni sheek Muhammad Rashaad Barsiisaa ture, kan wahbiyyaati, takkaa ammoo kan kaafiraati nuun je’an, Ahbaash waan jettu ni eeyna.
Barruu Asii gaditti qophaawe kana waliif dabarsaa, mootummmaa keeysa warra dalaguus garsiisaa akka nuti karaa haqaarra jirruu fii akka sheek Muhammad Rashaad jala deemaa jirru itti himaa.
Rabbiin warra haqaaf tumsu nu haa godhu.
1.     Ahbaash Rabbiin eeysa jira gaafii jedhuuf deebisaan isaan kennan, oli hin jiru, gad hin jiru, bataa hin jiru, mirga hin jiru, fuldura hin jiru, duubas hin jiru, addunyaa keeysa hin jiru, addunyaa tanaa alas  hin jiru, kanaaf bakka takkallee hin jiru jechuu nu barsiisuuf Libaanoosirraa dhufanii jiran.
Akka ragaatti wanni isaan irra daddeebi’anii kaasan jecha Abuu Jaafar Ax-xahawii kan kitaaba Isaa Aqiidatu-Xahawiyyaa keeysatti jiru, jecha kanas akka Alaabaatti qabatanii jallatti dhukatan:
???
Duuba nutis akki jennuun Libaanoosii mootummaan isin yaamuudhaan dhuftanis nuti ulamaa’ii qabna, san keeysa tokko sheek Muhammad Rashaad Abdulleeti,
Sheek Muhammad Rashaad akkana jedha:
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu” Tafsiira afaan oromoo kan sheek Muhammad Rashaad suuraa Al-A’raaf: 54

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” suuraa Xaahaa: 5
“Ol tayiinsa isaan malu, Arshiin afaan arabaatti sirree mootiiti, asitti wanni itti fedhame waan samii torbanii ol jiru kan waan Rabbiin uume hundaan marsu, kan waan Rabbiin uume keessaa irra guddaati.” Tafsiira Suuraa Al-Furqaan: 59


Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen.”

Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru. Tanaaf du’aa’ii Isaanii keessatti: “yaa waaqa ol tahe” je’an. Haa tahuu ol tahiinsa akkamii hin gaafatan, nama waan akkanaa gaafatuun: “nama fitnaa deemu, kan waan keessa baruu hin dandeenyetti, ifiin dhiibu” je’an. Rabbiin waan akkasirraa dhoowwee jira.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
Kuni ragaa kitaaboota sheek Muhammad Rashaad irraa gaafii Rabbiin eeysa jira jedhuuf barannee fii kan amanaa turree , garuu Ahbaash fii mootummaan harawatti amantii nu barsiisuuf jedhanii cinqataa jiran.
sheek Muhammad Rashaad wahhabiyyaa fii Kaafiraaaa??????
2.     Qaphxiin biraa sifa Rabbii keeysatti waa’ee Rabbiin ija isaan maltu qabaachuu isaa kan Qur’aanaaa fi Hadiisa keeysatti dhufe akkasumas kan Sheekkootiin teenya nu barsiisaa turte, Ahbaash dhuftee akki jettu Rabbiin ija hin qabu, namni akkas jedhu kaafira nuun je’an. Mootummaanis Rabbiin ija qaba yo jettan isin mankaraaristiidha, farra misoomaa fii nagayaati nuun je’aa jira.
Mee sheek Muhammad Rashaad Maal jedha:
Wanni jannu: Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti,”””
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34


Gaafii
Deebisaa Ahlus-Sunnaa
Deebisaa Ahbaasha
Sheek Muhammad rashaad maal jedha?
Rabbiin eeysa jira?
Samii torbanii ol arshiirratti ol tahe.
Bakka takkallee hin jiru.
Namni Rabbiin ol tahee jedhu, wahbiyyaadha, kaafira.
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu”. Al-A’raaf: 54

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” Xaahaa: 5

Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen.””

“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.” Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36

Rabbiin ija isaan malte ni qabaa
Eee, ni qaba
Rabbiin ija qaba jechuun kufriidha, waahbiyyummaadha, shororkeeysaadha.
Wanni jannu: Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti,”””
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Rabbiin harka Isaan malu ni qabaa?
Ee, ni qaba
Hin qabu namni akkas jedhu kaafira.
“Wanni jannu: Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti.Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34


Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka isaan malutti ni dhufaa??
Ee ni dhufa akka isaan malutti.
Namni Rabbiin ni dhufa jedhu wahbiyyaadha, kaafira.
Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu,”
Al-Fajr: 21-22

Sahaaba Rasuula keeysa tokkollee arrabsuun ykn jibbuun ni tahaa?
Hin tahuu sahaaba hunda ni jaalanna, tokkollee hin arrabsinu.
Sahaaba akka mu’awiyyaa fi warra isa waliin turee arrabsuun ni taha.
Sariihul-bayaan:197

Asaabaa nabi Muhammad, nama isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi isaanii jaalalloota keenya. Nama asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni jibbina. Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118
Nama Islaamaatiin kaafira jechuun ni tahaa???
Hin tahu, nama Islaamaatiin kaafira hin jennu.
Wahbiyyaan kaafira, warri makkaa fi madiinaa salaachisu kaafira, warri su’udii wahbiyyaadha kaafira.
Nama kafarsiisurraa fagaatuun akkaan barbaadamaadha, ulamaa’iin yoo namni kun kaafira moo kaafiraa mitii keeysatti wal dhaban. 99 kaafira jedhee tokkoo muslima je’e tokkicha inni islaama jed’u qabanna.
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :88
Qur’aanni jecha eenyuuti?
Jecha Rabbiiti.
Jecha Jibriili
Qur’aanni Rabbiin nabi Muhammadirratti buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate.
Jibriil Rabbirraa dhagayee, nabi Muhammad jibriilirraa dhagayee, ummanni nabi muhammadirraa dhagaye.
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21
Sheekul Islaam Ibnu teyimiyyaa kitaaboota isaa fi fatwa isaanii itti dalaguun ni tahaa???
Ee Sheekul Islaam Ulamaa’ii islaamaa guddaadha.
Ibnu teymiyyaan kaafira .
Nuti barreeffa yookaa kitaaba xiqqaa kana  keessatti, dubbiftoota keenyaf, waan sheekhul' islaam ,ibnu teymiyaan, warra akkanaa kanarratti deebisu'uu  je'ee dubbate, dhiyeessina. akka namni aylii qabu, kan ija haqaan argu qabu, dubbii nama waa beekhutiifii, dubbii nama waan beeynee adda baafatuuf jecha . Kitaaba akkaataa salaata taraawii. http://www.rashaad.org/ki_taraawiiha_15.htm

Ahbaasha wanni gaafannu sheek Muhammad Rashaad jala yoo deeemnee Rabbiin ni jira  jenne nuti kaafiraa?
Sheek Muhammad Rashaad kaafira?
Sheek Muhammad Rashaad waan Rabbiin Arshirratti Ol tahuu amanuuf Kaafira jechuudhaa?

Saturday, September 15, 2012

ODUU DIRREE DAWAA

ODUU DIRREE!!!

guyyaa arraan tanaa 5-1-2005 A.L.H magaalaa DIRE DAWA keessatti galma ogaas hassan keessatti mariin jidduu dargaggoota magaalaa dire dawaafiii jidduuu qaama mootummaatii gaggeefamtee turte. kana irratti hawaasni muslimaa murannoo isaa sodaa takka malee ibsee jira. 
gaafiwwan ummanni mootummaa gaafatan keessa 
1. ulamaa mikir beet( mana marii ulamaaoota ) kan ja'amu san eenyuutu file.
2. osoo hayyoonni islaamaa mana hidhaa keessa jiruuu filannoo hin gaggeessinu.
3. ammas kan akkanatti nu jeeqaa jiru mootummaa tahuu isaa ummanni ifaafii walabatti himee jiraaaf .
kanumaan wal qabateee ummanni sagalee isaanii ol fuudhanii galma keessatti takbiiraa dhageesisaa turan. ammas haasawa isaanii ummanni kararratti muree dhiisee deemee jira allaaahu akbar! allaahu akbar! allaahu akbar! yaa rabbi nuuf tumsi!!!!

Friday, September 14, 2012

oduu Kamisee

Guyyaa arra juma'aa 14-9-12booda Muslimoonni Kamisee sagalee isaanii dhageesiisanii jiran.
filannoon keenya masjidatti
koreen teenya hidhaa haa baatuu fi dhaadannoo biroo dhagesisanii jiran.



Fidaa sif haa tahuu yaa Rasuulallaahii

Fidaa sif haa tahuu yaa Rasuulallaahii

Urjii Ahmad


Nagayaa fi rahmata kee buusii yaa Allaah
Nabiyyi keetirratti Rasuulaa Alamaa

Fidaa sif haa tahuu yaa Rasuulallaahii
Caala ilmaan Aadam Rabbii si godheetii
Adawwiin si jibbu mee maal si godhaatii
Muslimoonni hundi si jaalanaa ati
Fidaa taana namuu kabajaa teetiifii
Warri si arrabsu yahudaaf Ahbaashii
Muslimoonni hundi si faarsinaa ati
Sirratti haa turu faaruu fii nageenyii
Sin jaaladha ammas duraanii olittii
Fidaa siif haa taatu lubbuun too ammatti

Nagayaa fi rahmata kee buusii yaa Allaah
Nabiyyi keetirratti Rasuulaa Alamaa

FAARUU


FAARUU RASUULAA S.A.W
Urjii Ahmad
saluu wasalimu alaa Rasuulinaa
Yaa Rasuula Rabbi ati bar faarfamaa

Barsiisaa nagayaa haqa agarsiisaa
kan Rabbiin filate Ilmaan namaa keessaa 
Aduunyaa guutuudhaaf tahee bar Rahmata
Shirkii dhabamsiisee Towhiida barsiisaa
Ilmaan nama hundaa wallaalarraa baasaa
Mirga xiqqaa guddaa haqaan wal qixxeesaa
Haqa Rabbiif malee kan saa yoom dubbataa
Takkaa hin Zallamnee uumaa Rabbi Isaa
Sahaabaa isaatiin hedduu jaalatamaa
Lubbuu isaa baasan jaalala saa keessaa
Abbaa fi haadhalle hunda isaa caalaa
Ergamaa Rabbiiti qulqulluu badirraaa
Kaafira hedduutu Ragaa isaaf bahaaa
Seenaa Isaa laalee hedduuu jala deemaa

garuu amma kunoo Adawwiin zabanaa
Afaan saa guutatte Rasuula arrabsaa
yaa Ummata Islaamaa badiin hundi teenyaa
Nutu jala deemee Adawwii Rasuulaa
Karaa Isaaniitis hedduutu hordoofaaa
Jara badaa kana hundi jibbuu qabaa
Isaan dhaamsuu fedhan ifaa Islaamummaa
Afaanin Arrabsuun qalmaan barreesaa
Ammoo hin dandahan Diin saa ni dagaagaa
Faca'ee wal gahaa Adunyaa tanarraa

Nuti kan laaffate kan si arrabsiisee 
yaa Ergamaa Rabbii Ati qulqulloyte
Rabbiin si faarseerraa hunda si caalchisee
Maal sirraa irrisa Adawwiin si jibbee???

yaa Ergamaa Rabbi nuti si jaalanna
Si wal arguu yaadna halkanii fi guyyaa
Yaa Rabbi itti buusi faaruu fii nagayaa
Nibiyyii keenyarrati hanga qiyaamaadhaa
Jaalallee Islaamaa yaa Rasuula Allah.

Thursday, September 6, 2012

ODUU OWWAA

Oduu Owwaa !!!
FINFINNEE
sheekni guddaan Masjida shoogolee salaachisan Imaamni Umriidhaan maanguddoo Sheek Abdusalaam Guyyaa arraa Polisaan mana isaatii fudhamee gara mana hidhaa geeffamee jira. Sheek Abdusalaam akka hidhamu xalayaan ajaju Iida dura irratti bahuun isaa ni yaadatama, warreen xalayaan hidhaa itti baherraa, Sheek Hamid Muusaa, ustaz Muhammad Faraj, Ustaz Abdulmannaan Galaanii fi sheek haajii tahuun isaatis dhagayamee jira. Sheek Haajiis Polisaan hidhamee jira. 

GOODINA HARARGE LIXAA
Magaalaa fii aanaa adda addaa keeysatti hidhaa fii sodaachisaan itti fufee jira. sheekootii hidhuuf ummataan dirqamaan hiriira irratti bahaa jechaa jiran. Hawaasaa keeysa nama sheekootiif dubbatu qorannoo sa'aa dheertuu godhuudhaan sodaachisaa jiran. 
Oduu facebook irratti baafatan jechuudhaan dargaggoota akka malee sodaachisaa jiraachuun isaanii dhagayamee jira. 

Monday, September 3, 2012

TOKKUMMAA


TOKKUMMAA
Urjii Ahmad

Ummanni Islaamaa harka walqabadhaa
Tokko tahaa ka’aa amantiif falmadhaa
Sabummaan wal qooduun gahee nurraa dhiisaa
Yeroo sa dabartee amma amantiidhaa
Adawwiin balleesuuf nurratti wal yaamaa
Nuti yoo maal eynaa yaa ummata islaamaa?
Ahbaasha nuuf fidan maqaa jijjiraadhaa
Ahlus-sunnaa sufii kanaan bekkameerraa
Dirqamaan leenjisa wallaalaa fi beekaa
Seera fi nageenya maqaan walgahiidhaa
Kan isaan barsiisan Aqiidaa Ahbaashaa
Roorroo hedduu tanaan dimookraasii je’aa
Yaa Rabbii iyyadhe ani sitti gooytaa.
Bakaafiroochu lay nasr amxaalinaa
Fansurnaa mowlaanaa alal kaafiriinaa
Akka sii gabbarruuf towiida qarrarraa

Ahbaash human fidduu isiin waa xiqqoodhaa
Kan nutti jeynoomsu qaama mootummaadhaaa
Qawwee fanifatee isaan mooggaa cayaa
Arrabsaa jechuudhaan isaan nu bobbaasaa
Lobnaanirraa dhufee mirga keenya dhiibaa
Nuti abbaan biyyaa mirga keenya dhabaa
Hanga shakkinutti abbaa biyyummaadhaa
Yaa ummata Islaamaa dubbi too hubadhaa
Ahbaash Adawwiidhaa namu firraa baraa
Yaa Rabbii iyyadhe ani sitti gooytaa.
Bakaafiroochu lay nasr amxaalinaa
Fansurnaa mowlaanaa alal kaafiriinaa
Akka sii gabbarruuf towiida qarrarraa

Tokkommaan bar humnaa akkuma bekkamuu
Tokko taane qabsoof amumma haa kaanuu
Gargar  faffacaanu humaa hin asarruu
Adawwiin teenyalleen tuffii isaan dhiisu
Hanga tokko taanee harka wal qabannuu
Diiniif wareegamuuf gootummaa garsiisnuu
Kadhaa fi sosobaan mirgi waan argamuu
Qabsootti murannoodhaa kan galmaan nu gahuu
Yoo akkas tahuu baate kaafirri waa laafuu
Karoora isarraa xiqolleen dhaabatuu
Hanga dhabamsiisuu Islaamummaa guutuu
Namuu waliif dhaamaa bakkuma argamnuu
Tokkummaa tokkummaa falli nuti qabnuu
Tokkumma qofa kan galmaan nu gahuu
Ahbaash axfalinii  nad’uuka yaa mowlaa
Takkallen hanbisin adawwii Islaamaa
Cillee bishaan buutu arglin yaa geetaa
Dhukkee bubbeen foote argaachaw hadaraa
Anta chay nahennaa nuti suma qabnaa
Ba Arsh lay honak Rakkoo teenya gartaa

Qabsoon itti haa fufu hamma firii garruu
Gaafii teenya sadeen deebisaa argannuu
Majlisa filachuuf mirgi nuuf kennamuu
Ahbaash nu fi’uun hanga ugguramuu
Koreen teenya qaaliin hidhaa gad-dhiifamuu
Kana tahuu baanaan Tigluun hin dhaabnuu
Mootummaaf kan dhaamnu akka nuuf awaatuu
Deebii ummata Islaamaa akka deefee kennuu
Ahbaash deegarurraa akka if qusatuu
Mirgi amantiidhaa namuuf kabajamuu
Hidhaaf sodaachisuun nurraa haa dhaabbatuu
Yoo san tahuu baate rakkoof haa qophaawu.


Walaloo tana keessatti Rakkoo teenyaa fi waan Ahbaashaa fi mootummaan nurraan gahaa jiran dubbadhee jira, furmaatas qaamaa mootummaaf dabarsee jira. 
yoo faayida hin qabdi jettan facaasaa, namni sagaleen tochuu danda'us tolchee haa jedhu akka ummanni keenna irraa faayideefatan.




WALII GALTEEN MAAF BARBAACHISE


بسم الله الرحمن الرحيم
WOLALOO : wolii galteen maaliif barbaachise???
By Abdii Borii
yeroon amma keessa jirru kun bay’isee wolii galtee cimaa barbaachisa wantaheef, mee waahe bu’aa wolii galtee irratti wolaloo tana cimsaa dubbisaatii ergaa isii naaf hubadhaa yaa obboleewwan islaamaa.

Bismilahi jennee akka Aadaa teennaa
Maqaa Rabbi dhoofnee dubbii itti sienna
Faaruu Rabbii kiyyaa egas itti aansee
kan ni'imaa hundumaa nurra dhangalaase
Caalaa anmantiidhaa kan nuu kenne diinaa
Faqaala ta’aalaa woradiitu lakumul-islaama diinaa
فقال تعالى" ورضيت لكم الإسلام دينا")ا)
Salaataaf salaama nabirratti buusee
Xaahaa kabajamaa kan diinii nuuf ibse

Aailiif sahaabaallee worra tumsan diinaa
akkuma san immoo kulla attabi'iina(كل التابعينا)

Yaa obboleewan koo hunduu naaf dhagahaa
Bu'aa woliigaltee gurran isin gaha
Wolii galtee malee sila maaltu tahaa?

Wonta guddaa tahuu isaa naa hubadhaa
Seenaa islaamummaa keessatti qoradha
Taariika sahaabaa fa'a mee gaafadhaa
Jalqabni islaamaa akkamii yaadadhaa
quwwaa muslimoota yoo sanii qaabadhaa

jarri wolii gallaan addunyaa dhunfate
ifaa Qur'aanaatiin dukkana mooyate
kaafirran gugurdaa ufjalatti deeffate
FAARISII fi RUUMIIN hundaa hinjifate
Beektuu woliigallaan akka san hojjate

Ardhammoo Awropha f i Amriikaa hin garree?
Dharatti wolii gallaann islaaman dararree?
Biyya jara didde tumti akka harree
Kan fedhan cacabsaa kan filuun agarree?
Zaalimaa tumsaatiin mazluuman qabbarree
Dubbiin faallaa tahuu nuhundinuu garree
Bu'aa wolii galtee kanarraan agarree?

Koottaa yaa dargaggoo afaan tokko taanaa
Seenaa keenna gariif quwwaa deebifannaa
Diinii islaamuummaa mataasaa olkaafna
Kufrii jalaa baanee diiniin murteeffannaa
Sila haga yoomii kaafira sujuudnaa?
Jiraannu gammachuun asirra jiraanna
Yoo duune shahiidee taaneetiin asirraa godaanna
CARRAA akka kanaa nuu keenni mowlaanaa
Xiqqeennaan jiraachuu nuu didi Rabbanaa.

Namni wolii gallaan waan baayyee dalaga
Haalli yeroo ammaas kanarratti raga
Sowraa(fincila) Arabaalee nuhundatu arga

Mee SOWRAA kanarraa fakkeenya fudhanna
Tajribaaf xinxallaa, beekkums argannaa
Mee narraa caqasaa wolumaan hubannaa

Ummata TUUNUSIA hundinuun arginee?
Zeynal-aabidiinan biyaa hin ariinee?
SU'UD ARABIYAA galchanii hin teessifnee?
jallaataa falfalaa Rabbi hin salphifnee?

kan ummata miidhee islaamas darare
islaama awwaalee kufrii kan ijaaree
mooticha jallataa kan Rabbi abaare

salaata kan dhoorge bixaaqaadhaan malee
masjiida hinseetu isii fiddu malee
akkana dalagnan salphinadhaan gale
(Bixaaqaa = woraqaa heyyamaa/ID carde)

mee fakkii biraallee isinii dabala
tolchaa naa hubadhaa gadi qabaa laalaa

Ummata MISRAAllee hunduu hin hordofnee?
HUSNII MUBAARAKII waan godhan hin arginee?
Sirerra ciifsanii murtiin kaleessinee?
Gocha bar 30 isa hin himsiifnee?
Gaabbiif nadaamaadhaan onnee isaan kunnee
Aja'ibaa Rabbi waa heddu argine

Ammoo kan QAZZAAFII haacaalukaa dubbiin
Abbaa "ZANGA ZANGAA" kuffistekaa anbi
Yaa raajii akkanaa ajab dubbii Rabbii

Woggaa 40 ummata cunqursee
Soshaalizimiidhaan hawaasa rakkisee
Mootii-mootowwanii jedhee uf moggaasee
Anatu jaba jedhee ifatti olbaasee

Ummata LIIBIYAA akka ilmoo lukkuu uf jalatti dachaasee
Booddee isaa kunoo Rabbi is salphise
ummaanni Liibiyaa qaabeetiin ajjeesse
Dachee dunya irraa isa dhabamsiise
Ilmaan isaatillee gar gara faffacaase
kaan biyyaa baqatee gariin hidhaa ciise
kan angoo dhaalchisuuf Qzzaafiin qopheesee.

Akkanakaa haalli jiruu dunyaa tanaaa
Ammatuu ulfinaa ammatuu salphinaa
Mootummaa gugurdaa hidhatti argina
gariin akka maleen du’eera dhageenna
Kun dubbii Rabbiitii ajabnee maal goona?

Yaa barumsa gaarii nama waa baratuu
Woy gorsa bareedaa nama waa hubatuu
Kan itti cufamtetti homaa hin fakkaatu
Hanga bira geettee mataa irran baatu

Guyyaan oleen bulu ammaa deemee dhufaa
Balbala hundaatii eessaa irraa hafa
Teenneetumaan eegna inninuu waa hafaa?

Kunoo amma dhufee mataan gad jalqabee
Diina muslimootaa sammuu isaa qabe
Kan hafes itti eda’aa Rabbiin yoom dadhabe

Ya obboleewwan koo koottaa wolii gallaa
"Namni wolii gale yoomuu alaa gala"
Rakkoo argamefis ni'argata fala
Yaa ilmaan islaamaa koottaa haadammaqnuu
Afaan tokko taanee gamtaan haa sochoonuu
Mirga diinii keennaaf kottaa haa mormannuu
Addaan wal-qoqqooduun badaadhaa haa dhiifnu
Qorsoo bishaan keessaa lakkisaa hin taanuu
Yoo addaan facaane homaa garuun geennuu
Bu'aa biyyaa dhiisaa ufiifuu waan goonuu
Amaanaa amaanaa nam tokko haa taanuu


Haasawa kiyyallee kanumaan xumura
Dogongora kiyyas irruma naa taraa
Baayyee galateessa kan dubbise maraa
Kan kana barreese ABDII tahuu baraa
Assalaamu alykum nagahaan naaf turaa


Sunday, September 2, 2012

Oduu Madda Islaamaa

ODUU OWWAA!!!!

Goodina Harargee Lixaatti Ulamaa'ii teenya tan Aanaa Qunnee (Gammachiis) keeysatti hidhamanii dararamaa jiran.
1. shek huseen bayaan 
2. shek ibraahiim ahmed
3. shek muummee muhammad   
4. shek mahdii muhammadnuur
5. shek ahmad gurraachaa    
6. shek taajuu ahmad   
7. shek muhammad umar   
8. shek mullee zakariyyaa

Namoota biroo 10 kan sheekkan hintahin qotee bularraa akka yeroo hin murtaayiniif ukkaamamanii polisa Aamaa gammachiisitti gidiramaa jiran. ulamaaiilee tana dirqamaan areeda haaddadhaa jedhanii haalaan dararaa jiran. kanneen Diin islaamaa nidhabamsifna jedhanii nama dararaa jiran qaama Mootummaarraa.

1. polis guutaa   
2. polis Taganuu   
3. Abdallaa Aliyyii    
4. Muhammad Jamaal    
5. kaamil   
6. Abdii Muhammad    
7. Aliyyii Usmaan /bulchaa/ jarreen kana. 
Badii takka malee amantii isaa ahbaashitti jirjiiru diduu qofaaf muslimni mirgi isaa dhiitamaa jira. Mallas Mootummaa akkanatti mirga namaa kabaju dhaabee. karoora baasee biraa deeme jechuudha. ajiib

Saturday, September 1, 2012

ODUU OROMIYAA

ODUU SODAACHISAA!!!!
MADDA ISLAAMAARRAA

Naannoo oromiyaa bakka adda addaatti hidhaa fi sodaachisaa sheekootii fii ulamaa irratti godhamaa jiru itti fufee jira. Warri hidhaman hundi kan mirga isaanii falmatanii fii Ahbaasha fudhachuu didan akka tahanis beekkamee jira. 

Magaalaa Duukamitti badii tokkoon malee Sheek Muusaa hidhuun isaanii ni yaadatama, haaluma kanaan guyyaa kaleessaa namoota kudhan badii takkaan malee hidhuun isaanii beekkamee jira. Badii fi maaliin akka yakkaman wanni beekkamu hin jiru. 

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Ciroo keeysattis hidhaa fii sodaachisaan kaabineen sheekootii irratti raawwatamaa jiru itti fufee jira. Barsiisaa Haramaayaa Yunivarsiitii kan tahe Obboo Musxafaan basii tokko malee guyyaa arraa hidhamee jira. Obbo Musxafaan daaii beekkamaa turan, Masjidatti Darsii fi da'waa adda addaaa waan godhaniif manni isaanii sakkataa'amee, meeshaan isaa saamamee gara mana hidhaa geyfamee jira.

Baddeesaatti Obboo Mammayyeen Sheekootii fi Namoota Ahbaasha fudhachu didan akka hidhaman Kaabineef ajaja dabarsuun isaa keeysa beektootarraa dhagayamee jira. Sheekootii keeysaa nama tokko maqaa isaa dhahuudhaan mankaraaristiidha jedhaa ummata hiriira baasaa Miseensi hundi Sheekootii Ahbaash dura dhaabbatan mankaararistii jechuun akka hirira bahuu qaban waajira dhaabaatiif ajaja dabarsanii jiran