Friday, August 17, 2012

oduu Harargee


Oduu Owwaa!!!
Goodina harargee lixaa Magaalaa Galamsootti Mootummaan namoota 4 guyyaa 11 dura hidhuun isaanii ni yaadatama. warra hidhan kana mankaraaristii jechuun hidhanis ragaa itti dhabanii guyyaa Kaleessaa Sheek Nasruu Siraaj fii Obboo Mahammad Sulxaan gad lakkisuu isaan burqaan oduu keenyaa mirkaneefatee jira.

gama biraatiin Sheek Ahmadnur Kamaal (imaama masjida Bilaal) hidhaa keeysa akka turu godhaa jiraachuun isaanii hubatamee jira. Koreem Masjida Bilaal Waajiroota mootummaa irra deemanii sababaa isaa gaafatanis ni qoranna jechuudhaan akka mana hidhaa irraa hin baane ammaf itti himanii jiran. Akka keeysa beektoonni himanitti Ragaa nama lama deeggartoota Ahbaash maallaqaan itti baasanii akka jiran dhagayamee jira.

kun hundi Amantuma balleesuuf malee maaaliif taha???

oduu Ajaa'ibaa

Oduu Ajaa'ibaa!!!

Goodina Harargee lixaa magaalaa Cirootti mootummaan guyyaa arra sheekkootii, Manguddoo biyyaa, Imaamman Masjidaa Waajira dhaabaatti yaamani sodaachisaa fi ajajni adda addaa itti kennamaa oluu isaa dhagayamee jira. kaabinoonni Ummata Islaamaa guyyaa guutuu akka arrabsaa olan beekkamee jira.
Masjida mankaraaristii guute, ABO sadaqaa jettanii nyaachisaa jirtan, Maallaqa abbaan qabeenyaa sadaqaa nyaachisaa jedhee kennuu irraa hin fudhiinaa ykn ammoo karaa keenyaan maallaqa isinif haa kennan, Salaatarratti boochanii nama boochiftan, Wanni isin boochaniif Mankaaraaristummaa waan qabdaaniif jechuudhaan Ulamaa'ii fi manguddoo biyyaa arrabsaa olanun isaanii beekkamee jira.

 Majlisni Ahbaashaa carraa waltajjii irratti isaaniif kennameen Jaddaal jedhanii nu arrabsan jedhee himatuun isaatis dhagayamee jira. salaata Iidaa masjidatti salaatuu qabdan jechuun kaabineen waajira dhaabaa ajaja ifa bahaa tahe waltajii irratti keennee jira.

Dhummaratti sheekootiin carraa argataniin akka Ahbaash balaaleefachuu isaanii hin dhaabnee ibsanii mootummaanis harka isaa amantii keeysaa akka baasuu gaafatanii jiran. Iidas walitti qabamnee salaatuu mirga qabna jechuudhaan sodaa takka malee Kaabinee fi majlisa Ahbaashaa afaan qabachiisanii jiran.
kanaan wal qabatee mootummaan Goodinoota Oromiyaa keeysaa jiran hundatti kaabineen akka filannoof bobbahee ummata kakaasu ajajni itti keennamuun isaatis beekkamee jira. Akka keeysa beektoonni jedhanitti kaabineen Ummataan "wahbiyyaa hin filatinaa sufiyyaa filadhaa jechuudhaan akka ummata kakkaasan ajajni Waajira dhaabaa irraa kennameefii jira.

Kana hundaa wajjiin mootummaan amantii keeysa hin seennee jedha mee maal jettan????

Thursday, August 16, 2012

oduu Harargee lixaa

Oduu Harargee Lixaa owaa!!!


Goodina harargee lixaa Asabootii fi Magaalaa Ciroo keeyatti mootummaan ummata Islaamaa hidhaa jirachuun isaa dhagayamee jira. kanas kan godhan mana daldaltotaa fi imaammanii keeysatti meeshaan waraanaa argame jechuudhaan tahuun isaatis beekkamee jira. mootummaan meeshaa waraaanaa mana warra islaamaaf dubbatuu keeydatti guuruudhaan ummata Islaamaa gara mana hidhaa ol guuraa jiraachuun isaa dhagahamaeerraa. Asaboot keeysatti Ilma Imaamaa Ibrahim Ali fi waahiloota isaa gara mana hidhaa finfinnee dabarsuun isaanii beekkamee jira.
Ciroo keeysatti haadha ilmaanii jiraattu 04 Maftuhaa Xaahir fii namoota 3 hidhanii jiran.

Keessa beektoonni (kaabineen) akka himanitti namoota hedduu haala kanaan akka hidhuuf itti deemamaa jiru ibsuudhaan ummanni akka of egannoo cimaa godhuu qabu ibsanii jiran, keeysaahuu akka meeshaan waraanaa mana isaanii keeysa haala hin beekkamneen seenuu fi mooraa isaanii keeysatti akka hin awwalamne halkanii guyyaa if eguu akka qabu ibsanii jiran.
Rabbiin Muslim haa eegu!!!
Isaan karoora Islaamaan balleesan baasan Rabbiinis karoora isaa itti baasa.

Sunday, August 12, 2012

Waraanni mootummaa Islaama masjidatti tumuun isaa maaliif???

Naannoo Amaaraa Magaalaa Daseetti guyyaa 10-08-2012 Salaata jum'aatiif masjida Arab gandaatti 


Muslimoonni walitti dhufan. Masjidni duraanii xiqqaa waan taheef hawaasni Masjiida guddaa ijaarrachaa jiran kan jaarmayni isaa hin dhumiin keeysatti salaata yeroo namni heddumaate ni salaatan. garuu jum'aa guyyaa 10-8-2012 wanni haarawni argame mootummaan waraana isaa hawaasa salaaturratti bobbaasuudhaan masjidatti boombii aaraa darbuun warra salaatanii masjidaa gad bahan dhalaa fi dhiira osoo addaan hin baafatin akka Ilmi nama hin daleeyne irratti dalagee jira.

ummanni Islaamaa kun akka lammii biyyaatti osoo hin laalamin akka adawwiitti tumamuu fii hidhamuun maaliif akka tahe beekuun salphaadha kunis Muslima Tahuu isaanii qofa. kana qofatti osoo hin dhaabbatin Daseetti sheekkootii umriin gurguddoo kan masjidoota keeysatti I'itikaafarra jiran guree mana hidhaatti galchee jira.

gaafii mirgaa gaafatuun Itiyoopiyaa keeysatti asiin nama gaha!!!


oduu barmaa

Oduu Gurguddoo Torban Kanaa Dhimma Muslima Burma\Mayanmer Ilaalchise !!!
footoon jaartii mummicha mummee turkii yeroo muslima barmaa rakkoo isaanii argitee bochuu!!!

1,Torbii kana keessa Muslimoonni Afgahanistan Meeshaa waraanaa hedduu gara Burma erguun isaa dhagahame !
2,Muummichi Menistera Tukii fi Haati manaa isaanii Muslimoota Burma keessatti Midhaan suukanneessan irra gahaa jiru daawwachuudhan gadda itti dhagahame imimman isaanii xuruurfachuun ibsanii jiru ! 
3,Muumichi Minestera Indonesias dhimma kanarratti Mootummaa burma dubbisuuf karoorfatan ! allah knows the best 
3,Muslimoonni Indonisia ,pakistani fi biyyoota garaagaraa Jihaadaaf Gara Burma deenuu akka barbaadan ibsanii jiru !
4,Torbima kana keessa biyya londan keessatti dhimma muslimoota Burmaatiif muslimoonni biyya adda addaarraa waliitti bahan hiriira nagayaa gaggeessan !
5,Akka Abbaan aangoo olaanaa Burma tokko ibseetti kaayyoon isaanii burma biyya Budhisti gochuu akka tahe dubbii isaatirraa hubatame
6, Mootummaan saud Arabia Dollara Million 50 Gargaarsaan Muslimoota Burmatiif Gumaacheera 

oduu shaashamannee!!!

Oduu ariifachiisaa!!! Shaashamanneerraa nu gahe

magaalaa shaashamanneetti masgiida tokko dallawa isaa bal'isuuf jecha sagantaa qabameen koreewwan filataman masgiiddan naannoo jiran irra galgala galgala naanna'aa deeggarsa gaafataa jiran.haaluma kanaan ramadaana guyyaa 23 galgala masgiidurrahmaan ganda(02)keessatti mallaqni osoo walitti qabamu ummanni balaaleffannaa ahbash fi majiliisaa godhe hattoonni islaamaa waraabdee qaama mootummaatii waan kenniteef qaamni mootummaa kana sababeeffachuudhaan walgahii har'a ganama ramadaana 24 gaggeessiteen iida ummanni walgahee bakka tokkotti(istaadiyemitti)akka hin salaanne dhoorguuf murteefachuu isaanii qaama keessaa irraa nugaheera.

oduu Harargee bahaa

oduu harargee bahaa!!!
Harargee bahaa Aanaa Gola odaa magaalaa Burqaatti mootummaan Imaamman Masjidaa fi koree Masjidaa tan ummanni filate jijjiruudhaan kaadree isaa akka bakka buuse beekkamee jira. Tartiibni kun haala lanaan kan itti fufu tahuun isaatis dhagayamee jira. Oromiyaatti Kaabineen dalagaa tana galmaan akka geysuu ajajni itti kennamee jira. hawasa waliin osoo hin mari'annee koree masjidaa fi imaama jijjiruudhaan Ahbaash bakka buusuubis kunoo eegalame, xiqqoo booda maal akka jijjiran Rabbiin haa beeku???

oduu harargee lixaa

oduu gammachuu!!!! 

harargee lixaa ciroo fi naannoo baadiyyaa isii jala jiru keeysatti kitaabni Ahbaasj leenjii irratti raabsitee haawaasaan gubachaa jiraa. kitaaboota Ahbaash kan baadiyyaa geysanis imaamummaa fi muazinummaarraa hawaasaan ari'amaa jiraachuun isa dhagayamee jira. keessaafuu baadiyyaa naanoowa ciroo jala jiran ciroo qallaa, madhicoo fi waccuu fi bakka adda addaatti kitaabni ahbaash hawaasaan gubamee jira. sheekkootiin waa'ee ahbaash osoo hin beekin kitaaba isaanii fudhatanii galanis ega dubbii addaan baafatan booda towbatanii jiran. hubannoo waa'ee Ahbaash hawaasa baadiyyattiif kan geysan bartoota baadiyya kan magaalaa keeysatti baratanii fii Kaaseeta Raayyaa Abbaa mancaa tahuun isaatis beekkame jira. 
hundi keenya hubannoo hawaasaaf dabarsuu akka qabnu beekuu nurra jira. kuni Ahbaashaa fii mootummaaadhaaf caphinsa guddaadha.
Allaahu Akbar!!!

Friday, August 10, 2012

oduu juma'aa 10-8-12

oduu juma'aa 10-8-12


Juma'a arra finfinne dabalate magaaloota adda addaa kessattii hawasnii musliima kumoota bayyettii lakaawamu mormii gaaffii miirgaa dhagesiisaatii ole.flakkofsii umataa mormiidhaaf bahan yaro irra yarottii dabalaa demun isaa bekamera akasumattii lakoofsaafii hiirmaanaan dubartootaa dabalaa demera.masjiida anuwaa ittii hawasnii mulate toftaa mormii jijiirudhan yaro tokko alaabaa adii luluudhaan,yaroo 17 takbiirta,yaroo 17 sagaleekenya hadhagefamttu,taro17 koren tenya hahikamttu,yaro 17 filmaannii kenya masjida kenyattii, fii tan biraa ile erga jadhan boda mayyii irattii harka walqabatudhaan walii hidhannaa obalayummaa islaamaa cimssu isaanii irra debii'udhaan harayomsaniiro.rakko musliimtota irra gayaa jiiru akka irrabbiin irraa kasuu du'aii gochuudhaan xumuraniiro.akasumattii hala walfakaatun oromiyaa magaalaa shashamannu masjida guddaattii ,wallo kamiise fii magaalota biraa kessattii mormii isanii dhagesiisaatii olan 

wallo dasee
magaalaa dase masjiida arabgandaattii musliimoota salataaf deman irrattii humnoota motummaatiin tumamiinssii ciimaan akka irra gahe ibsame.moraan msjiidaa wan gutameef karoolee nanawa masjiida jiru irrattii salaatudhaaf musliimtoota afata hafachaa turan irrattii humnoota motummaatiin cafaqqiiniifii tumiinssii kan irra gahe.namoota kana irrattii miidhaan xixiiqofii gurguuddoon akka irra gahefii namota muraasa gara hospiitaala akka gefaman bekame.namoonnii hiidhamaniis akka jiran ibsame

shaashamannee
Oduu gammachiisaa magaalaa shaashamanneetti ummanni muslimaa guyyaa har'aa sagalee ofii olkaasuun mormii majlisni bakka nuhinbu'u filannoon keenya masjidatti komiteedhan keenya haa nuuf hiikaman jedhu takbiiraan dhageessisaniiru allaahu akbar!!

Thursday, August 9, 2012

DRAAMAA AHMADIIN CALLOO AMIIRRII AHBAASHAA DALAGAA TURE

DRAAMAA AHMADIIN CALLOO AMIIRRII AHBAASHAA DALAGAA TURE


prezidaantiin seeraa ala obbo Ahmadin Abdullaahi draamaa dalaguu eegale. dhihoo kana akkanama maraatee tahuudhaan harkaa fii miila isaa if hidhuudhaan harar kombolcha bakka jedhamutti ummata if agarsiisee ture. ummanni hararittiisa argan namtichi maraatuu isaa ibsanii jiran. garuu Ahmadin wanni akkas godheef draamaa ajaa'iibaa dalaguuf tahuun isaa beekkamee jira. sunis akka nama maraatee tahuudhaan eega if agarsiise booda yeroo oduun facebook irratti facaatu warri draamaa kana isaa waliin dalaganhordoofaaa turan amma AhmadinFinfinneetti deebi'ee jira akkuma duraan kijibaa ture sanitti ani fayyaan qaba, oduun facebook irratti dabartuu hundi akkuma narratti kijiba ofan kana kanaaf facebook hin amaniinaa, mootummaanis facebook nurraa haa cufu jechuudhaan midiyaa irratti propaagandaa kijibaa facaasuuf deema. kana qofatti osoo hin dhaabbatin akka Jaartiinisaa maraatte fakkeesee diraamaabiroo dalaguuf deema. yeroo namni jaartiin isaa maraatte je'ee haasawe kijiba hin maraannee jechuuf deemaa jira. shiraa isaaniikana nama hundaaf dabarsaa

Saturday, August 4, 2012

jaartiin tiyya hidhaa jirti. juneydiin saddoo


maddaislaamaa times oduu owwaa  "haati mana kiyyaa ijolleen addaan baatee na jalaa hidhamtee jirti" Juneydiin saaddoo Ministeera sivil sarviisii kan tahe Juneydiin saaddoo haati mana isaa (jaartiin isaa) guyyaa 16f ragaa tokkoon malee maatiin addaan baafamtee hidhamuu isiitiif maatiin kiyya rakkoo guddoorra jira jedhan. guyyaa arraa august 4-2012 (ramadaan 16) Ethio-chine gaazeexaa jedhamuuf barreesanii akka ibsanitti jaartiin isaa Imbaasii su'udii sentee bahuu isii qofaaf akka hidhaman ibsanii jiran. " Imbaasii isii seentee baatu yeroo hedduu agarre jechu malee eysa deemtii? mallaqa fuutee baate kan jedhamu maalirra olchiti? manaa fi alattis eenyuu waliin qunnamtii qabdi? Aruusii yeroo deemtu maal daleeydii?" jedhanii qorachuu qaban ture jedhe Juneyiin Saaddoo. "wanni biraa hafee silaa poplisaa waliin yeroo hunda waan deemtuuf poolisoota yaamanii gaafachuu qaban, nuuf qoradhaa jechuu qaban garuu kun hundi osoo hin godhamiin guyyaa 16f daa'immaniin gargaar baafamtee hidhamuun isii maatii kiyyaa fi anarrattis rakkoo guddaa fideerraa" jedhan. akka juneydiin amanutti jaartiin isa mankaraaristummaan wan wal qabate ragaan irratti argame hin jiru.


Friday, August 3, 2012

Ramadaan guyya 15ffaaa Masjida Anawaar hiriira nagayaa mallatoo nagayaa alaabaa adii qabachuudhaan kan godhame.




Thursday, August 2, 2012

dhaamsa mootummaaf


Tuesday, July 31, 2012

oduu koree tenyaa



koreen musliimttootaaf furmaata barbaaddu ergga hidhaman irra hangga arra maatii isaanii ilaaluun kan hin hayyamamaneef tahuus hayyama allahatiin guyya arraa maatiin ustaad abuubakar,kan amaddiin jabaliifii kan ustaad ahmad mustafaa isaan ziiyaaraniiro.hala nama ajaaiibuun hiidhaa kessa ta'anii tafsiira qura'aana aliima gudda doktar kamaal irrattii qara'a akka jiiran beekuun danddayameera.ustaa...d amadiin jabaliis qura'ana akka hafazaa jiiran bekame.of biira drbanii musliimtoota isaaniin waliin mana hiidhaa kessa jiiran fayyadaatii jiru.dabalataan korewwan teenya,da'iileen teenyaa fii aliimoonnii keenyaas hunddii isaanuu fayyaa gaarii irra akka jiiran bekuun dadayameera. alahamduliillah!!!!! kun hunddii danddeettii fii niimaa allahaatii. akka rabbiin hiidhaa kessa isaan baasu du'aaii haagonuuf.



Sunday, July 29, 2012

Diina keenya eeggachuuf gaafii 68 tan deebisaatti haajamatu!!!

Diina keenya eeggachuuf gaafii 68 tan deebisaatti haajamatu!!!

Tarkaanfiin keenya kan itti aanu maal haa tahu?
Mootummaan gaafii hawaasa muslimaa tuffiidhaan dhiisuuf murteesee jira. Koreen ummata Islaamaa awaliyyaa saame, miidhaa geessise, walgahii tokkummaa Afrikaa (African Union) jeequuf sochiin godhan poolisaa fi ummataan fashalee jira” jechuu fi waan kana fakkaatu diraamaan dalagee koree fi warra qabsoo keessaa harka qaban jajjaboo hunda hiidhuuf deemuun isaatis beekkamee jira. Karoorri Isaanii Muslimoonni akka wilii hin sochonetti laamsheesuudha. 
Duuba usnee laaluun hangama takka diliidha? Mee mari’adhaa maal yoo goone duula farra Islaamaa kana dhaabuu dandeenya? Namuu tokko tokkoon keenya akkamitti rakkoo tana dhaabuu dandeenya? Ani akka yaada kiyyaatti qaphxilee tana lafa kaayee jira. Isiniis yaada biro nuuf qopheessaa. Yaada kana namni isin gahe hundi hanga baadiyyaatti copy godhuudhaan haa dhaqabsiisnuu. Irrattis mari’adhaa. Isinis haala kanarra bareeduun fooyyeesaa gaafii teenyaaf deebisaa mala barbaadaa.
Gaafii 53:
Ji’a Ramadaanaa kanatti fayyadamuudhaan qabsoo amantii teenyaa magaalaa fii baaddiyyaatti akkamitti qabsiisuu dandeenya? Hiiree guddoo tana itti fayyadamuuf ammumma itti yaadamuu qaba.
1. Sochii teenya keeysatti koree fi namoonni jajjaboon jam’aa masjidarraa yoo hiidhaman akkamitti bakka san warra biraa bakka buusuu dandeenya?
2. Dureen qabsoo teenyaa yoo hiidhaman enyuutu qabsoo teenya tan waliigalaa hoggana? Yoo rakkoon akka Awaliyyaatti argamee sun argame akkamitti nama miira keessaa baafnee haala sabataadhaan akka deemuu godhuu dandeenya?
3. Karaan ergaa waliif dabarsinuun facebook, massejiin, intarneetiin yoo cufame haala kamiin ergaa waliif dabarsuu dandeenya? Haalli salphaan hunda namaa gahuu dandahu maaltu jira?
5. masjiidoota keenya yoo cufan, Awaliyyaan yoo cufame eysatti wal gahuu dandeenya?
6. prooppaagandaa mootummaa kan kijibaa akkamitti caphsinee ummata qindeessuu dandeenya.
7. gaazeexoota yoo cufan haala kamiin ummataaf odeefannoo geessuu dandeenya?
8. mootummaan akkuma amma itti jiru kanatti qabsoo ummata Islaamaa tuffachiisuufii jibbisiisuuf hiriira dirqamaa yoo ummata baasee “Wahbiyyaa balaaleefatan” jechuun diraamaa isaa itti fufe akkamitti akka dhaabbatuu godhuu dandeenya? Nutis ummata akkamitti hiriira nagayaa kan seera qabeessa tahe baasuuf, Iida gama hiriira nagayaa jijjiruuf, ykn hiriira mootummaan yaamu akkamitti hiriira keenyatti jijjiruu dandeenya?
9. magaalaa guddoo, aanaa fii baadiyyaa jidduutti akkamitti hariiroo cimaa uumuu dandeenya?
10. odeefannoon hundi akkamitti ummata hunda afaanirraa afaanitti gahuu dandaha?
11. naannoo takkatti halkan tahuu guyyaa yoo mootummaan muslimoota irratti miidhaa geeysise akkamitti Azaanaan ykn yaamicha fakkaata sanitiin Itiyoopiyyaa guutuu keessatti ummata hunda waliin gahuu dandeenya? 
12. sababaa mootummaan miidhaa jabeeysuutiif, hiidhaa fii tuminsaaf warra qabsoorraa sodaatanii dheeysan, kan dhukatan, kan sochii isaanirraa boodatti deebi’an (maatiif, haala jiruutiif, ilmaaniif ykn dhiibbaa saahibaatiif) warra boodatti deebi’u akkamitti jajjabeeysuu dandeenya?
13. waan nashaaxaaf tahu, kan nama jajjabeeyu, kan iimaana namaaf dabalu, aayaata Qur’aanaarraa, Hadiisaa Rasuulaa S.A.W irraa, ammas siiraa irraa akkamitti moobaayilaan, mimooriidhaan, bluetoothin, maseejiidhaa fii karaa biro fayyadamnee ummata Islaamaa hunda biraan gahuu dandeenya?
14. nama hidhame, ykn kan madaawuu fi kan balaan adda addaa irra geeysu akkamitti maatii isaa fii isas sabbarsiisuu, jajjabeeysuu fii bira dhaabbachuu dandeenya?
15. namni hundi odeeffannoo fi ragaa akka footoo, vidiyoo, xalayaa, sagalee waraabbame akkamitti hatattamaan midiyaa biyya keeysaa fii biyya alaatiin gahuu dandeenya?
16. akkamitti ol aantummaa midiyaa argannee proppaagaandaa mootummaa tan kijiibaa fashalsina?
17. Ajandaan keenya ajandaa midiyaa kan yeroo takkaa tahee akka hin hafner fii akka itti fufu maal godhuu qabna?
18. sochii goonu hundaaf baasii (wacii) nu barbaachisuu daddafiitti eysaa argachuu dandeenya? Hawaasa yoo akkamitti qindeessuu dandeenya?
19. qabsoon teenya akka fiirii godhattuuf akkamitti yoo jaaramne wayya?
20. sochii fi karoorri keenya akka iccitiin qabamu maal godhuu qabna?
21. Munaafiqoota nu keeysa nutty jiran akkamitti ifirraa deebisuu dabdeenya?
22. odeefannoo Mootummaa, Majlisaa, Ahbaashaa guututti guyyaarraa eysaa argachuu dandeenya? (keeysaa nama qabachuu, dhimoota nageenyaa maallaqaan bituu, basaasa mataa keenyaa qopheefachuu? Akkamitti?)
23. mootummaan yoo boombii aaraa dhukkaase akkamitti miidhaa xiqqeesuu dandeenya? (boombii aaraa miidhaa isii xiqqeesuuf waan barbaachisuu tajaajila fayyaa duraa (1st aid) irratti waan qophaawe intarneeta keeysaa baasuudhaan afaan keenyatti hiikuun xalayaa facaasuu? Fi k.k.f)
24. warren adawwii Islaamaa tahan tokkummaa isaanii akkamitti diiguu dandeenya? (Isaan jidduutti hameenyi akka uumamu, odeefannoo isaan dhamaasu isaan jidduutti uumuudhaan gad lakkisuu? Moo karaa biraatu jira?)
25. mootummaan koree masjidaa, Imaamman, maatii keenya prooppaagandaa isaatiin dhamaasuu fii sodaachisuun yoo if jalatti hiriirse ykn hiriirsuuf yaale mala akkam fayyadamnee karoora isaa jalaa fashalsuu dandeenya?

26. muslimoonni qabsoon teenya akka galma geeysu adeemsa akkam fayyadamuu dandaha? (gaafii teenya ol siisuu fi ballisaa deemuu akka xixxiqqoon jalaa deeffamtu, biyya guututti diddaa hojii godhuu? Moo waan biraa wayya? 
27. hawwii qabsoo ummata keenya keeysatti akkamiin guddisuun danda’ama? (fakkeenyaaf nama nurraa ajjeefame yeroo awwaallu sirna awwaalchaa gara hiriiraatti jijjiruu? Sababoota argaman hundatti fayyadamu?)
28. ummanni hundi akkamitti dhiibbaa mirgaa tan argamtu hunda kalkanii fii guyyaas tahuu dhiheenyaa tahuu fagoorraa tahuu gazeexeessaa waraabuu danda’a? akkamitti kanaaf ummata kaasuun danda’ama?
29. odeefannoo fii ragaalee moobaayilaan warraabbaman akkamitti namni hundi salphaatti ifiif intarneeta irratti upload (fi’uu) dandeenya? Akkamitti nama hunda salphaan barsiisuu dandeenya?
30. onnee ummataa fii qabsoon teenya akka jabeenyaan itti fuftu godhuun ni danda’amaa? (fakkeenyaaf hiriira jum’aa godhamu  hundaaf torbaanirraa maqaa itti kennuudhaan akka nama harkisu godhuu? Moo mala biraatu jira?)
31. diina ifiitiif jecha qabsaawuun bakka inni qabuu fii galata isaa akkamitti ummata Islaamaa barsiisuu fii isa keeysatti sabachiisuun danda’ama?
32. yeroo hunda miidhaa nurra geeysuufii balaa uumamtu qofa jala deemuu dhiifnee Adeemsaa itti fufaa taheen qabsoo godhuu dandeenya?
33. afaan biyyatti keeysatti argamu hundaan akkamitti manzuumaa fi nashiidaa qopheeysuun danda’ama?
34. qaamoota mootummaa kan adda addaa irratti dhunfaan tahuu, gamataan akkamitti dhiibbaa irratti uumuu dandeenya?
35. namoota beekkamoo naannoo keenya jiranii fii naanno biraa jiranis akkamitti amansiisuudhaan gama qabsoo isaan fiduu dandeenya?
36. qabsoof warra murteeysaa tahan (dargaggoota, shamarran, fi k.k.f) ijaarree akka dammaqan goonee isaanis akka nama biro dammeysanii waan irraa eegamu dalagan godhuu ni dandeenyaa?
37. nama akkamitti mala qorannaa poolisaa fii dhimma nageenya akka beekan godhuu dandeenya? (namni mala isaanii dura beekee hin sosobamu waan taheef kun isa hatattamaa fakkaata)
38. hanga arraa roorroo mirga namummaa tan muslimootarratti godhamte akkamitti qaamoota mirga namaatiif falmaniin gahuu dandeenya?
39. tokko tokkoon keenya sa’aa ammaarraa eegallee dirqama yoo duree qabsoo tahuun nu mudatte, waan dandeenyuun qabsoo muslimaa tana gaggeesuuf murannee jirraa? Moo osoo amantiin teenya yahudaan baduuf deemtuu arginee usna? Boru fuula Rabbiitti maal jenna?
40. xalayaa adda addaa, cd, kitaaboota wacii teenyaan haa tahuu walitti qabuudhaan baayyifnee ummata Islaamaa waliin gahuuf murannee jirraa?
41. masjiidoota, araddaa, aanaa fi bakka adda addaatti warren farra Islaamaa tahuudhaan hirmaannaa godhan qulqulleesinee hawaasaaf ibsuudhaan akka gocha isaanirraa dhaabbatan godhuu ni dandeenyaa?
42. baadiyaa fii magaalootatti ulamaa’onni murteeysoon argaman akka proppaagaandaa mootummaatin hin sobamne xiyyeefannaa addaa keennuudhaan akkamitti akka qaama qabsoo tahan godhu dandeenya? (fkn vcd waa’ee ahbaashaa barsiisuu laptopiin ganda baadiyyaa dhaquudhaan sheekkooti  agarsiisuu fi kkf)
43. Ahbaash akka sufiyyaa hin tahinii fii akka kaayyoo yahuudaa galmaan gahuuf deemaa jiru nama Islaamaa hunda baadiyyaa hanga magaalaatti amansiisuu ni dandeessaa? (fkn maatii teenyaa fii aanaan keenya hundi waan kana hubataa?)
44. gubbaa ajaja tokko eeggachuun maleetti bakka jiruutti qindaawuudhaan waan dandeenyu godhuuf qophiidhaa? Yoo hin danda’in akkamitti ammarraa eegallee kana godhuu dandeenya?
45. maqaa sufiyyaatiin <Ahlus-sunna wal-jama’aa> jedhamee kan dhaabbate mootummaa fi yahuudaan Islaama balleesuuf meeshaa itti fayyadamanii fii adawwii Islaamaa tahuu hubattee? Hubachiisuuf yoo qophiidhaa?
46. mootummaan amantii Islaamaa keeysa seenee addaan qooduuf shira inni itti jiru hangama takka hubattee jirta? Beeysisutti jirtaa?
47. mootummaan filannoo majlisaa waajira aradaa fii aanaatti godhuuf murteeysee masjidatti godhuu waan diduuf hubattee? (fkn. Muslima warra hin tahin maallaqa Ahbaasharraa argameen amata shanan dabare biyya keeysaa fi Libaanoositti warra leenjise filannoo waajira araddaa saniin dirmaa dalagee filachiisuu, kaadiree isaa itti guutuu, fii karoora isaa kan islaamaan balleesuu warra isaaf raawwachisuu filuu. Warra amantii fi masjida hin beyne aradaatti akka filachiisuuf deemu hubattee?)
48. mootummaan Ahbaash akka qabeenyaan guddatee jabaatu godhuuf dalagaa jira. (fkn. Sadarkaa finfinee qofatti maqaa waldayya xixiqqaan ijaaramuutiin warra amantii ahbaash fudhatan, warra waldaya ahlus-sunnaa wal-jama’aa Ahbaashiif aradootaa fii aanoota keeysatti warra isaan deeggaruuf baajata bara 2005 A.L.H maallaqa itiyoopiyyaa qarshii miliyoona 350 murteeffamee jira) nuti yoo wal gargaaruufii amantii teenya gargaaruuf hagam takka murannee kaanee jirra? Maal dalagaa jirra?
49. ummanni tokko mohachuu kan dandahu adawwii isaa guddaa sodaa yoo mohachuu danda’e qofa. Galanni Rabbiif haa tahu ummanni sodaa dhiisee jira. Garuu dabalataan hojjiin biro irratti hojjatamuu qaba. Mee maal maal yoo goone warra sodaan ammallee keeysaa hin bahin keeysaa baasuu dandenya? Ati maal godhuu dandeessa?
50. sochii tokko wanni guddaa ajjeesu abdii murachuudha. Ummanni keenya akka osoo abdii hin muranne qabsoo hanga dhumaatti itti fufu mala akkam fayyadamu qabna?
51. mootummaan koree teenyaa fi warroota diina keenyaaf dalaguun beekkaman sababa uumuudhaan hidhuudhaan dorgommii tokko malee warra isaa filachiisuuf muratee ka’ee jira maal godhuu dandeenya? Maal yoo goone sochii kana dhaabsisuu dandenya?
52. Mootummaa aradootaa fi bakkoota walgahii hundatti sodaa tokkoon maleetti akkamitti yaada keenya ibsuuf dandeenya? Ummata keenya jaaruu fi dammaysuudhaan shira mootummaa kana fashalsuu ni dandeenyaa?
53. odeefannoo nuti kooppii godhuun facaasuu feenu manni kooppii yoo kooppii godhuuf qophii hin tahin yoo? Ykn poolisaaf yoo himan yoo? Maallaqa walitti baafnee maashina kooppii bitannee ifiif baayyisachuuf ni dandeenyaa?
Gaafilee dabalataa warra diyaaspooratiif (warra biyya alaa jiraatuuf):
1. Biyya jirru sanitti sochii akkam yoo goone mootummaa Ihaadiig kan amantii teenyarratti roorisaa jiru kana dhiibbaa irratti uumuu dandenya?
2. Ummanni diyaaspooraa (biyya alaa jiran) akkamitti qabsoo tanaaf hiriiruu dandaha?
3. Warri diyaaspooraa (biyya alaa jiran) akkamitti waliin jaarmayoota Itiyoopiyyaa kan birootiifii waldayoota addunyaa kan birootiin akkamitti waliin qabsaawuu dandaha?
4. Ajandaan keenya ummata adunyaa biratti akka dhagayamee xiyyeefannaan itti kennamu godhuuf maal maal godhuu qabna?(warri mirga namaatiif dhaabbatan waliin dalaguu, midiyaa adunyaarratti dalaguu fi k.k.f)
5. Hawaasa Muslimaa kan biyya jiruuf warri biyya alaa jiru maal dalaguu dandaha? Mirga ummata Islaamaa kabajisiisuuf qabsoo akkam godhuu danda’a? (dhiibbaa mootummaarratti uumuu, maallaqa walitti qabuu fi k.k.f)
6. Waldayaa islaamaa kan adunyarratti beekkaman fi dhaabbatoota biro waliin warri biyya alaa maal dalaguu dandahan? (fkn liigii muslima adunyaa, univarsiitii Azhar, waldaya ulamaa adunyaa, fii waldaya ulamaa afirikaa, k.k.f)

7. Warri biyya alaa (diyaaspooraan) yoo tokkummaa uume midiyaa jabaa tokko muslimaaf dhaabuu hin dandayuu? Hanga ammaa maaliif dadhabe? Malli maali?
8. Warri hidhame akka gad dhiifaman, warra miidhaman wallaanurratti gahee maal taphachuu dandaha?
9. Mootummaan muslimoota irratti daangaa dabruudhaan waan dimokraasii falleesuu dalagaa jirachuun isaa beekkamaadha. Kana dhaabsisuuf akka adunyaatti xabqaa (abukaatoo) bituudhaan mana murtii adunyaatti himata (kissii) mootummaarratti bane ummata islaamaa maaliif hin dhaqabne? Akkas godhuun yoo hin danda’amuu? Maaliif hatattamaan dalagaarra hin olchine?
10. Waldayoonni mirga namaatiif falman gabaasa isaanii kan amataa keeysatti akka miidhaa fi roorroo ummata Islaamaa akka gabaasan godhuun hin dandahamuu? Hanga ammaa maal goone? (paltolkirratti haasawuun bira dabruudhaan? Yookaan mana adda adda paltalk irratti banuu malee?)
11. Warri diyaaspooraa (warri bahar gamaa) jaarmayoota akka Badri Intarnaashinaalii fii jaarmayoonni Islaamaa kan biro maaliif walgahii isaanii tan amataa biyyatti godhuuf hin yaalle akka xiyyeefannoo midiyaa argatuuf? (magaalaa haalaan roorroon itti jabaatetti godhuun ni dandahama)
12. Mulimoonni biyya teenyaa kan biyya adda addaa jiraatan maaliif jaarmaya tokko jabaa kan mirga ummata Islaamaatiif falmu hundeeysuu dadhaban?
13. Mulimni biyya teenya kan adunyaarra jiran warri proofeeshinaalaa fi oggummaa adda addaa qaban maaliif muslima biyyattii gargaaruuf hin jaaramne? (fkn: Aalimoonni, warri seeraa, ogeysi fayyaa, ekonoomistoonni, gaazeexisoonni, warri siyaasaa fi k.k.f.) 
14. Galii keenya kan ji’aa irraa parsantii hangam diina keenyaaf murteysinee jirra keeysattu mirga islaamaa kabajsiisuuf?
15. Warri biyya Aalaa jiraatu Muslimni Itiyoopiyya haala kamiin walgahee jaaramuu dandaha? Biyya jiru hundaa fi akka adunyaatti?
Gaafillee gubbaatti ka’an kana hundi keenya dhaabbannee itti haa yaannuu. San booda diina keenya galmaan gahuuf haa qabsooynuu. Rabbiin nu haa gargaaru. Hundaa olitti Rabbiin Amantii teenya nuuf haa tiysuu!!! Rabbiin adunyaa fi akhiirattis nu haa milkeysu. Ramadaan injifannoo fi milkii nuuf haa godhu.
Kooppii goonee hanga dandeenye haa hirruu!!! Haa dubbifinuu warra hin dubbifneef!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!
Allaahu Akbar!!


Friday, July 27, 2012

Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?

Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?


Urjii Ahmad.


Ahbaash warri inni wahbiyyaa je’uun nama waan isaan je’an guututti hin fudhanne osoo kiristaanas tahe wahbiyyaa je’aniin. Mee akka fakkenyatti warra ahbaash wahbii jettuun kan isaan adawwii godhatan eenyu.
1. Tokkummaa Islaamatti namni nama yaamu wahbiidha.
2. Mirga ifii gaafatuun wahbiidha.
3. Hijaaba jabeessun wahbiidha.
4. Walgahii isaanii irratti gaafii guddisuun wahbiidha.
5. Ulamaa’ii gurguddo adunyaa kabajuu fii arrabsuu dhabuun wahbiidha,
6. Najjaashin Islaamawuu isaa amanun wahbiidha.
7. Towhiida baruu fi barsiisuun wahbiidha,
8. Leenjii isaanii yoo hin fudhatin wahbidha.
Waan akkanaa kana hedduu lakkaawan. Jara bazabazaa jettin adareen harar. Ummata afaanii fi dalagaan isaan ajjoytu Ahbaash malee hin agarre.
I. Wahbiyyaan waan balleesite ni beytuu?
1. Bishaan ummanni dhugu birkaa (tankara) magaalaa gurguddoo keessatti summii naquu.
2. Daa’imaa fi dubartii ajjeesuu.
3. Masjidaa fi beta kiristaana (charchii) guubuu.
4. Ulamaa’ii qaluu.
5. Nama du’e qabrii baasanii gubuu.
Yaa nama Islaamaa biyya teenya tana keessatti ani argee hin beeku. Naannoon ani jiru kana kiristaanaa fi Islaamni ni jira masjidaa fi charchii wahbii ummanni jedhamu yeroo gubu argee dhagayee hin beeku isin yoo???
II. Mootummaan yoo wahbii akkamitti ibsa?
1. Masjida hedduu ijaaruu.
2. Madrasaa hedduu ijaaruu.
3. Salaata 5 salaata jechuun misooma bodatti aansuu.
4. Dubartoonni hijaabaa fi niqaaba akka ufatan godhuudhaaan aadaa arabaa biyya keessa facaasuu.
5. Dargaggoota barnoota adunyaa qofa hin baratinaa jechuun gama barnoota amantii yaamuu.
6. Moobayila keessatti manzuumaa ring toonii godhachuu.
7. Jihaada godhuuf nama kakkaasu.
8. Seera mootummaa Islaamaatiin bulchuuf yaaduu.
9. Hojjataan mootummaa masjidatti daddebi’aa oluu fi k.k.f
Yaa ummata Islaamaa wanni badii tahee ibsamaa jiru gariin waanuma shariaan dhufteen hoggaa tahu, seera mootummaa islaamaa deebisuu fi jihaada kana nama itti jiru ani argee hin beeku.
Wanni nama ajaa’ibu mootummaan waan asi olitti lakkaawame kana yakka yoo kan jedhu tahe, Islaama akkam fedhan yaa dhiiroo?
Kan salaata 5 salaatutti nama hin yaamne?
Kan hijaaba ufatutti nama hin yaamne?
Kan barnoota islaamatti nama hin yaamne?
Duuba kuni maali ? Islaamaa?
Mootummaan yaada akkanaa kana galmaan gahuuf dawaan Ahbaasha tahuu amana. Ahbaash malee firqaan Islaamaa takkalleen waan faallaa kanatti nama hin yaamtu.
Ahbaash waan yaamamee dhufeef argitanii???
Ajaa’iba nama godha. Garuu waan zamanni irraa dabre natty fakkata. Ummanni Islaamaa bayyanatee jira. Baratee jira. Ifaa towhiidaa ibsatee jira. Dukkanatti deebi’uuf qophii miti.
Adawwiin islaamaa hangana nuuf yaadaa jiran. Gonkumaahu galma hin gahu inshaallaah.
Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!!


Thursday, July 26, 2012

Qabsoon teenya qabsoo yaaliiti moo Qabsoo murtiiti?

Qabsoon teenya qabsoo yaaliiti moo Qabsoo murtiiti? 

Urjii Ahmad

Ummata Islaamaa qabsoo yaaliif godhan jechuun qabsoo akka mootummaan itti jiruu tana. yaalii akka bineensa laaboraatooritti (laboratory) irratti godhamuu, kan yoo tole itti gammadan, baddu ammo irraa oolan. Mootummaanis Islaama balleesuu ni dandaha moo hin danahuu if laalaa jira. Kuni qabsoo warra baaxilaati yoo tolteef dhugaa dhaamsuuf waan dandahan hunda ni godhan. Ammoo yoo dadhabban ifirraa dhiisanii harka kennan. Akkuma mushrikoota makkaa dura hanga uutaalan utaalanii ifaan haqaa roorroo isaanii san hunda waliin guddatuu malee dhaamuu dhiifnaan harka kennan.
Mootummaan itiyopiyyaa Islaama akka inni fedhuu uumuuf jecha, haqa waan tahe hunda dhaamsuu fi balleesuu barbaada. Warra haqaaf dubbatuu fi haqa jaalatu hunda itti roorrisuudhaan abdii isaanii kutuu barbaada. Hidhaa fi ajjechaadhaan warra haqaa barbaadu hunda sodaachisuun akka afaan qabatan godhuu fedha. Warra haalaan qabsaawan adaba ajaa’ibaa isaan adabuudhaan warra biroo barsiisuuf Adeemsa warra makkaa deemaa jira. Yeroo kana deebisaan warra haqaa yoo kan akka gaafa Rasuulaa tahuu baate kufuun isaa ni dhihaata.
Qabsoon murtiif godhaan faallaa qabsoo yaaliif warri baaxilaa godhuun adda. Sababaan isaa eegalaa fi injifannoon malee dhuma waan qabneef.
Maaliif yoo jettan warri haqaaf qabsaawu mohamuu wanni je’amu isaan bira hin jirru. Qabsoo oofuu malee if duuba wanni jedhamu isaan bira hin jirru. Haqa if duratti argu san malee kijiba dirqamaan dhufu kanaaf hin hollatu.
Injifatu haqa mohe argee gammada. Ajjeefamu haqaaf du’uu isaa waan beekuuf sodaa malee du’a. du’a boodas jannata kajeela.
Duuba qabsoo yaalii tan baaxilaa tanaafii qabsoon murtii tan haqaa durirraa eegalee haalaa fi yeroon wal dhabus itti fufa hanga guyyaa aduun dhaabbatutti. Warri haqaa akkuma Rabbiin je’e waa xiqqoo waan tahaniif warra baxilaatiin rakkoo fii qormaanni garagaraa irra gahuun isaa beekkamaadha.
Warri haqaa nama miidhuu jaalchuu baatus, warri baaxilaa haqa waliin jiraachuun waan itti ulfaatuuf dirqama balleesuu qabna jechuun itti duuluun isaanii aadaa durii fi arrallee jiru.
Warra filisxeem kana haa laallu mucaan xiqqaan taankii dura dhaabbachuu hin sodaatu, dhagaa sibiila caphsu harkaa qabbaachuu baatus, onneen warra haqaa sibiila taankii san caalti. Akkana kunoo haqni injifachuuf sibiilaa fii meeshaa ammayyatti hin haajamu, haquma irra jiran san amanuun qofti gahaadha.
Ummanni Islaama niyya keenyaa qabsoon amma eegalan qabsoo yaaliif godhamuu miti, kan hanga yeroo yaalanii irraa dhaabbatanii miti. Qabsoon teenya qabsoo murtiiti, qabsoo warra haqaati, baaxila guddaa tahuu isaa arganii kan jalaa mataa gad qabatanii miti. Hidhaa fi roorroon guddatteef haqa dhiisanee baaxila fudhachuuf hin jalqabne.
Warri haqaa akka hundattu injifataadha, filisxeem haa laalluu waggaa 60 ol taankiin haqa isaanii dhiisuutti isaan hin geessine. Nutis hidhamuun koree teenyaa, ulamaa teenyaa, haadhaa fii abbaa keenyaa, ajjeefamuun fira keenyaa, hedduummaatuun warra du’uu, mohamuu keenya hin agarsiisu. Warri hidhames, kan ajjeefames, kan tumames, hundi isaanii mohachaa jiran malee mohamaa hin jiran.
Bilaal seenaa isaa laalaa gaafa isatti roorrisan san moohuu malee mohamuun akka itti hin dhagahamin nuuf hima. Ahadun!!! Ahadun!!! Ahadun!!! Jechaa ture.
Ahbaash tahuu fi dhiisuu jidduu hin jirru, bakki nuti jirru Ahbaash diduu qofa. Majlisni bu’u bu’e ykn dhiisuudha wanni je’amu qabsoo murtii tan haqaa keessa hin jiru. Haqni mohuu qofa filannoo biraa hin qabu.
Harka kennuu wanni jedhamu qabsoo haqaa keessa hin jiru. Harka kennuu jechuun qabsoo haqaa dhiisanii maal goona dadhabnee jechuun haqa dhiisanii baaxilaaf harka kennuu jedhama.
Kanaaf ikhwaanii qabsoo haqaaf godhan keessatti salphaan baaxila kuffisuun hin jiru. Qabsoo haqaa keessatti baaxila kufe anaa fi ati arguun dirqamaa miti. Anaa fi ati baaxila didaa dhumuun barbaachisu dhumuudha.
Haqaaf dhumuun injifachuudha malee kufuu miti.
Koree hidhan qabsoon hin dhaabbattu.
Injifannoon warra haqaa baaxila dura dhaabbachuutti haajamti.
Rabbiin warra haqaa akka tumsuuf beellama seenee jira. Kanaaf harka kennuun aadaa warra baaxilaati. Nuti qabsoo itti fufuudhaan tumsa Rabbii haa barbaannuu!!!
Dhugaan dhufe baaxilli deeme, baaxilli deemaa waan taheef (dhabamaa waan taheef). Quraana.
Ijnifannoon tan warra haqaati!!!
Allaahu Akbar!!!


Friday, July 13, 2012

hihalkan guyyaa 13-7-2012



Tuesday, July 10, 2012

Ahbaashaa fi Qabrii

QABRII FI MASJIDA QABRIIN KEEYSA JIRTU.

Ahbaash qabrii masjida keeysatti godhatani itti salaatu. Dhungachuu fi itti naannawuudhaan barakaa barbaadutti nama yaaman. Islaamni yoo akkam amana?

Hadiissan Qabrii Masjida godhachurraa dhowwu hedduudha sanirraa:
1. Rasulli S.A.W akkana jedhen: (Rabbiin Yahuudaa fi Nasaaraa Rahmata Isaarraa haa fageeysu, Qabrii Anbiyoota isaanii Masjida godhatan) A’ishaan Rabbiin irraa haa jaalatuu akki jette “osoo Rasuulli S.A.W akkas jechuu baate silaa qabrii isaa ala baafna, garuu qabrii Isaa Masjida godhatan jechuu sodaatame.)) bukhaarii fi muslimtu gabaase
2.  Rasuulli  S.A.W ni je’e: (Rabbiin Yahuuda Rahmata Isaarrraa haa fageeysu Qabrii Anbiyoota isaanii masjida godhatan) bukhaarii fi muslium
3. Rasuulli .A.W. akkana jedhan: (Yaa Rabbi qabrii tiyya taaboota gabbaramu hin godhin, Rabbiin Rahmata isaarraa haa fageeysu orma qabrii Anbiyaa Isaanii Masjida godhatan) Imaamu Ahmadtu gaabase musnad isaa keeysatti, hadiisni sahiih.
Duuba haddisan kana erga laalle, Qabrii Masjida godhachuun maali?
1.    Qabriidhaaf sujuuduu fi isirratti salaatu
2.    Gama qabrii gara galanii salaatuu
3.    Masjida irratti ijaaruu fi isii keeysatti salaatuudha.
Ibnu Hajar Al-heeytamiin kan Ahbaashnii jala deemna jettu akkana jedha:
 “qabrii masjida godhachuun isirratti salaatuu ykn gama isiitti salaatuudha” kitaaba isaa Az-zawaaji: 1/121
Abbaan Ahbaash sheekni fitnaa qabriin isaa masjida keeysa akka tahee ni beeytanii???
Akka qabrii isaatirraa biyyee fudhatanii mana kaayyyatan ni beeytanii? Akka balaan isaan hin tuyneef.
Abbaan Ahbaashaa qabrii dhaqanii du’aa yoo kadhatan ni taha, inumaa qabrii bahanii haajaa namaaf fixanii deebi’an akka jedhu dhageeysanii?
Owliyaan ahbaashaa gariin isaanii akka qabrii bahanii bararan yoo namuu qaba qabdanii? Garuu wanni nama ajaa’ibu sheekni isaanii guddaan awwalamee bararuu dhabuu isaati, osoo ni barara jedhanii eeganii hanga ammaa qabrii keeysaa bahee bararuu isaa hin dhageenye. Mee ni eeyna gaa yoom akka bararuuf taa’uu. Towhiidnii isaanii guddaan qabrii gabbarutti nama yaamuudha.
Rasuulli S.A.W (qabriirratti ijaaruu, isirra taa’uu ykn isirratti salaaturraa dhorgee jira” Abuu Yaa’laa gabaase hadiisni sahiih.
Ammas akkana je’e S.A.W:
(gama qabriitti gara galtanii hin salaatinaa, qabrirrattis hin salaatinaa) Xabraanii gabaase
Duuba Masjidni wanni ijaaramuuf keessatti salaatuufi, kanaaf qabriirratti masjida ijaarinaa jechuun, masjida qabriirrratti ijaaranii keeysatti salaatuun akka dhowwaa tahe hubanna.
MAZHABNI 4N MAAL JEDHAN???
1. shaafi’iyyaa biratti qabrii masjida godhachuun cubbu gurguddoodha.
Ibnu hajar Al-heeytamiin warra mazhaba shaafi’ii keeysaa guddaadha akkana jedha:
 “ cubbuu gurguddoon 3ffaa, 4ffaa, 5ffaa, 6ffaa, 7ffaa, 8ffaa, 90ffaa, qabrii masjida godhachuudha, ifaa irratti qabsiisuudha, isiin xawaafuudha(nannawuudha), isii dhungachuudha, gama isiitti salaatuudha.)
Az-zawaaajir: 1/120
Yaa ummata Islaamaa Ahbaash nuti mazhabni keenya Shaafi’iyyaadha nun jedhan, mee duuba qabrii masjida godhaa, itti salaataa, dhungadhaa, yaammadhaa jechuun kuni eeysaan mazhaba Imaamu Shaafi’ii tahuu danda’e???? kijibduu tahuu isaanii asumaa beekaa kunoo.
2. mazhaba Hanafiyyaatti qabrii masjida godhachuun haraama.
Imam Muhammad barataan Abuu Haniifaa akkana jedhan:
“ qabrii nooraa dibuun, babbareechuun, masjida biratti ijaaruun haraama” kitaaba isaa Al-Aasaar: 45
3. Mazhaba Maalikiyyaa biratti haraama
Qurxubiintafsiira isaa keeysatti akkana jedhan:
“qabrii Anbiyaa fi ulamaa’ii masjida godhuun Muslimoota irratti haraama.”
4. mazhaba Hanbalii biratti
“qabrii masjida godhachuun haraama, salaanni isii keeysatti hin qeebalamu.”
Ibnul-Qayyim kitaaba isaa zaadul mii’aad: 3/22.
Akkuma argitan kana ummanni Islaamaa kanarratti waliigalee jira.
Sheekul Islaam Ibnu Teeymiyyaan akkana jedhan:
“masjidni qabriirratti hin ijaaramu, waan Nabiyyiin S.A.W dhorgeef jecha, Rasuulli S.A.W akkana je’e (warri isin duraa qabrii masjida godhan, isin qabrii masjida hin godhinaa, ani isin dhorgee jira sanirraa) kanaaf masjida keeysatti du’aa awwaaluun hin tahu, yoo awwaalamees baafamuu qaba ykn mallattoon qabrii sirreefamuu qaba. Masjida qabriin keeysa jirtu salaata sunnaa fi fardillee keeysatti salaatuun hin tahu.”
Majmu’uul fataawaa: 1/107, 2/192.
Kanarraa wanni hubannu ulamaa’iin Islaama hundi waliigalanii jiraachuu isaaniiti qabrii masjida godhachuun haraam tahuu keeysatti.
Ammas sheekul-Islaam Ibnu Teeymiyyaan akkana jedhan:
“qabrii irratti ifaa godhuu fi masjida isirratti ijaaruu ykn isii jiddutti masjida godhachuun haraama, isii diiguun barbaachisaadha, waan kana keeysatti ulamaa’iin wal dhabde hin jirtu”
Al-Ikhtiyaaraatul-Ilmiyyaa: 52
Rabbiin warra Qur’aana, Hadiisaa fii Ulamaa’iin waan irratti waliigalan jala deemu nu haa godhu. Aamiin
Rabbiin akkana jedha: {(waan dubbanne) san keeysa gorsaatu jira nama qalbii qabuuf, ykn nama gurra kenneef haala inni qalbiin jiruun} Qaaf: 37
WAAN AHBASHNI NAMAAN SOBDU?
Rasuulli s.a.w masjida keeysatti awwallame osoo haraama tahee masjida keeysatti hin awwalamu je’an.
Deebisaa.
Rasuulli S.A.W haadhaa fi abbaan kiyya isaaf fidaa haa tahan.
Masjhida keysatti hin awwaalamne garuu mana (goojjoo) Ashaa keeysatti awwaalame bakkuma du’atti. Mana ashaa fi masjida jidduu gidaara (dhaaba manaatu) jira kan hula qabu. Rasuulli S.A.W sam keeysaan bahee sahaabaa salaachisaa ture.

Qabrii Rasuulaa kan masjida akka seentu godhe Waliid Binu Abdulmalik tahuun isaa beekkamaadha. Eega sahaabaan hundi du’an booda. Taarikhu Ibnu Jariir: mujallada (volume) 5, fuula 222-223.
Sahaaboonni akka Umar fi Usmaan yeroo Masjida Rasuulaa ballisan gama goojjoo A’ishaa tan qabriin Rasuulaa keeysa jirtuu dhiisanii, gama birootiin ballisaa turan.
Qabriin Rasuulaa masjida keeysa hin turre. Namni salaatus qabrii hin argu. Sahaabaan wanni akkas godhaniif akka namni qabrii Rasuulaa S.A.W taaboota gabbaramu hin godhanneef.
Qabriin Rasuulaaa masjida keeysa kan galte zabana mootummaa Waliid Ibnu Abdulmalik. Ulamaa’iin yeroo san jiran waan inni dalage san irratti didanii turan kan akka Sa’iid Ibnul Musayyib.

Kanaaf Ahbaash alla jettutti Qabriin Rasuulaa isaaniif raga hin taatu. Ulamaa’iin Islaama tan qabrii keeysatti ykn Masjida qabrii keeysatti ijaaruu hayyamte hin jirtu.
Qabrii Anbiyyaa fi warra biraatis dhungachuu fi biyyee isii nyaachuun ykn dawaa je’anii mana kaayachuun wallaala guddaadha.
Osoo qabrii Rasuulaa S.A.W taates dhungachuu fi itti maxxanuun wallaala. Waan hayyamamuu miti.
Imaamu An-Nawawiin akkana je’e :
“qabrii Rasuulaatiin S.A.W xawaafa godhuun hin tahu. Garaa fi duyda itti maxxansuun jibbamaadha. Wanni gaariin irraa fagaachuudha. Kuni karaa qajeelaadha. Kanuma kan ulamaa’iin jettee fii itti daleeydu. Kanaaf heddumina warra wallaaalaadhaa kan faalla dalaguun dagamuun hin barbaachisu. Wanni itti dalagan jechaa fi dalagaa ulamaa’iiti malee, jechaa fii dalagaa warra wallaalaa kan waan haarawa ifiif uummatu jalaa miti.” Kitaaba isaa manaasikul hajj. 2/68.

Fudeeyl Ibnu Iyaad akkana je’e:
Karaa qajeelaa jala deemi, xiqaachuun nama isarra deemu sin miidhu. Karaa jallinaarraa fagaadhu, heddummaatun nama karaa san qabateetiin hin dagamin.
Ammas imaamu An-Nawawiin akki je’e:
“ namni mataa isaa keeysatti qabrii Rasuulaa S.A.W qabachuu fi dhungachuutu irra barakaa qaba je’ee yaadu Jaahila (wallaalaadha). Barakaan waan shari’aa qunnameen argamti, jecha ulamaa’ii jala deemuun argamti. Mee akkamitti haqa qunnamuun yaadama karaa qajeelaa faalleesaa??” manaasikul hajj. 68/2
Akka imaamu nawawiin je’e kanatti Abdullaahi Harari qabrii rasuulaa qabachu fi dhungachuutti waan nama yaamuuf wallaalaadha. Haqa je’e imaamu An-Nawawiin waan inni haqa godhatu kenneef.
Duuba nuti Rasuula ni jaalanna, jala deemna, karaa isaa irraa hin gorru.
Haadhaa fi abbaan kiyya siif fidaa haa tahan yaa Rasuula Rabbii.





Monday, July 9, 2012

Ahbaasha moo mootummaa???

as wr wb oduu amma nu gahe.

sheek jamaal Muhammad Imaamaa fii Daa'iin beekkammaan 

goodina Harargee lixaa magaalaa baddeessaatti

 salaata Asrii booda warraana mootummaatiin fuudhamee gara 

ciroo dabarsanii jiran.

sababaan isaa Ahbaasha dura dhabbachuu fi Towhiida barsiisuu 

akka tahe bekkamee jira.

Rabbiin harka Adawwii Islaamaa harkaa isa haa baaasu.

du'aaii godhaa obbolleyyan.


injifannoon tan ummata Islaamaati!!!

mootummaa moo Ahbaashii kan ummata Islaamaa dirqamaan amantii jijjirsiisaa jiru???

ulamaalii teenya hidhuu fii ajjeesuun if duuba nu hin deebisu.
qabsoo teenya itti fufna hanga Injifannuu ykn shahiidee taanuu.

injifannoon tan ummata islaamaati