IMAAMU
AHMAD JEYNA ISLAAMAA!!!
kitaaba Ahmadiin Jabal keeysaa kan fudhame
hiikkan: Abuu Muhammad Al-Baddeeysii
Mootummaan
Islaamaa hundi humnoota weeraraatiin diigamtee jirti. Mirga isaanii kan dubbate
hundi midhaa adda addaa keeysummeysuu mudate.
Carraan
ddhumaa kan isa gaye Imaam Mahfuuz turan, Muslimoonni weerara aadaa, dinagdee
fii yaadatiif saaxilamanii jiran. Rorroon gosa hundaa ummata Islaamaarratti
jabaachaa deemaa jira.
Rakkoo
fii miidhaa diila tana keeysatti bara 1506tti Ahmad bini Ibraahiim dhalate.
Bakki
dhaloota isaa naannoo harar ganda Hubat ykn za’akaa jedhamu ture. Encyclopedia aethiopica vol.1 p.155
Akka
brookambar ibsutti Hubat gandi je’amu
harargee dhihaa naannoo Gaara Mullataa tahuu isiiti. Islamic history and culture in southern Ethiopia p.34
Hubat
magaala harar irraa kiloo meetra 32 ni fagaatti.
Akkuma
gubbaatti ibsuuf yaalame carraa mootummaa (sulxaana) Islaamaa kan dhumaa kan
harkatti hafte Imaam Mahfuuz yeroo du’u Ahmad Ibnu Ibraahim daa’ima amata 10
ture. Ijjoollummaa isaa achuma naannoo dhaloota isaatti dabarse.
Ahmad
dargagummaa isaa keeysatti human weerartootaatiin tan dadhabde mootummaa Adaal
keeysatti Tasgabii buusuu fi warra yakka dalaganiin loluuf Garaad Abuun waliin
hiriire. Waraan Garaad Abuun Keeysatti abbaa fardaa tahudhaan lola jalqabe.
Murannoo
isaa kanaan kan dinqisiifate Garaad Abuun Ahmad bini Ibraahim akkaan ifitti
dhiheeyse. Futuh Al-Habashaa p.9
Mootummaan
sulxaan Abubakar aadaa Islaamaa fii shari’aa tohachuu dadhabee jira. Aadaa Islaamaa
wanni hin tahin baasni haarawni adda addaa, gabbartiin adda addaa babalachaa
dhufe.
Garaad
Abuun Amata 3f nagaya buusuudhaan Tasgabbii buusuuf tattaaffi cimaa godhe. Haala
hamaa naannoo sanitti aragame dhabamsiisuudhaaf gaariitti ajajuu fii hamturraa
dhorguu jalqabe. Qumaara ni dhowwe, shiftoota tahannaa jala olche, meeshaalee
muziiqqaa ni dhorge, ulamaa’ootas ifitti maxxanse.
Sulxaan
Abubakar magaalaa gudditti Adaal tan turte dakkaarirraa gama harar jijjire.
Sulxaan Abubakar Garaad Abuunii fii waraanaa isaa waan hin jaalatiniif dura
dhaabbachuu eegale. Garaad Abuun shiftaadhaan ajjesisiise, kan ajjeefamas
guyyaa 30, may 1525 (salaasaa 7, sha’baan 931 sa’aa maghriibaa ture). enricocerulli p151-152
Naanno
Garaad Abuun bulchaa ture sulxaan Abubakar if jalatti deebise. Shiftaa irra
deebi’ee heddumaaatu eegale, farshoo dhuguun daangaa dabre, haqni dhabame,
hattuun heddummatte, Sultaan Abubakar namoonni beekkamoo fii Ulamaa’iin gorsi
kennamaafi ture.
Jaalalleen
isaa Garaad kan jalaa ajjeefame Ahmad bini Ibraahim, mootummaan Sulxaan
Abubakar Qur’aanaa fii Hadiisarraa bahuun isa yaachise, shari’aa eeguu dhabuun
isaa isa arse.
Gama
naanno dhaloota isaa Gaara Mullataatti deebi’ee, waraan kurfeefachuu eegale.
Abbaa Fardaa 100 ol walitti qabate.futuh Al-Habashaa P.10
Mirga
ummata Islaamaatif loluun beekkamaa kan ture Intala Imaam mahfuuz Baati Dil
wanbara fuudhe. Beekkamu eegale, sultaan
Abubakar waliin lola itti fufe. Moggaasa Imaam je’emu akka maqaa sadarkaatti
argate.
Osoo
kun akkanatti jiru jiduma tanaan Funu’eel kan je’amuun kan hogganamu waraanni
Kiristaanaa kara Dawwaarootiin gama Hubat (Gaara Mullataa) duula weeraraa eegale.
Waraanni isaa muslimoota ajjeessan, qabeenya saaman “enyuutu muslimootarraa nu
dura dhaabbata??” onnee jettuun akka baranitti Muslimootarraa daa’immani fii
dubartoota booji’anii fuudhanii deeman.
Naannoo
sanitti wanni argame Imaamu Ahmad bira gaye.waraana isaa fudhatee waraana Funu’eel
jala qajeele. Laga Hammarreeysaa biratti walqunnaman. Jidduu isaanitti lolli
guddaan argame, Imaamu Ahmad waraana Adawii jidduu seenee lole, waraanni gariin
ammo gama bitaatiin waraana Funu’eel miidhaa itti argamsiise.
Waraani
namticha sibila matatti kaayate Funu’eeliin hogganamu gama mirgaatiin waraana
Islaamaaarratti lola bane.
Imaamu
Ahmad Jihaada isaa kan duraa mohachuudhaan xumure, waraana adawwiirraa abbaa
fardaa 60, waraana milaa hedduu boji’e, hedduun ajjeefaman, meeshaa
waraanaallee booji’ee, mslimoota booji’amanis harkaa baase. Jihaada Isaa kan
duraa irra aanuudhaan gama magaala Ziifuh dhufan.Futuh Al-Habashaa p.12.
Jeynummaa
fii jabeenyi isaa bakka hundatti haasawamuu jalqabe. Sulxaan Abubakar naannoo
bulchaa ture lakkisee dheeyse. Imaamu Ahmad Injifannoo fii boojuu argatee
kanarraa garaan isa gubatee dallane.
Imaamu
Ahmad waa’ee sulxaanichaa dhagaye, jarri lamaanu lola qunaman, sulxaanni mohame
dheeyse. Imaamu Ahmad magaalaa harar seene.
Sulxaanni
warana hedduu walitti qabatee Imaamu Ahmadin loluuf deebi’e. Imaamu Ahmad
magaalaa Harar gad lakkisee gama Hubat (Gaara mullataa) jalaa dheeyse. Waraanni
sulxaanaa jala dhufe, Imaamnis Gaara Mullataa gubbaa jalaa ol bahe, garuu waraanni
sulxaanaa gaara marsee torbaan 2f deemuu dide. Imaamnis jara eegee waan
hifateef halkan gaararraa itti gad bu’ee lola jalqabe, waraana Imaamarraa
Amiira kan ture Umardiin Ajjeefame, Imaamaa fii waraani isaa gara ganda Isaani
deebi’an.
Imaamu
Ahmadii fii sulxaan Abubakar jidduutti Ulamaa’iin araarri akka bu’u godhan,
akkaataa araaraarri Imaamaa fi waraanni isaa waraana sulxaanaatti ida’amuu,
sulxaanis shari’aadhaan akka bulchuu waliif galan.
Garuu
araarri guyyaa waa xiqqoof malee hin turre, sababaan isa sulxaan Abubakar
Imaamu Ahmad ajjeesuuf yalii godhuu eegale. Araarri sulxaanaan diigame, warra
imaama jaalatu ni ajjeese.
Imaamnis
halkaniin Abbootii fardaa 3 waliin gara ganda Isaa deebi’e.
Sulxaanichi
Imaamu Ahmad ajjeesuuf bakka inni jiru babaada basaasoota erge, Za’aka (Gaara
Mullataa) jiraachuu isaa dhagenyaan waraana itti erge, waraannis mana Imaama
gube, qabeenya isaatis saamee ture. Garuu Imaamu Ahmad argachuu hin dandeenye.
Imaamu
Ahmad bakkaa bakkatti dheeysaa jiraachuu jalqabe, ammas yeroo lammaffaaf Ulamaa’oonni
araara eegalan. Sulxaanni shari’aa eeguudhaan Imaamnis akka sulxaanaaf ajajamu
waliigalan. Akkuma yeroo duraa sulxaanni bakka daraaniitti deebi’e, Fasaadni
dachii walgahe. Ammas sadaffaaf Ulamaa’oonni araaraaf yaamicha godhan garuu
taraa tana sulxaanni araara ni dide. Imaamu Ahmad akka ajjeesu dhaaddate,
waraanas itti bobbaase.
Imaamu
Ahmadis sulxaanicha sababaa fasaadaa tahe kana dhabamsiisuu malee karaan biroo
akka hin jirre hubate. Duuba lola walitti banan, Sulxaan Abubakar ni ajjeefame.Futuh Al-Habashaa P.15-21
Imaamu
Ahmad obolleysa sulxaanaa Umardiin Sulxaana godhee muude. Islam in Ethiopia P.86
Sanuma
jidduutti Daglahaan kan jedhamu soddaan Libna Dangil October, 18, 1525 Adaal
weerare. Imaamu Ahmadis laga Hammarreeysaa biratti waraana Isaa walitti qabee
qopheeyse. Daglahaan Diir ykn magaalaa amma Dirree Dawaa je’amtu tana birratti
isa qunname. Imaamu Ahmad lola kanas Injifatee, warana hedduu booji’ee kan
hafees dhabamsiise. Sanitti aansuudhaan Imaamu Ahmad gara naannoo Somaalee
dhaqee nagaya buusuudhaan ummata Islaamaa kan adda faca’e walitti ijaaree,
leenjii kenneef. Jihaadaafis Isaan qopheeyse. Islam in Ethiopia P.86
Imaamni
umriin isaa amata 21 kun waraana isaa
qabatee bara 1527 (934h) mohachuudhaan harar seene. Al-Aydaruus Al-Anawaar Al Asaafiir An
Akhbaaril-Qaranil-Aashir. vol.1 fuula.10
Imaamu
Ahmad waraana isaa kutaa kutaadhaan (cibraa cibraadhaan) ijaare, birgeedii
Amiir Husseen Al-Taajuriidhan hogganamu Abbaa fardaa 100 fii waraana miilaa 100
waliin alaabaa dimtuu itti kennee hiriirse. Waraana birgeedii abbaa 100 fi
waraana milaa 100 1abdu waziir Nurii jalatti alaabaa adii itti kennee hiriirse,
ammallee birgeedii abbaa fardaa 200 fii waraana milaa 200 qabu ifiif hogganee
alaabaa kelloo qabachiisee qindeeyse. Akkasumas waraana warra milaa kuma 7 qabu
waraana keeysa warrota dhihootti Islaamawani keeysaa nama 5 amiira irrati
godhee hiriirse. Futuhu Al-Habashaa P.31
Imaamu
Ahmad waraana kiristaanaa taa’anii eeguudhaan yeroo inni dhufe iffirraa
ittisuun akka faayidaa hin qabne waan hubateef, ittisurra ifiif dhaqee loluuf
filate. Akkasumas lolli lafa Kristanaa malee lafa Islaamaa keeysatti tahuu hin
qabu je’e murteeyse.
Jihaada
Isaa eegale. Dawwaaroo biyya ja’amtutti lola bane gabrummaa Kiristaanaa jalaa
bilisa baase. Waraana isaa akka lafa kiristaanaa deemanii Jihaada godhan ajaje.
Jihaada
kanas jaartiin isaa baatiin wajjiin duuluuf qophoyte, garuu waranni akka
jaartiin isaa jala deemte duultu hin jaalanne ture. Kanaaf komii isaanii akkana
jechuun ibsan.
“Jaartiin
tee gara biyya Muslimootaatti haa deebitu, yoo isiin hin deebine nuti si
wajjiin duula gama biyya kiristaanaa hin goonu.” Ibid P.32
Garuu
Jaartiin Isaa Baatii Dil wanbaraa Jaarsa isii wajjiin jihaada godhu malee hin
deebi’u jettee diduudhaan, Jihaada yeroo duraatiif hanga Ifaat godhame hunda
hirmaattee turte. Boodas Jihaada biraa hedduu hirmaattee jirti.
Imaamu
Ahmad biyyoota Islaamaa tan mootummaan Kiristaanaa qabate irra hedduu isii
jeeynummaa fii murannoo addaatiin keeysaa ari’ee jira. Keeysaafuu jeeynummaa
fii murannoo isa kan haalaan agarsiise duula shumburaa kureeti.
Imaamni
duuloota hedduu godhee injifataa turus duulli Shumburaa kuree adda ture, onnee
warana Qeeysootaa kan cabsee fii kan baareeyse ture.
Shumburaa
kureen Adaamaa fii Bushooftuu jidduutti Laga Moojoo biratti gaggeeyfame. Imaamu
Ahmad waraana Isaa Qindeeysee Ziqwaalaarraa gama Laga Moojoo dhufe, ganda
shumburaa kuree keeysatti waraan isaa qubsiise.
Waraanni
Libna dangil Imaamu Ahmad Ziqwaalaa gad lakkisee deemuu hubannaan gama laga
Moojootti jala dhufe. Lolli shumburaa kuree eegaluuf deema Maarch, 11, 1529.
Libna
Dangil waraana fardaa kuma 16, waraana miilaa kuma 200 hiriirsee jira. Imaamu
Ahmad garuu waraana abbaa fardaa 560, waraana miilaa kuma 12 hiriirsee jira.
Yilmaan
Dheereeysaa heddumina waraana kiristaanaa akkanatti ibsa.
“hedduminnaa
fi jeeynummaan waraana kiristaanaa onnee waraana Muslimaa dhaw dhaw godhuu hin olle, garuu Ahmad
Ibraahim Onnee isaa keeysatti murannoo waan qabuuf waraana guddaa san soda takkaan
malee qunamuuf qophawee jira” yilmaa
dheereeysaa ya itiyopiyaa taarik. fuula:65
Muslimoota
fixaa kan ture waraanni qeesichaatii fii waraanni Imaamu Ahmad wal seenuuf ija
walitti baasaa jiran. Jihaadni eegaluuf deema. Waraana Imaamaa keeysatti kutaa
da’awaa kan turan sheek Abubakar binu Nasradiin binu Muhammad Muslimoota lolaaf
kakaasaa ture, waa’ee Jihaadaa, guddina Jannataa, Amantii Islaamaatiif
murannoon loluun hangam akka faayidaa qabu ibsuudhaan murannoon akka lolan da’awaa
itti godhe, waraanis onneen Isaa Jihaadaaf kakaatee owite. Dhumarratti suuraa 9ffaa aayaata 111 akkana jechuun itti
dubbise.
{Allaahaan warra amaneerraa lubbowwan isaaniitii fii qabeenya
isaanii bitee jira. Bakka sanii Janata Isaaniif kennuurratti. Karaa Allaahaa
keeysatti ni lolan. Ni ajjeesan, ni ajjeefaman. (kanas) baallama sabataa tahee
ifirratti godhe, Towraat, Injiilii fii Qur’aana keeysatti. Eenyu inni
Allaaharra bellama Isaa guutu? Gammadaa gurgurtaa teeysan tan gurgurattan
saniin. Suni milkii guddoodha.}
At-Towbaa:111
Waraanni
onneen isaa Jihaadaaf qabsiifamtee jirti, Islaamaaf du’uuf muratee jira,
imaamaanis lola eegalluu jechuudhaan qaafatan?
Imaamni
garuu bakka teeysan qabadhaa, hanga isaan eegalanii hin eegalinaa je’en. Waraanaa
fii eeboo teeysan qopheeyfadhaa qabaa, wayaa waraana ifirraa ittiftaniinis
ufadhaa. Haala Rabbi yaadataniin malee tarkaanfii takkallee hin fudhinaa,
jechuudhaan ajaja dabarse. Futuh Al-habashaa
P.80
“Yaa
Allaah! Hunda keenya warra obsuuu fii amantii teetiif warra moohu nu godhi” je’ee
Rabbi kadhate. Ibid P. 74
Akkuma
barateeti waraannni qeeysichaa lola eegale, yeroo san lolli jalqabe. Waraanni lamaan
wal qunname, xiyyi darbamu qilleensa gubbaa guute, seeyfiin seeyfiidhaan
walqunnamte, kotteen faradoo dhukkeen isiin kaafte gama samii ol ka’uudhaan
duumeeysa tahee aduu hagooge.
Waraanni
Libna Dangil lola owwise, gama moohachuutti dhalaawe.
Gama
bitaatiin waraaba Somaaleetu ture, birgeedii kana keeysatti gosa Giir,
Mareeyhaan, Yiber, Harti, Jaraan, mazaar fii barsuub turan. Gosti hundi
damiinoota isii jalatti hiirirte, garuu lolli jabaannaan dheeysu eegalan, ammo damiinoonni
gosaa, gurguddaan isaanii warri akka Mataan Bini Usmaan, Ahmad Giirrii fii Alii
Garaad (obbolleeyyan Mataan), Obbolleeyyan Bashaaraa, Ali maad jiraa, Husseen
Muusaa bin Abdullaahi Maakidaa fii Yuusuf Lathiiyyaa osoo hin soso’in sabatanii
akka ajaa’ibaatti lolan. Ibid P.82
Karaa
adda addaatin waraanni Mujaahidootaa wareegamuun heddummaataa deeme, of duuba
deebi’uu fii dheeysuun takka hin turre. Lolli ni jabaate, dhukkeen samii
guutte. Waraannis garee isa hanga addaan baasuu wallaalu gahe. “Allaahu Akbar” “waraan
Mhammad sabadhu” “Laa Ilaaha Illallaah” “Injifannoon tan Islaamaati” fii
dhaadannoon kana fakkaatu irra daddeebi’ee waraana Mujaahidinootaa jidduu achi
asii dhagayamaa ture. Mujaahidinoonni osoo hin soso’in sabatanii lola itti
fufan.
Yoo heddummina
waraana Atsee libna Dangilii fii Imaamaa walitti qiyaasne, garaagarummaan isaa
hedduu ture 216,000 fii 12560 ture, tokko tokkoon waraana Imaamaa Kiristaana
17n wal dura dhaabbata.
Guyyaarraa
sa’aa 9tti yeroo dhalaawu waraanni Muslimaa ol Antummaa argataa dhufe, waraana
Libna Dingilirrraa gurguddaan abbaan waraanaa ni ajjeefaman, warri hafes milli
kiyya na haa baasu je’e dheeysuu eegale, waraanni kuma 10 isaanirraa ajjeefame.
Muslimootarraa kumni 5 ajjeefamanii akka turan Arab Fiqhiin Kitaaba Isaa Futul
Al-habashaa keeysatti ibsee jira.
Yilmaan
dheereeysaa lakkofsii akka sanii ol tahe barreeysee jira.
“guyyaa
san shumburaa kureetti, ummanni Itiyoopiyaa Kiristaanarraa waraanaa fii
abbootiin waraanaa kumni 12 ajjeefamanii jiran, Muslimarraa kumni 6 ajjeefamee
jira. Shumburaa kureen adeemsa seenaa itiyoopiyaa jijjirtee jirti.” ya itiyoopiyaa taarik fuula: 66
Lolli
shumburaa kuree onnee waraana Kiristaanaa dhukeeysee jira, waraanni ajjeefame
kuma 10 hanga 12 hoggaa tahu, hangi hafee kan kuma 204 hanga kuma 206 tahuu ammo
milli na haa baasu ja’ee dheeysuu filatee jira, kunis onneen waraana Imaamaa
kan Jihaadaaf murate sodaa fii baaraga itti uumeerraahi ture. Ammo fallaa
sanitti Shumburaa Kureen fayyaaleeysa Muslimaa hunda onnee itti gootee jirti,
ummanni birootis mslima ija tuffiitiin laaluu akka dhiisan godhee jira.
Yeroofillee
tahuu weerara mootummaan kiristaanaa Muslimootarratti godhaa ture dhaabee jira.
Lolli akkuma imaamni fedhetti dirreen lolaa lafa kiristaanaa keeysatti qofa akka
tahuu godhee jira, gabaabdutti yeroofillee tahuu adeemsa seenaa hanga yeroo
sanitti jiru jijjiruu dandahee jira.
Itti
fufa