Oduu
Jum’aa
Muslimoonni
Mootummaaf Kardii if eeggannoo keennanii jiran.
Guyyaa
5-10-2012/ 25-10-2005
Ummanni
Islaamaa kan qabsoo karaa nagayaa yeroo dheertuuf ofaa jiran amma yeroon gahe
akka waan jedhanii fakkaata. Ji’a 10ni Oliif karaa nagayaatiin gaafii seera
qabeessa gaafatanii mootummaa irraa deebisaa kan dhaban ummani Islaamaa
itiyoopiyaa amma obsa fixannee jechuun kardii if eeggannoo qabatanii akka
biyyooleessatti sagalee isaanii dhageesisaa olanii jiran.
Salaata
jum’aa booda Biyya guutuu keeysatti Ummanni Islaamaa haala adda tahen sagalee
isaanii duraan caalaa cimsuudhaan mootummaan gurra qabaattu dhagayi, diddu ammo
kaardii isa dhumaa diimaa sitti baasuun keenya dhalaawee jira jechuun sagalee
dhageysisanii jiran.
Fulbana
27tti Filannoon godhamu seeraa ala jechuun ummanni Islaamaa akka itti hin
hirmaanne waliif dhaamaa turun isaanii ni yaadatama. Oromiyaa keeysatti bakka hundatti
ummanni kaardii filannoo fudhatan akkaan xiqqaa waan taheef Kaabineen Oromiyaa
warri Goodinaa akka bobbahu ajaja dabarsanii jiran. Garuu Kaabinoonni akka
irratti waliif galan zeeroo takkaa fii lama itti ida’uudhaan gabaasa bareechuu
akka tahes oduun keeysaa bahe ni Ibsa.
Fakkeenyaaf
yoo magaalaa takkatti ummanni 20 kaardii filannoo fudhatee zeeroo lama itti ida’uudhaan
2000 godhuu jechuudha. Kun hundi Mirga amantii tokkoo dhiibuuf maalif akka
dalagamu waan nama hundaaf galuu dhabeedha.
Gama
Oduu arraa yeroo dabarru Ummanni Islaamaa Finfinnee, Jimmaa, Walqixxee, Badallee,
Dirree Dawaa, Shaashamnnee, Kamiisee, Dasee, Goodina harargee bahaa Kombolcha
bakka dhaloota Ahmadin dabalatee bakka hedduutti Sagalee Isaa kaardii If
eeggannoo (yellow card) qabachuudhaan Takbiiraa godhaa olee jira.
Dhaadannoon
akka walii galatti dhagayamaa ture:
Filannoon
fulbana 27 kan farra Islaamaati
Dirqamaan
hin Filannu
Koreen
teenya hidhaa baatu malee hin filannu
Filannoon
keenya Masjida keenyatti
Mootummaan
amantii keeysaa harkaa haa baasu
Ahbaashaa
fi Majlisni bakka nurraa hin bu’u
Allaahu
Akbar!!! Allaahu Akbar!!! Allaahu Akbar!!!
Jechuun
sagalee isaanii dhageysiisanii jiran.
Namoonni
qabsoo ummata islaamaa kana hordofaa turan kan amantii biraa hordofan seenaan
Itiyoopiyaa waan hin beyne argaa jirti jedhanii jiran. Muslimoonni Karaa
nagayaa qofaan qabsoo isaanii godhuu kanaan fakkeenya Ummata biyyatti guutuuf
tahuu danada’anii jiran jechuudhaan dubbatanii jiran.
Garuu
Mootummaan Ummata seenaa dalagaa jiru kanaan Mankaraaristii jedha Ajaa’iba!!!
No comments:
Post a Comment