Thursday, May 10, 2012

walaloo Abdulhafiz Johar Mahmud


by Abdulhafiz Johar Mahmud

Majlisa majlisa
!Maali hujiin isaa?
Karaa rabbii irraa ummata jallisa
ulamaa'ii qabee hidhatti bobbaasa
shaakkota ciccimtu maqaa waamee arrabsa
kun majlisaa miti saahiba najisaa
saahiba ahbashii warra libaanosa
nuti hin barbannu dafaa nurraa kaasaa
ulaagaa maliitiin nu bulchuudhaa ka'e
maal faa madaalame angotti ol bahe
mee maal faa beektan waa'ee islaamummaa?
maaliidhaaf deeggartan sirna ahbaashummaa? 
Jeeneetiin gaafannee debii irraa dhabne
maal jadhee deebisa silaa hin qaraane
maaliin murtii keenna hadiisa hin baranne
hadiisni jarri beeku hadiisa qarshiiti
murtiin jarri beeku murtii sharriidhaati
diiniin jarri beeku diinii ahbaashaati
wanti jarri yaaddus wama ahbaashaati
baroota heddudhaaf majlisa akkanaatiin bulaatiniin turre
yaa ummata islamaa baayyee dogongorre
dafaa nurraa kasaa akka lamuu hin aarre
nuti hin barbaannu majlisa akka harree
murna bicuu ahbaash ka abdalla adaree
warra qarshiif jedhee diin keenna gurgure
waa'e jara kanaa asumatti dhaabna
amma fala jiru waliif dabarsina
 afaan tokko taane wal maddii hiriiruu
ahbaashii fi majlisa morma irraa ciruu
ani gama kiyyaan murtii kana qaba
 hin ta'u yoo jettan murtii kankessaniin dafaa nadhaqqabaa!!!!!

No comments:

Post a Comment