Oduu keeysaa Bahe!!!!
Goodina Arsii Lixaa keeysatti hidhaa sheekkootii fi Imaammanii akka Mootummaan jedhutti mankaraaristoota hoggantoonni waajira Haqaa fii Abbootii Alangaa Goodinichaa hanga jijjiramanitti Raawwachuun hin danda'amu jedhanii Oromiyaatti Goodinni Arsii Lixaa iyyatuu Isaa keeysa beektoonni Ibsanii jiran. Kanarraa ka'uun manni Murtii fi Biroon Haqaa Oromiyaa jijjirraa namoota tokko tokkoo akka raawwate hasaassiin dhagayamaa jira. Mootummaan xoobiyyaa sheekkootii hidhuuf jecha hanga kana rakkachuun isaa maalif akka tahes beektoonni yeroo dubbatan, Mootummaan Islaamaa biyyatti keeysaa qulqulleesu akka fedhu agarsiisa jedhan.
karaa biraatin Goodinuma Arsii Lixaa kanatti kaabineen Goodinaa dhimma filanootiif guyyaa 20-01-2005 irraa eegalee aanaa hundatti akka bobba'uun isaanii ni yaadatama. Kanumaan wal qabatee Gabaasa isaanii guyyaarraa ilaalan irratti aanoonni dhimma filannoo Ahbaash (Majlisaa ) irratti nu Rakkisaa jiran jedhani tarreesanii jiran.
1. Aanaa Asaasaa
2. Kofalee
3. Shaallaa fi
4. Dodolaa akka tahe oduun keeysaa bahe ibsee jira.
Filannoon kan Majlisaa Osoo hin taane kan siyaasaa tahuu Ragaan kanaa olii ni jiraa???
No comments:
Post a Comment