Monday, September 3, 2012

WALII GALTEEN MAAF BARBAACHISE


بسم الله الرحمن الرحيم
WOLALOO : wolii galteen maaliif barbaachise???
By Abdii Borii
yeroon amma keessa jirru kun bay’isee wolii galtee cimaa barbaachisa wantaheef, mee waahe bu’aa wolii galtee irratti wolaloo tana cimsaa dubbisaatii ergaa isii naaf hubadhaa yaa obboleewwan islaamaa.

Bismilahi jennee akka Aadaa teennaa
Maqaa Rabbi dhoofnee dubbii itti sienna
Faaruu Rabbii kiyyaa egas itti aansee
kan ni'imaa hundumaa nurra dhangalaase
Caalaa anmantiidhaa kan nuu kenne diinaa
Faqaala ta’aalaa woradiitu lakumul-islaama diinaa
فقال تعالى" ورضيت لكم الإسلام دينا")ا)
Salaataaf salaama nabirratti buusee
Xaahaa kabajamaa kan diinii nuuf ibse

Aailiif sahaabaallee worra tumsan diinaa
akkuma san immoo kulla attabi'iina(كل التابعينا)

Yaa obboleewan koo hunduu naaf dhagahaa
Bu'aa woliigaltee gurran isin gaha
Wolii galtee malee sila maaltu tahaa?

Wonta guddaa tahuu isaa naa hubadhaa
Seenaa islaamummaa keessatti qoradha
Taariika sahaabaa fa'a mee gaafadhaa
Jalqabni islaamaa akkamii yaadadhaa
quwwaa muslimoota yoo sanii qaabadhaa

jarri wolii gallaan addunyaa dhunfate
ifaa Qur'aanaatiin dukkana mooyate
kaafirran gugurdaa ufjalatti deeffate
FAARISII fi RUUMIIN hundaa hinjifate
Beektuu woliigallaan akka san hojjate

Ardhammoo Awropha f i Amriikaa hin garree?
Dharatti wolii gallaann islaaman dararree?
Biyya jara didde tumti akka harree
Kan fedhan cacabsaa kan filuun agarree?
Zaalimaa tumsaatiin mazluuman qabbarree
Dubbiin faallaa tahuu nuhundinuu garree
Bu'aa wolii galtee kanarraan agarree?

Koottaa yaa dargaggoo afaan tokko taanaa
Seenaa keenna gariif quwwaa deebifannaa
Diinii islaamuummaa mataasaa olkaafna
Kufrii jalaa baanee diiniin murteeffannaa
Sila haga yoomii kaafira sujuudnaa?
Jiraannu gammachuun asirra jiraanna
Yoo duune shahiidee taaneetiin asirraa godaanna
CARRAA akka kanaa nuu keenni mowlaanaa
Xiqqeennaan jiraachuu nuu didi Rabbanaa.

Namni wolii gallaan waan baayyee dalaga
Haalli yeroo ammaas kanarratti raga
Sowraa(fincila) Arabaalee nuhundatu arga

Mee SOWRAA kanarraa fakkeenya fudhanna
Tajribaaf xinxallaa, beekkums argannaa
Mee narraa caqasaa wolumaan hubannaa

Ummata TUUNUSIA hundinuun arginee?
Zeynal-aabidiinan biyaa hin ariinee?
SU'UD ARABIYAA galchanii hin teessifnee?
jallaataa falfalaa Rabbi hin salphifnee?

kan ummata miidhee islaamas darare
islaama awwaalee kufrii kan ijaaree
mooticha jallataa kan Rabbi abaare

salaata kan dhoorge bixaaqaadhaan malee
masjiida hinseetu isii fiddu malee
akkana dalagnan salphinadhaan gale
(Bixaaqaa = woraqaa heyyamaa/ID carde)

mee fakkii biraallee isinii dabala
tolchaa naa hubadhaa gadi qabaa laalaa

Ummata MISRAAllee hunduu hin hordofnee?
HUSNII MUBAARAKII waan godhan hin arginee?
Sirerra ciifsanii murtiin kaleessinee?
Gocha bar 30 isa hin himsiifnee?
Gaabbiif nadaamaadhaan onnee isaan kunnee
Aja'ibaa Rabbi waa heddu argine

Ammoo kan QAZZAAFII haacaalukaa dubbiin
Abbaa "ZANGA ZANGAA" kuffistekaa anbi
Yaa raajii akkanaa ajab dubbii Rabbii

Woggaa 40 ummata cunqursee
Soshaalizimiidhaan hawaasa rakkisee
Mootii-mootowwanii jedhee uf moggaasee
Anatu jaba jedhee ifatti olbaasee

Ummata LIIBIYAA akka ilmoo lukkuu uf jalatti dachaasee
Booddee isaa kunoo Rabbi is salphise
ummaanni Liibiyaa qaabeetiin ajjeesse
Dachee dunya irraa isa dhabamsiise
Ilmaan isaatillee gar gara faffacaase
kaan biyyaa baqatee gariin hidhaa ciise
kan angoo dhaalchisuuf Qzzaafiin qopheesee.

Akkanakaa haalli jiruu dunyaa tanaaa
Ammatuu ulfinaa ammatuu salphinaa
Mootummaa gugurdaa hidhatti argina
gariin akka maleen du’eera dhageenna
Kun dubbii Rabbiitii ajabnee maal goona?

Yaa barumsa gaarii nama waa baratuu
Woy gorsa bareedaa nama waa hubatuu
Kan itti cufamtetti homaa hin fakkaatu
Hanga bira geettee mataa irran baatu

Guyyaan oleen bulu ammaa deemee dhufaa
Balbala hundaatii eessaa irraa hafa
Teenneetumaan eegna inninuu waa hafaa?

Kunoo amma dhufee mataan gad jalqabee
Diina muslimootaa sammuu isaa qabe
Kan hafes itti eda’aa Rabbiin yoom dadhabe

Ya obboleewwan koo koottaa wolii gallaa
"Namni wolii gale yoomuu alaa gala"
Rakkoo argamefis ni'argata fala
Yaa ilmaan islaamaa koottaa haadammaqnuu
Afaan tokko taanee gamtaan haa sochoonuu
Mirga diinii keennaaf kottaa haa mormannuu
Addaan wal-qoqqooduun badaadhaa haa dhiifnu
Qorsoo bishaan keessaa lakkisaa hin taanuu
Yoo addaan facaane homaa garuun geennuu
Bu'aa biyyaa dhiisaa ufiifuu waan goonuu
Amaanaa amaanaa nam tokko haa taanuu


Haasawa kiyyallee kanumaan xumura
Dogongora kiyyas irruma naa taraa
Baayyee galateessa kan dubbise maraa
Kan kana barreese ABDII tahuu baraa
Assalaamu alykum nagahaan naaf turaa


Sunday, September 2, 2012

Oduu Madda Islaamaa

ODUU OWWAA!!!!

Goodina Harargee Lixaatti Ulamaa'ii teenya tan Aanaa Qunnee (Gammachiis) keeysatti hidhamanii dararamaa jiran.
1. shek huseen bayaan 
2. shek ibraahiim ahmed
3. shek muummee muhammad   
4. shek mahdii muhammadnuur
5. shek ahmad gurraachaa    
6. shek taajuu ahmad   
7. shek muhammad umar   
8. shek mullee zakariyyaa

Namoota biroo 10 kan sheekkan hintahin qotee bularraa akka yeroo hin murtaayiniif ukkaamamanii polisa Aamaa gammachiisitti gidiramaa jiran. ulamaaiilee tana dirqamaan areeda haaddadhaa jedhanii haalaan dararaa jiran. kanneen Diin islaamaa nidhabamsifna jedhanii nama dararaa jiran qaama Mootummaarraa.

1. polis guutaa   
2. polis Taganuu   
3. Abdallaa Aliyyii    
4. Muhammad Jamaal    
5. kaamil   
6. Abdii Muhammad    
7. Aliyyii Usmaan /bulchaa/ jarreen kana. 
Badii takka malee amantii isaa ahbaashitti jirjiiru diduu qofaaf muslimni mirgi isaa dhiitamaa jira. Mallas Mootummaa akkanatti mirga namaa kabaju dhaabee. karoora baasee biraa deeme jechuudha. ajiib

Saturday, September 1, 2012

ODUU OROMIYAA

ODUU SODAACHISAA!!!!
MADDA ISLAAMAARRAA

Naannoo oromiyaa bakka adda addaatti hidhaa fi sodaachisaa sheekootii fii ulamaa irratti godhamaa jiru itti fufee jira. Warri hidhaman hundi kan mirga isaanii falmatanii fii Ahbaasha fudhachuu didan akka tahanis beekkamee jira. 

Magaalaa Duukamitti badii tokkoon malee Sheek Muusaa hidhuun isaanii ni yaadatama, haaluma kanaan guyyaa kaleessaa namoota kudhan badii takkaan malee hidhuun isaanii beekkamee jira. Badii fi maaliin akka yakkaman wanni beekkamu hin jiru. 

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Ciroo keeysattis hidhaa fii sodaachisaan kaabineen sheekootii irratti raawwatamaa jiru itti fufee jira. Barsiisaa Haramaayaa Yunivarsiitii kan tahe Obboo Musxafaan basii tokko malee guyyaa arraa hidhamee jira. Obbo Musxafaan daaii beekkamaa turan, Masjidatti Darsii fi da'waa adda addaaa waan godhaniif manni isaanii sakkataa'amee, meeshaan isaa saamamee gara mana hidhaa geyfamee jira.

Baddeesaatti Obboo Mammayyeen Sheekootii fi Namoota Ahbaasha fudhachu didan akka hidhaman Kaabineef ajaja dabarsuun isaa keeysa beektootarraa dhagayamee jira. Sheekootii keeysaa nama tokko maqaa isaa dhahuudhaan mankaraaristiidha jedhaa ummata hiriira baasaa Miseensi hundi Sheekootii Ahbaash dura dhaabbatan mankaararistii jechuun akka hirira bahuu qaban waajira dhaabaatiif ajaja dabarsanii jiran

Friday, August 31, 2012

ODUU DIRREER!!!

ODUU AJAA'IBAA

Diree Dawaatti Jum'aa hunda khuxbaa qopheysan imaamoonni guyya kamisaa akka mootummaa bira geysanii agarsiisan ajajnii dabree jira jechuun dhagayamee jira. Imaamni khuxbaa osoo hin agarsiisne godhu hundi akka adabamus himamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Imaamni Jallina Ahbaashaa ummataaf Ibsu tokko ji'a lamaaf hidhamee hidhaarraa Mallateysuudhaan bahee jira. Mallattoon Inni Mallateysa akka Masjida duraan itti imaama sanitti umrii isaa guutuu hin salaannee tahuun isaa beekkamee jira. Mee Dimookraasii tana dhagayaa waan taate.


SEENAA MALLAS KAN DHUGAA 1955-2012

SEENAA “MALLASII” KAN DHUGAA
(1955 - 2012)
Abdii Borii

Kana dura seenaa mootummoota Etyoophiyaa bulchaa turani kan akka : TEWDROS,YUHANNIS,MINILI FI HAYLASILLAASEE duubataa turuun keenna niyaadatama,Mallasiin immoo hanga angoo isaa xumuratuuf eegaa turre,amma yeroon waahee isaa dubbannu gahee jira waan taheef kunooti.


Mallas maqaan isaa kan dhalootaa “Laggase Zeenaawii” ture , qabsaayaan cimaan ummata Tigree Mallas jedhamu duunaan maqaa kana fudhate.
Mallas bara 1955 ALA Adawaa(Tigraay) keeaassatti dhalate.
bara 1974 tti Barnoota fayyaa(medicin) osoo barataa jiru jidduun kutee worraaqsa ummata Tigree kan mormitoota mootummaa Dargiititti dabalame
bara 1975tti adda bilisummaa Tigraay hundeessuu keessatti qooda fudhatee ture.
Bara 1991tti Mnagistuu Hayla maaram gara Zimbaabuyee baqannaan Mallas gara angoo dhufee presdaantii biyyattii tahe.
MALLAS erga worroota sirna Dargii cabsuuf woliin lolaa turan ganee, kaan ajjeesee,kaan hidhee,kaan biyyaa ari’atee angoo irratti olbahe. Aangoo isaa cimsatee haala mijjeeffatee boonaa fi ofjajuu jalqabe,tiyya haataatuu fi anatu jabaa dha jechuun mallattoo isaa taahe,akkuma aadaa mootummoota abbaa irree innis fayyadamaa ture.jechoonni inni paarlaama keessa taa’ee dubbatu kana irratti ragadha. 
yeroo gaafiin adda addaa isa gaafatame deebiin inni kennu kan tuffii fi xiqqeessati, fkf;
-shukkaarri maaf gatiin isaa dabale jedhamee yoo gaafatamu “qotee bulatu shaayii dhuguu jalqabe”
-Etyoophiyaa keessatti kadhataan maaf baay’ata ?jedhanii gaafannan “sacii sila bazza new /namni kennu waan baay’ateefi”.
-paartii mormitootaa yoo yaamu “ye abbadee hushaa(saree maraatte) jedha.
-yeroo woraana biyya suumaaletti erge gara biyyaatii haa deebi’u jedhee murteesse ,ummata wolfixaa jiru kana akkamitti wolitti dhiifnee woraana keenna keessaa baafna jedhee paarlaamaa keessaatti gaafatamnaan “ye fallagee jib yibila /abbaa barbaade bineensi haa nyaatu” jedhee deebii kenne. Jechoonni kana fakkatan baayyetu jira.

Kana qofa osoo hin taane sammuu namaatitti taphaataa ture,ummata gowwoomsaa ture,mee akkamitti yoo jettan ??? wolumaan haalaalluu.
Beelaa fi hiyyummaa = misoomaa fi guddina jedha
Wolaalaa fi doofummaan =beekkumsa fi qaroomina babaldhisuu jedha 
Diktaatoorummaa(abbaa irrummaa) =dimokraasii dhugaa
Mirga dhala nama dhiibuu = bilisummaa jedha
Dhimma Biyyoota ollaa keessa seenuun rakkoo irraan gahuu = tola itti oolinsaa fi rakkoo keessaa isaan baasinsa jedha , fkf biyya Sumaalee.
Mallas akkanatti wonta hundaa faallaa jijjiiree dubbataa ture,worroonni isa jala deemanis woma inni jedhu san woliin jedhaa jalaa qeebalaa harka tumaafii turan

Kun immoo kan duraa caalaa akka boonee uf wollaalu isa taasise, boonni isaa kun tuffii muslimootaa biraan isa gahe,mirga amantii kan seerri biyyatti akka kabajamu murteesse diiguudhaan muslimoota aqiidaa isaanii qulqulluu irraa gara aqiidaa AHBAASH tan dharaatitti isaan deebisuuf yaalii godhuu jalqabe,muslimmummaa irraa gara amntii biraatitti isaan jijiiruuf haala mijjeessuuf kaayyoo kana jalqaba taasifate.

Haata’uu malee dubbiin faallaa isatti garagalee muldhatee jira,waan inni hin niyyatin/hin yaadintu isa mudate,moormii jagnoonni muslimtootaa argisiisaniin rifachhiifamee jira, ijjannoon cimaa ulamaa’ota islaamaa irraa murtaaheen hamileen isaa dhahamee kaayyoon isaa fashilaayee jira.
Guyyaa 17/4/2012 tti lola muslimoota irratti labse,ulamaa’ooni islaamaa du’aa’i qunuuta(salaata keessaa) akka isarratti kadhatan murteessan,yaa Rabbi qabaatee jabduun nuuf qabi,nuti humna hin qabnuu simalee jedhanii Rabbiin itti kadhatan.
Guyyaa lama qofa oolee 19/4/2012 dhibee baayyee badaa taheen qabamee mana yaalaa biyya alaa magaalaa Buriksil geeffame, garuu fayyuu hin dandeenyee, achumatti booddeen isaa taate,kaayyoo isaa usuu galmaan hin gayin gaddaa fi gubataan du’e.umrii(57) tti du’e.

GOCHA GUDDAA KAN HIN DAGATAMNE:
Seenaa Mallasii keessatti wonti guddaan yeroo kamuu dagatuun hin danda’amne ummata muslimaatii Amantii haarawa biyya alaa irraa fiduu isaati, biyya Lubnaan (Lubaanos) irraa amantii AHBAASHAA kan yahuudaan islaama ittiin cabsuuf oomishte fidee jira. Gocha akkanaa kana mootummoonni Etyoophiyaa kanneen isaan duraa tokkollee dalaganii kan hin jirre argamsiisie,MINILIKI fi HAYLASILLAASEENIS amantii islaamaa balleessuuf yaalii godhaa turan malee biyya alaa irraa amantii biraa fidanii hin beekan.
MALLAS amantii akka meeshaa daldalaa biyya alaatii galche kana ummanni muslimaa fudhatuu dinnaan dirqiin (humnaan) isaan fudhachiisuuf biyyoota Awrophaa fi Amriika keessa naannayee qarqaarsa wolitti qabuuf osoo olii gad deemu qabaan rabbi itti dhufte,kun aadama Rabbii keennaati,zaalimtoot diinii isaa balleessuu barbaadan durumaa rabbiin akkanuma isaan godha, kun waan haarawaa miti.

Haata’u malee Gochoonni MALLAS dalagee fi qabaan Rabbiin isa qabe kun SEENAA kanaan dura dabre nuyaadachiisa:
YUHANNIS kan dhaloonni isaanii bakka tokko ture(Tigraay) kana dura akkana dalage, bakka BOOR- MEEDA jedhamutti bara 1875 ALA titti muslimootaf woggaa 3 qofa beellame,namni woggaa an beellame kanaan booda amantii islaamaa irra jiraate jazaan isaa ajjeefamuu ykn biyya gad dhiisee deemuu malee hin jiru jedhee murteesse,erga yeroon sun dhumee nama kuma 50 fixee kuuwwan biyyaa baqatan. Garuu rabbiin jazaa isaa usumaa hin turin isaaf deebise,harka woraana muslimaa “MAHDISTOOT” jedhamanitti daangaa Etyophiyaa fi Suudaaniitit ajjeefame, mataan isaa irraa muramee gara magaalaa UMDURMAAN geeffame,haga amma galmee meeshaa aadaa fi seenaa biyya suudaan keessatti argama.
HAYLASIILAASEE:Innis yeroon angoo isaa san keessatti wolgahii kongirasii Ameerikaa irratti akkana jedhee dubbate:
“muslimoonni Etyoophiyaa keessa ummata gabaabduu dha,worroota gabaabduu amantii abbaa isaanii gad dhiisan kana yeroo gabaabduu keessatti gara amantii abbaa isaanitti (kiristaanummaa)isaan deebisna” .
garuu rabbiin usuu kaayyoo san inni galmaan hin gayatin isa dhabamsiise bara 1974 halaakame.
muslimoota immoo Rabbiin rahmata isaatiin isaan hanbisee haga ammaa nahan amantii isaanii irra jiran.

Ajja’iba !!!! mootummoonnummaan Habashaa yoomuma gorsa fudhatan? Yoomuma worra dabdre irratti laalanii jiilan?yoomuma gowwumma kana irraa bayfata?yoomuma jallinna isaanii kana dhiisan?

DU’A MALLASIITIIF GADDUU:

Waa hunda caalaa kan nama ajabsiisu worroota amantii islaamaa usuu himatan,nama amantii isaanii balleessuuf karoorfate kan Rabbi isa hanqise kana du’a isaatiif kan gaddaniidha.
Rabbiin nama diina islamaa tahe hundaayyu akka hin gaddinef nu dhoorgee jira,usuu abbaa fi obboleessa keennallee taatee.kanarratti raga heddutu jra:
1.nabi IBRAAHIIMIIN(A S ) abbaa isaa irraa Rabbiin isa dhoorgee jira.
2.Rasuulli keennas (S A W) qabrii haadha isaanii Amiinaa dhaqanii akka Rabbiin kadhataniif heyyama gaafannan heyyama dhabanii booyaa achii deemana. 
3.sahaabtichi ABII UBEYDAA(r a)jedhamu kan Rasuulli (s a w) Amiinu haazihil-ummaah(amanama ummata kana) jedhanii isa moggaasan gaafa lola BADRII abbaa isaa JARRAH kan jedhamu ajjeese,abban isaa nama diin Rabbiitiin lolu waan taheef,akkamitti abbaa kee ajjeefata? jedhanii namoonni gariin isa komatuu barbaannaan, Rabbiin Qur’aana buusee akka inni badii tokko hin dalagin raga isaaf bahe (لا تجد قوما يؤمنون بالله واليوم الأخر يحبون من حاد الله ورسوله ولو كانوا آباءهم) “Ummat Rabbiitii amanan kan jaalatan hin argitu nama Rabbii fi Rasuula isaa morme usuu abbaa isaaniillee taate,yk ilmaan isaaniille taatee,yk obboleessa isaaniillee taatee,yk gosa isaaniillee tate …….” Abii Ubeydaan akkanatti abbaa isaa inni diina Rabbii taheef yoo ajjeesu nuti du’a nama diina islaamaa taheef yoo gaddinu mee dubbiin maalfakkata???amantiin teenna akkam ta’itti?
Kanaafuu namni amantii islaamaa qabdan du’a nama dallansuu Rabbii irratti du’eetiif gadduu irraa akka uf qusattan isiniif dhaama, akka amantiin teessan isin jalaa hin miidhamne,akka guyyaa qiyaamaa isaan woliin Rabbiin isin hin kaafne “namni tokko namuma jaalatu woliin kaafama jedhan Rasuulli (s a w).

YAA RABBIIN NAMA HAQAA FI WOLQIXXUMMAAN UMMATA KEENNA BULCHU BAKKA NUUF BUUSI !!!!!!!!.Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiin.

ODUU DIRREEE

ODUU AJAA'IBAA

Diree Dawaatti Jum'aa hunda khuxbaa qopheysan imaamoonni guyya kamisaa akka mootummaa bira geysanii agarsiisan ajajnii dabree jira jechuun dhagayamee jira. Imaamni khuxbaa osoo hin agarsiisne godhu hundi akka adabamus himamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Imaamni Jallina Ahbaashaa ummataaf Ibsu tokko ji'a lamaaf hidhamee hidhaarraa Mallateysuudhaan bahee jira. Mallattoon Inni Mallateysa akka Masjida duraan itti imaama sanitti umrii isaa guutuu hin salaannee tahuun isaa beekkamee jira. Mee Dimookraasii tana dhagayaa waan taate.

Tuesday, August 28, 2012

AHBAASHI ENYU?



AHBAASHI EENYU????

Urjii Ahmad

Ahbaashii beekuu yoo feete
Lubnaanirraa nu gad seentee
Abdallahi harariituu isii hundeessee
bara 30 dura isii gad dhaabee
Beeruti keessatti yooniif dubbistee

Yahuudaatu isa gargaaree
Mallis kan isii nu yaamee
Yahudacha tokkootii isii qoratee
Wahbiyyaan balleesa jedhee murate
Mootumaan dubbii isaa fudhatee
Ahbaash dirqamaan nurratti fi'ee
Kadhanee kadhanee dadhabnee
Ifirraa Rabbitti iyyannee

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Wahbiyyaa balleesuuf nu jedhan
garuu Islaama balleesuu fedhan
Maqaa guyyaa keessaa nuuf baasan
Akka waan Bineensaatti nu himan
Mallattoo wahbii hoggaa nuuf himan
Najaashiin Muslimaadha Amanan
Ortodoksiin Mirga wal qixa fedhan
Kolleejii Islaamaa banuudha yaadan
Dhaalaa hijaaba itti uffisan
Dhiirtis Areeda haalaan guddisan
Taaboota baasanii hin galchan
Haraama jedhanii nama dhowwaan
Masjida bakka hundatti jaaran
Madrasaan akka hodummaatu fedhan
kana kana hammeenyaaf himatan
Mee yaa dhiiroo kanaan maal jettan.

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Duuba Islaamni Isaan barbaadan
Taaboota yoo galchee baase fedhan
Najjaashiin Muslimaa yoo didan
Masjida jaaruu gaafa dhaaban
Madrasaan heddummaachuu yoo jibbaan
Qofa warra nagayaa jedhaman
Akkas gochuu yoo baatan
Mankaraaristaa maqaa siif baasan
Hojii kana galamaan akka gahan
Abbaa itti barbaadanii dhaban
Ahbaash tokkicha itti argatan
Kan Adawwwiif Islaama qabatan
Firummaaf yahuudaadha jaalatan
Muslima hunda dhugumaan jibban
Yaadaa isaanii tasa faalleesinaan
Kaafira jechuun maqaa si baasan
Wahbiyyaa wannii sin moggaasan
Mootummaan Isaan argannaan
Gammadee nutti gad fidnaan
kunoo Arra Isaan hojii jalqaban
Biyya guutuun kaafira nuun jedhan
Ulama'aa tokko yoom keessaa hanbisan
Hunda wali qabanii Kafarsiisan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaasha hoggaa gad fidan
Akka namni hin beekne fedhan
Dafanii maqaa irraa jijjiran
Ahlu-sunnaa suufii itti moggaasan
Mallas biratti Islaamaa duraanii jedhaman
Kan faallaa sani hunda Wahbiyyaa jechuudhaan
Arrabsanii raadiyoo fi Tviidhaan
Paarlaama keessattille nu Dubbatan
Mummichi mummee kan arra du'an
Gaafa san Muslima Rifachiisan
Akka Malee garaa balleesan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaash arra Mootummaa taate
Majlisa keenyas nurraa fudhattee
Filachuudhaaf mirga dhorgamnee
Koree Filannees hidhaan isaan dhabnee
Ashabbarii jechuun isaan kan yakkee
Dimookraasii jedhee nuuf yoo himee
Akkam jennee isa haa amannu meee?

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Filannoo Majlisaa tan tvn lallaban
Koree teenya eega hidhaatti galchan
Gaafii isaan gaafannee deebisuu diidan
Kanaa waliin filannoof nu yaaman
Filannoo keessan dinne yoo jennen
Nu dhaadatan warreen biyya bulchan
Wahbiyyaa ABO nuun jedhan
Biyyaa Isin baafna Filachuu diddan
Waa meeqa wanni Isaan nu godhan
Ahbaashuma nu godhuuf muratan
Seera tuman gubbaan Tarkaanfatan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Ahbaasha Balleesi sitti Irkanneeeee
Dhabama godhii Majlisa fi Kaadrellee
Dhawii Kaabinee Abbaa garaallee
Waan dina keenyaa taane Takkallee
Cillee bishaan buute Yaa dandaha wahallee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Saturday, August 25, 2012

DUULA AHBAASHAA HAARAWA.

Oduu Owwaa
DUULA AHBAASHAA HAARAWA.
Goodina Harargee lixaa Aanoota jiran keeysatti muslimoota hidhuun itti fufee jira.

Baddeessaatti guyya arraa namoonni hedduun hidhamanii jiran. 
warra hidhaman keeysaa Hasan Hasoyye (Abbaa Khaalid) abbaa qabeenyaa fii manguddoo biyyaa hoggaa tahu dargaggoo keeysaa kan maqaan isaa nu gahe Caalaa Sheekaa nama jedhamu hidhanii jiran. Namoonni hidhamuuf barbaadaman hedduu akka tahan dhagayamee jira. sababaan hidhamaniif Ahbaasha akka hin filatamne nama kakkaastan jechuun tahuun isaatis beekkamee jira.

Galamsoottis hidhaan itti fufee jira.

Qunne (aanaa gammachiis) keeysatti namoon 60 ol guyyaa arraa hidhamanii jiran. haaluma wal fakkaatuun guyyaa arraa Laga hoomachoo bakka jedhamutti sheekkootii fii darasaa Makinaan fi'anii gara mana hidhaa Qunnee fidaa olan. Sheek Hasan Bayaan Darasaa isaa waliin hidhamee jira.
Aanuma Gammachiis wal Argii aradaa jedhamurraa Sheek Ibraahim Imaamaa fii Daa'ii, akkasumas Abbaa qabeenyaa Obboo Muhammad Siraaj namoota hedduuu waliin hidhamanii jiran.
maqaa warra hidhamee kan hafan akka nu gahetti isiniif ibsina.
Dimookraasin, Mirgi amanti, walqixxummaan, Misoomni, jeynummaan Mallas kana tahuu hin olu.

ODUU OWWAA!!!! Harargee Lixaarraa

Oduu Owwaa
DUULA AHBAASHAA HAARAWA.
Goodina Harargee lixaa Aanoota jiran keeysatti muslimoota hidhuun itti fufee jira.

Baddeessaatti guyya arraa namoonni hedduun hidhamanii jiran.  
warra hidhaman keeysaa Hasan Hasoyye (Abbaa Khaalid) abbaa qabeenyaa fii manguddoo biyyaa hoggaa tahu dargaggoo keeysaa kan maqaan isaa nu gahe Caalaa Sheekaa nama jedhamu hidhanii jiran. Namoonni hidhamuuf barbaadaman hedduu akka tahan dhagayamee jira. sababaan hidhamaniif Ahbaasha akka hin filatamne nama kakkaastan jechuun tahuun isaatis beekkamee jira.

Galamsoottis hidhaan itti fufee jira.

Qunne (aanaa gammachiis) keeysatti namoon 60 ol guyyaa arraa hidhamanii jiran. haaluma wal fakkaatuun guyyaa arraa Laga hoomachoo bakka jedhamutti sheekkootii fii darasaa Makinaan fi'anii gara mana hidhaa Qunnee fidaa olan. Sheek  Hasan Bayaan Darasaa isaa waliin hidhamee jira.

maqaa warra hidhamee kan hafan akka nu gahetti isiniif ibsina.
Dimookraasin, Mirgi amanti, walqixxummaan, Misoomni, jeynummaan Mallas kana tahuu hin olu.


Friday, August 24, 2012

ODUU JUM'AA


ODUU MADDA ISLAAMAA

Guyyaa arraa salaata jum'aa booda Magaalaa Harar keeysatti masjida 30 keeysa ummanni Takbiiraa godhuudhaan gocha Majlisaa fi mootummaa kan filannoo jechuun gaggeesaa jiran balaaleefatanii jiran. Mootummaan Ahbaasha deeggaruu isaa akka dhaabuu, filannoon masjidatti akka tahu, koreen akka biyya guututti filannee hidharraa haa bahan, fii dhaadannoo adda addaa dhageesisanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Magaalaa shaashamaneetti Ummanni Islaamaa Masjida adda addaa keeysatti dhaadannoo fi balaaleefannaa isaanii ibsanii jiran. mootummaan yeroo ammaa kana keeysattillee Ahbaasha cinaa dhaabbachuun isaa ummata Islaamaa hedduu dallansiisee jira.
Jimmaattis ummanni Islaamaa salaata jum'aa duraa fi boodatti dhaadannoo wal fakkaatu dhageesisanii jiran. Filannoon keenya Msjidatti, Koreen teenya hidharraa haa baatuu, Ahbaash dirqamaan nurratti fi'uun haa dhaabbatu!!! jechuun sodaa takka malee Jeynummaan balaaleefachaa oluun isaanii dhagayamee jira.

Goodina Hararge Bahaa Magaalaa Haroomaayaatti Ulamaa'ii Beekkamaa Sheek Abdulaxiif Waan Hidhaniif Ummanni Magaalaa Akkuma Jirutti Gara Waajira Poolisii Maagaalaatti Bahuudhaan Balaaleefachaa Olanii Jiran. Mootummaanis Jeynummaa Ummataa Kan Addaan Hin Cinne Arguudhaan Gad Lakkisuuf Dirqamee Jira.
Haalli Kun Bakka Hundatti Itti Fufuu Qaba!!!

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Cirootti Ummanni Islaamaa Ulamaa'ii seeraan ala hidhamaa jiran balaaleefachuuf mana hidhaa sheekkootiin hidhamte duratti hiriira bahuudhaan deeggartummaa isaa ibsaa ole. Haaluma kanaan warra hidhaman keeysa nama 2 akka bahan godhuu danda'anii jiran.

Allaahu Akbar!!!

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Hirnaatti ummanni Islaamaa gabrummaa addaa keeysa jiraachuun isaanii dhagayamee jira. Ummanni filannoo irratti dhalaawu kan filamu qabu Ahbash (suufii Ahlus-sunnaa) malee hin filamu, wahbiyyaan ABOdha, Ahbaash karoora mootummaa waan taheef filachuun dirqama keeysani jechuun ummata sodaachisaa jiran. Itti Gaafatamaan Waajira dhaabaa Abduushakuur kan jedhamuu fii Fatiyaa intalti jedhamtu tan waajira dhaabaa keeysa hojjattu Ummata hirnaa, Ulamaa'ii fii manguddoo biyyaatiin isin ABOdha jechuun ummata arrabsuun isaanii dhagayamee jira. Akka oduun teenya ibsitutti Aradoota hunda keeysatti Ahbaashoota mootummaa filannoof dhalese ummanni hin filannu jechuun warra isaaf tahu filatus, Kaabineen Magaalaa fii aanaa akka hin taane jala sararuun Ahbaashoota beekkamoo dirqamaan akka ummanni filu godhuuf itti deemaa jiran.

haaluma wal fakkaatuun Aanaa Doobbaa aradaa Gujee keeysatti ummanni Ahbaasha akka filatan dirqisiisnaan hin feenu jechuun isaanii dhagayamee jira. Qaamni mootummaa ummanni Ahbaash diduu hubannaan qawween isaan dirquuf polisa guuree dhufus ummanni araddaa poolisa isaan tumuuf dhufe ifirraa dhorguuf dirqamanii nama 2 madeessanii jiran. Jiraatoonni araddaa sani kan dhiiraa irra guddaan isaanii mancaa gurratanii gara gaaraa akka ifirraa seenan maddi oduu teenyaa nuuf ibsee jira. Kaabineen aanaatis ummata Ahbaasha didu san ABO jechuun waraana fedeeraalaa itti yaamuun isaanii dhagayamee jira.

Rabbiin ISlaamaa haa gargaaru!!!

ODUU OWWAA MAADDAISLAAMAA!!!

ODUU OWWAA MAADDAISLAAMAA!!!
Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Hirnaatti ummanni Islaamaa gabrummaa addaa keeysa jiraachuun isaanii dhagayamee jira. Ummanni filannoo irratti dhalaawu kan filamu qabu Ahbash (suufii Ahlus-sunnaa) malee hin filamu, wahbiyyaan ABOdha, Ahbaash karoora mootummaa waan taheef filachuun dirqama keeysani jechuun ummata sodaachisaa jiran. Itti Gaafatamaan Waajira dhaabaa Abduushakuur kan jedhamuu fii Fatiyaa intalti jedhamtu tan waajira dhaabaa keeysa hojjattu Ummata hirnaa, Ulamaa'ii fii manguddoo biyyaatiin isin ABOdha jechuun ummata arrabsuun isaanii dhagayamee jira. Akka oduun teenya ibsitutti Aradoota hunda keeysatti Ahbaashoota mootummaa filannoof dhalese ummanni hin filannu jechuun warra isaaf tahu filatus, Kaabineen Magaalaa fii aanaa akka hin taane jala sararuun Ahbaashoota beekkamoo dirqamaan akka ummanni filu godhuuf itti deemaa jiran.

haaluma wal fakkaatuun Aanaa Doobbaa aradaa Gujee keeysatti ummanni Ahbaasha akka filatan dirqisiisnaan hin feenu jechuun isaanii dhagayamee jira. Qaamni mootummaa ummanni Ahbaash diduu hubannaan qawween isaan dirquuf polisa guuree dhufus ummanni araddaa poolisa isaan tumuuf dhufe ifirraa dhorguuf dirqamanii nama 2 madeessanii jiran. Jiraatoonni araddaa sani kan dhiiraa irra guddaan isaanii mancaa gurratanii gara gaaraa akka ifirraa seenan maddi oduu teenyaa nuuf ibsee jira. Kaabineen aanaatis ummata Ahbaasha didu san ABO jechuun waraana fedeeraalaa itti yaamuun isaanii dhagayamee jira.

Rabbiin ISlaamaa haa gargaaru!!!


Wednesday, August 22, 2012

ODUU NAMA BOOCHISU

ODUU NAMA BOOCHISU!!!

Goodina Harargee lixaa fi Harargee bahaa magaalaa fi aanaa adda addaa keeysatti ajaja kaabineetiin abbaan gooxii fi abbaan araddaa ganda keeysa deemuudhaan mana manarra deemanii nama filanoof yaamaa jiran.
warra mana kabalee keeysa galan yoo filannoo dhaqanii Ahbaash hin fille manni akka irraa fudhamu sodaachisaa jiraachuun isaanii dhagayamee jira.
ummanni Islaamaa garuu filannoo kana akka irratti hin hirmaannee ibsanii jiran. Keessattu hanga koreen teenya hidharraa bahanii filannoo takka akka itti hin hirmaanne ibsanii jiran.
warri fialamanis murtaawanii jiran.

Cirootti: 
1. Sheek Abdalla ganda baashaa kan warra biyyaa biratti Adawwii islaamaa tahuu isaatiin beekkamu. Ahbaash guddaa magaalaa Ciroo.
2. Abdallaa shariif 02 irraa kan Ummata Ciroo biratti hammeenyaan malee waan gaariin hin beekkamne. Ahbaasha Guddaa. Akkasumas  warra Oromiyaa TV irratti Mankaraaristii jechuudhaan koree ummata Islaamaa balaaleefataa turan tahuun isaa beekkamee jira.

Baddeessa: 
1. Heydar Jundi maqaa qoosaatiin hammeenya isaarraa Innawgaa jechuun kan warri hiriyaa isaa isa yaamaa ture fi qabeenya masjidaa fi lafa masjidaa saamuun kan beekkame.
2. Sheek Aliyyi Qunnee (Aliif ni dhaabbata moo ni ciisaa hin beeku) karaa bahee nama zarafaa (saamaa) kan ture.
3. Dawaayyee nama jedhamu kan warri biyyaa mujirimummaa isaatii fii qabeenya namaa saamuun isa beeku. Kan Aliif ni dhaabbata moo ni ciisaa hin beeyne.
Hirna:
1. Sh. Mahammad umaree.  Kan  warri biyyaa museylamaa  (Munaafiqa guddaa) magaalatti je'ee beeku.
2. sh. Bayaan sheeka qarxaasa godhu. Ahbaasha guddaa
3. sh. Mahammad qur'aana lafzii kan hin beekne fi Ahbaasha guddaa Adawwuummuuf Islaama qabatee jiru.
kanumaan wal qabatee filannoo booda namoota imammanii fi sheekootii hedduu akka hidhuuf murteessan oduun keysaa bahe Ibsaa jira.

Haroo maayaatti:
sheekkootiin 9 akka hidhuuf deeman beekkamee jira, san keeysaa :
sheek Abdulaxiif, Sheek Zaakir fi k.k.f.

Baddeesaa:
Sheekootii fi ulamaa’ii naannoo san jiran hedduun ija hamtuu lallamaa akka jiranii fii yeroo filanoon xumaramee filannoo jeequudhaan akka yakkamanii hidhaman qophiin lafa jalaan dhumuun isaa dhagayamee jira.

Hirna:
Dargaggootaa fi sheekkootiin hedduun shororkeesummmaadhaan akka hidhamuuf deeman maddi oduu teenyaa ibsee jira. Keessattuu warren filannoo Ahbaashaa kan xumurame kana balaaleefattan hundi farra mootummaa jechuun akka yakkamaa jiran waajira dhimma nageenya goodinaa keeysaa oduun bahee addeesee jira.
Ciroo:
Sheekkootii gurguuddoo fi maanguddoo biyyaa keeysaa namoota hedduu hidhuuf yaadaa jiran. san keeysaa koree Masjida 03 fi koree masjida 04 akka addaatti itti xiyyeefatanii jiran.
namuu waan dhageenyu wal haa dhageeysisnu!!!
aanoota biroo irraa oduu nu dhaqaban akkuma nu dhaqabanitti isiniif dhaleessina.

yaa Ummata Islaamaa mootummaan kunoo Islaama maqaa Ahlus-sunnaa suufii jedhuun akka lafaa hin kaanetti laamsheesuuf itti deemaa jira.

ODUU BAALEE

Oduu Baalee!!!!
ummanni Muslimaa yeroo ammaa dirqamaan filannoof dhihaatee Ahbaasha akka filatuu Oromiyaa keeysatti godhamaa jira.
garuu Ummanni keenna kan Muslimaa Baalee Magaalaa Roobeetti Koreen Ummata Islaamaa hanga hidhaa bahuu filannoo tokkollee akka hin hirmaanne jeynummaadhaan Bulchinsa mootummaatiif ibsanii jiran.
Filannoo gaggeefamus akka hin fudhanne Ibsanii jiran.

Allaahu Akbar!!!
ummanni naannoo biraa karaa kan akka deemuu qabu yaamicha goona!!!!

Oduu hararghee lixaa

Oduu nama gaddisiisu!!!
namoota magaalaa hirnaatti akka ummanni islaamaa filatuuf motummaan qoppeesse. 1. mahammad umaree. kan warri biyyaa museylamaa magaalatti je'ee beeku tahuun isaa beekkamee jira.
sheekkaan gurguddaa suufiyyaa lama nuti islaamni addaan hin baanu jachu isaaniitiin masgiidarra ariisisee masgiida guddarra nama baqachiisee nama jaahilaafi munaafiqa jiddu nama 10 waan hin geenye salaachisaa jiraachuun isaanii nu gahee jira. 2.sh.bayaan sheeka qarxaasa godhu. 3.sh.mahammad qur'aana lafzii kan hin beekne ta'uun beekkameeti jira.
Mootummaan Mallas tan faarfamtu tana kunoo !!! kana Dimookraasin isaan baanan.

Tuesday, August 21, 2012

Meles' death made me wipe for Nasir Abdo

Jawar Mohammed

Meles' death made me wipe for Nasir Abdo, the closest person Meles took away from me. Nasir was my mentor, best friend and a dear brother. He was arrested in 2004 falsely accused of terrorism. Among evidences used against him was a Western
Union receipt for 50 bucks I sent him from Singapore to pay for rent. When I visited him in Maekelawi in 2005, he could not walk or talk as he was severely tortured. His torture ordeals was witnessed by his ones cellmate Bayissa Gemechu.

After Red Cross made issue about his situation, he was transferred to Kality where he resumed his study and teaching the illiterate peasant prisoners. He later scored 4.0 on his 10th grade exam. In 2006 he sent me a list of books I should send him, one of them was Mandela's "Long Walk to Freedom". When I went to see him, I was surprised how much he changed. He was all smiling, talking about being offered scholarship by a private college, and the number of people he helped read and write.

But misfortune hit him again when the a novel manuscript he was writing was discovered by the prison guards. According to his cellmates, he was taken away for three days. When he returned, he was all swollen up. They used the infamous torture method of hanging filled bottle on his testicles and left him locked over night, resulting in his dismemberment. He was also so badly beaten that his ribs were broken. Despite passionate plea by the fellow cellmates, he was denied medical attention for a week.

Then they threw him out on the street. People who saw him rushed him to hospital where we learned that he had severe kidney infection and his other internal organs were rapidly failing. He was taken to Adama where his agony ended a week later.
This is just a story of one Oromo who was tortured to death under Meles Zenawi's leadership. Among publicly known cases of people who were tortured to death I could mention popular singers Usmayyoo Mussaa and Yosef Gammachu.

Today, as Meles' family, friends and supporters cry over his death, I wipe for my good friend Nasir Abdo, whom Meles took away from me. I am not going to rejoice Meles' death, I am just going to mourn my best friend!

I leave you with Nasir Abdo's favorite song, Usmayyoo Mussaa's "Sodaa Lubbuu". Usmayyoo sings about his unwillingness to leave the country out of fear. As he declared, he stayed behind while many left, and after 8 years of incarceration without any charge he was ultimately tortured to death, never flinching from the cause of freedom.

Sodaa lubbuu tiyyaa jedhee
Biyyaa bahee,
Garbaa ceehe
Hin jiraadhuu kan bir tahe
Biyyaa fi biyyee toorattii
Lafaafi aanaa koo keessattii
Haqaa falmachuudhaa murtiin