IBSA IJJANNOO ULAMAA'II ISLAAMAA.
Nuti koreen ulamaa'ii islaamaa filmaata ar'aa kan seeraan alaa kan afaan qawweetiin mootummaan abbaa irree ummata keenya dirqisiisee garee ahbaash tan farra muslimaa taate filchiisuuf dirqisiisaa oole kana laalchisee ibsa kana baafannee jirra.
1. Akka bakka bu'uutaa fii hoggantoota muslimaatti filmaata kana nibalaaleyfanna. buu'aa isaatis nu biratti kufaa fii kan fudhatama hin qabne tahuu ibsina,
2. Qabsoo diddaa ukkaamsaa mootummaa tan ummanni arra godhe ni dinqisiifanna.
3. Nuti akka ummata muslimaatti filannoon tuni teenyaa miti waan taheef namoota arra filaman 1 beekkomtii hinkenninu, tanaaf filame jedhee waayee diin itti dhihaatuu akka hinhayyamne akeekkachiisna.kana tahuu dhabee filame jedhee waayee masgiidaa, madrasaa, kkf waayeema diin 1 maqaa dhayee taanaan ummanni keenya karaa barbaachisaa taheen kan ufirraa dhoowwu tahuu cimsinee ibsina.
4. Guyyaa ar'aa maqaa filmaataatiin namoonni hedduun tumamanii, hidhamanii,jiran.ammas du'aa awwaaluu dhoowwanii qabrirraa nama kara filmaataa oofanii,jiran.
Naannoo baadiyaa fagootti namoota nama dhukkubsataa wasaasaan baatanii haakimattiin deeman filmaata jedhanii karatti dhowwuudhaan yeroo galgala filmaatarraa bahanii itti as deebi'an lubbuun nama dhukkubsatu sanii du'uun,fii roorroon suukanneysaan kana fakkaatu hedduun rawwatamuun nugayee jira.kun duula haarawa mootummaan muslimtootarratti bane tahuu isaa irra deebinee ummata keenyaaf ibsina.Akka ummataatti qabsoon teenya karaabarbaachisuun tan itti fuftu tahuu ibsina.Qabsoo gosa akka taatuu kan fuulduratti ibsinu taha.
ALLAAHU AKBAR!!!!
KOREE ULAMAA ISLAAMAA.
No comments:
Post a Comment