Isintu
beeka moo Allaah???
By Abuu Muhammad
By Abuu Muhammad
Rabbiin
nu uume, waan hunda uume, Amantii hunda caalaa Islaamummaa nuuf file mee duuba
Isaatu beeka moo jara amma amantii nuuf filu kanaatu irra beeka?
Rabbiin
gaafii tana Quraan keeysatti akkana je’ee gaafata:
أَأَنْتُمْ أَعْلَمُ أَمِ
اللَّهُ
Isintu
Beeka moo Allaah? Al-Baqaraah: 140
Deebisaa
isaatis Rabbiin akka Isaan malutti ol tahe akkana jechuun deebisa:
وَاللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنْتُمْ لا تَعْلَمُونَ} سورة البقرة: 216
Allaahaan
ni Beeka Isin hin beytan. Al-Baqaraah: 216
Rabbiin
ni beeka, Kaabineen, Kaadreen, Majlisni, Mootummaan, hundi ilma namaa amantii
Islaamaa dhiisaa jedhe kanaatu caala yoo je’e, akki jennuun Allaan ni beeka hin
beytan.
Maaliif
yoo jettan Rabbiin Amantiin Rabbi biratti fudhatama qabdu Islaama qfa jedhee
jira. Nutis erga dhalannee hanga arraa nagayaan amantii teenya barannee
hordofaa jirra amma amantii duraan hordofaa turtan sun mootummaaf hin taatu,
Kanaaf tan mootummaaf taatu fudhaa jechaa jiran.
Mee
yaa ummata Islaamaa gaafi takka qofa isin gaafadha:
Osoo
Ahbaasha waan jedhamu kana mootummaan hin fidin dura maal balleesine? Misooma
didne moo? Amantii namaa tuyne moo? Mootummaa Islaamaa dhaabna jenne moo? Mee
maal goone?
Ammas
shororkaan amma mootummaan owwisaa jiru tun eeguma Isaan amantii teeysan dhiisaa
je’an owwite. Kana namni hundi ni beeka.
Nuti
Muslimoonni Amantii Rabbiin nuuf file qabnaa nu dhiisaa jennaan Mankaraaristii
nuun jedhan.
Rabbi
qofa gabbarraa nu dhiisaa jennaan shororkeeysitoota nuun jedhan.
Islaamaaf
jecha nama arrabsuun amma hin eegalle, Rasuula s.a.w Rabbi qofa gabbaraa gaafa
jedhu Maraataa, falfalaa, kijibaa, waan hedduu je’aniin. Kuni karuma Rabbiiti
kijibaa fi haqni wal falamee warri haqaa akka mohatanii jannata argataniif
Rabbiin keenya akkana godha. Munaafiqaa fi kaafiroonni Amanti Islaamaa Afaaniin
Arrabsanii dhaamsuu fedhanis booddeen Isaanii adunyaa fi akhiiraattis
khasaaraadha.
Mee
Kaabineen makkaa (mushrikoonni) Rasuulaan akkam jedhaa turan:
وقالوا يا أيها الذي نزل
عليه الذكر إنك لمجنون"[الحجر:6
Yaa
isa quraanni irratti buufame ati maraataadha jedhan. Al-Hijr: 6
Eega
Rasuulaan s.a.w akkana jedhame anaa fi ati mankaraaristi nun jechuun salphaa
tahuu beeki. Amantii teenyas tanuma
Rasuulaa s.a.w fi Sahaabaan isaa hordoofuu turte san, kanaaf nutis hanga
qormaataan addaan baanu haalli kun itti fufa. San booda namni gosa 3 taha
Islaama Rabbiif qulqullaawee fi Munaafiqa Islaama fakkaataa Islaama
balleesu fi kaafira Achi bahe.
Rasuula
s.a.w yaadadhu!!!
Bilaal
fi Ammaar yaadadhu!!!
Hadha
Ammaar yaadadhu yaa Intala Islaamaa atis Rabbii qofa gabbaraa Ajjeefamte.
Sahaabaa
Makkaa Ari’aman yaadadhaa!!! Biyya isaanii sababaa Islaama tahaniif ari’amanii
keeysaa bahan.
(لَقَدْ كَانَ لَكُمْ فِي رَسُولِ اللَّهِ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ)
Dhugumatti
Rasuula Allaah Keeysatti Fakkeenya gaariitu isiniif tahe.
Al-Ahzaab: 21
وَقَالَ الْكَافِرُونَ هَذَا سَاحِرٌ كَذَّابٌ
Kaafirtoonni
Rasuulli kun nama falfalaati, Kijibaadha jedhan. Saad: 4
Duuba
mankaraaristi yoo nun jedhan maaltu haarawa?
Wanni
guddaan beekuu qabnu Amantii nuuf taatu Rabbiin waan beekuuf Islaama nuu filee
jira. Mootummaan wallaalaa waan tahef Ahbaasha nuuf filee jira.
Tana
booda filannoon tan abbaati Yoo Rabbiin beekaadha jedhe Rabbi jaa deema. Yoo
mootummaatu Rabbirra beeka jedhes Ahbaasha taha.
أَأَنْتُمْ أَعْلَمُ أَمِ اللَّهُ
Isintu
Beeka moo Allaah? Al-Baqaraah: 140
Deebisaa
isaatis Rabbiin akka Isaan malutti ol tahe akkana jechuun deebisa:
وَاللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنْتُمْ لا تَعْلَمُونَ} سورة البقرة: 216
Allaahaan
ni Beeka Isin hin beytan. Al-Baqaraah: 216
((هُوَ الَّذِي أَرْسَلَ رَسُولَهُ بِالْهُدَى وَدِينِ الْحَقِّ لِيُظْهِرَهُ
عَلَى الدِّينِ كُلِّهِ وَلَوْ كَرِهَ الْمُشْرِكُونَ))
Inni
isa Erge Ergamaa Isaa Qajeelloodhaa fii Amantii dhugaatiin Akka Amantii hunda
caaluuf osoo Mushrikoonni (Ahbaashoonni, Kaabinoonni) Jibbanis. At-Towbaa: 33
Jibbitanu
jaalattanuu Injifannoon tan ummata Islaamaati!!!
Allaahu
Akbar!!!
No comments:
Post a Comment