Asalaamualeykum
warahmatullaahi wabarakaatuhi jaalatamoo obboleyyan Islaamaa, obboleyetti,
abbootii, hawwaan hundi keeysan, barruun kun obboleyyan Islaamaa kan Habashaa
irratti roorroo sababaa amantii gaggeefamaa jiru fii Islaama Habashaa keeysaa
balleesuuf duula godhamaa jiru Muslimoota Adunyaarra jiran hundaaf ibsuuf kan
gabaabinaan qophaaweedha.
Ergamaan
Allaahaa s.a.w akkana jedhanii jiran: “muslimni Muslimaaf obboleysa, Isa hin
miidhu, adawwi dabarsee isa hin kennu, haajaa obboleyaa keeysatti nama tahe
Allaahaan haajaa isaa keeysatti tahaaf,…”
Buukhaarii
fi Muslim
Ahbaash
fi Islaama
Islaamni
Nabiyyiin erga yaamuu jalqabe xiqqoo booda osoo madiinaa hin seeniin biyya
teenya seene.
Kanaaf
Islaamaa fi Habashaan kan wal baran Rasuulli s.a.w lubbuun osoo jiruuti. Makka
keeysatti Sahabaan Islaama tahanii jiraachuu dadhabnaan Nabiyyii s.a.w “gara
Habashaa deemaa Mootii Isa biratti namni hin miidhamneetu achi jira” jechuun
Sahaabaa Isa gama Biyya Najjaashitti akka godaanan godhe.
Sababaa
kanaaf Habashaan biyya yeroo duraatiif gama Isii godaanan (Hijiraa godhan)
tahuu dandeessee jirti.
Najjaashiinis
Sahaabaa haalaan qeebalee keeysummeese, akkasumas Risaalaa Nabiyyii fudhachuun
Islaama tahee Islaama Irratti du’e.
Islaamni
yeroo sanirraa eegalee biyya teenya keeysatti jiraachaa ture ragaaleen ni
akeekqan, yeroo adda addaattis keeysatti rakkoo fi roorroo hedduu keeysa dabree
yeroo ammaa ummanni biyyatti harki cinaa ol tahu Muslima akka tahes ragaan ni
agarsiisa. Garuu heddumina Isaanii kana hunda waliin zamana dheeraaf cunqurfsaa
adda addaa keeysa turan, sababaa saniif aangoo siyaasaa fi polatikaa kan isaan
gitu argachuu hin dandeenye, inumaa akka lammii biyyaa osoo hin taane akka
lammii alaatti laallamaa bara dheeraa mataa caphsanii jiraachaa turan.
Qabsoo
muslimoota Habashaa bara dheeraaf.
Muslimoonni
biyya Habshaa biyya Sahaabaa Rasuulaa s.a.w keeysumesite keeysatti
jiraatanillee, sababaa mootoonni Kiristaana yeroo dheeraaf isii bulchan
Islaamatti roorrisaniif, Muslimoonni akka lammii biyyaatti mirga argatuu qaban
hunda dhabanii jiraata turan. Mirga barachuu, mirga abbaa lafaa tahuu, hojii
mootummaa argachuu fi waan kana fakkaatan tan lammiin tokko argachuu qabu hunda
argachaa hin turre.
San
bira dabree akka nama biyya ambaatii dhufetti laallamaa turan, Muslimoota
Itiyoopiyaa jechuun hafee Muslimoota Itiyoopiyaa keeysa jirtan jechaa turan.
Atsee
Yohaanis mootichi jedhamu gaafa biyya gabroomsaa ture Muslimoonni akka biyya
gad lakkisan ykn akka kiristaana tahan labsa baasee ture. Sababaa saniif gariin
biyya dhiisan yeroo godaanan, gariin muslimootaa ammo biyya teenyaa fi amantii
tenyas hin dhiifnu jechuu Walloo keeysatti waraanni mooticha Atsee Yohaannis
jedhamuu Muslimoota 20,000 ol haala sukkanneesaa taheen ajjeefamanii jiran.
Gariin ammo sodaatanii amantii Isaanii dhokeysaa jiraachuuf dirqamanii jiran.
Haaluma kanaan mootoonni Isa booda dhufan hundi Muslima irratti roorroo hagana
hin jedhamne gaggeesaa turan.
Yeroo
duraatiif zamana Atsee Hayla sillaasee seerri biyyattiif bahe amantiin biyyatti
akka kiristaana tahee Ibsee amantiin biro ammo biyya keeysatti akka babbalachuu
hin dandeenye dhorga.
Seerri
mootummaa kanaa muslimoonni akka hin baranne, aangoo mootummaa akka hin
arganne, abbaa lafa akka hin taane fii “Muslimoota Itiyoopiyaa keeysa jiraatan”
jedhamin akka yaamaman kan godhe ture.
Muslimoonnis
roorroo hedduu tana ifirraa kaasuuf yaalii adda addaa godhaa turan. Akka
lakkofa Itiyoopiyaatti bara 1966tti, gaafii mirgaatiif hiriira nagayaa guddaa
godhuudhaan gaafii adda addaa dhaleysanii jiran. Mootummaan yeroo san jiru
muslimootaa fi hawaasa biyyatti kan adda addaatiin waan dhiibbaan itti
jabaatteef, baruma kana 1966tti mootummaa Dargiitiin bakka bu’uudhaan sirni
Atsee roorrisaan achumaan dhabame jira.
Dargiin
mootummaa Atseetiin yeroo walitti laalle mirga ummata Islaamaatiif xiqqo kennee
jira, Muslimoonni akka lammii biyyaatti barachuu, abbaa lafaa tahuu, hojjii mootummaatti
hirmaachuu fi akka “Muslima Itiyoopiyaa” jedhamee yaamamu mirgi kennameefii
jira. Akkasumas Guyya Iida Adhaa fi Adal fixrii akka ayyaana biyyoleysaa tahu
godhamee jira.
Kana
malees dhimma Muslimoota qaamni hordoofu fii dubbii isanii fixu akka dhaabbatu
hayyamamee bara 1968 A.L.I “Dhimmi Islaama Itiyoopiyaa” jaarmayni jedhu
dhabbate. (jaarmayni kun kan amma mootummaan Islaama bakka bu’e jechuun yaamtu
kana).
Mootummaan
Dargiin waan sooshaalistii hordofuf biyya keeysaa fi alaa dhibbaan itti waan jabaatteef
bara 1983 A.L.I mootummaa amma biyya bulchaa jiru Ehaadiigiin bakka bu’ee jira.
Mootummaan
amma jiru kun Muslimootaaf mirga haarawa kennuu baatus, seera amantiin
Mootummaa hin seentu, Mootummaanis amantii hin seentu jedhu tumee jira. Sababaa
saniif waggoota musraasaaf Mirga haarawa kennuu baatus, seera gaafa Dargii bahe
san akka itti fayyadaman godhee ture.
Garuu
suuta suuta mootummaa kana keeysatti warri Islaama jibban ammas mootummaan
qorannoo yahuudaa Tsiyoonotaan godhame waan fudhateef mootummaan seera ifiif
baase caphsee muslimoota gama gabrummaa duraanitti deebisuuf hojiin jalqabame.
Yeroo
amma Muslimoota fi Ahbaashoonni haala itti jiran.
Muslimoonni
Itiyoopiyyaa roorroo adda addaa akka dabarsan gubbaatti tuqamuuf yaalame jira,
haalli kun wal dhaalaa dhufe ammas kunoo addaan hin cinne.
Mootummaan
ummata muslimaa akka adawwiitti laaluu eegaluu isaatiif, Muslimoota irratti
midhaa fi roorroon hammaachaa jira. Mootumman Islaamaa laamsheesuuf yahudoonni
Ahbaash amantii jedhamtuu akka biyya guutuu keeysatti waliin gahu waan itti
himameef bara 2003 A.L.I gama dhumaatti Itiyoopiyaa keeysatti firqaa tana
waliin gahuu fii akka Muslimoonni Itiyoopiyaa guutuun firqaa Muslimoota
aduunyaa biratti jallinaan beekkamte tana fudhatan Imaamman, mu’azinoota, fii ustaazoota
akka Ahbaash tahan yookaan akka hojiirraa ari’aman sodaachisuudhaan biyya
guutuu keeysatti Ahbaash baballisuuf leenjiin kenneme. Imaamni, mu’azinni,
ustaazoonni madrasaa hundi dirqamaan akka leenjii fudhatan godhuudhaan warri
Firqaa tana jala hin deemne hundi mankaraaristii jedhamanii tarkaanfin akka
irratti fuudhamtu murteyfatan. Sababaa kanaaf jaarmayoonni Islaamaa kan adda
addaa, Madrasaaleen, NGOn, Markazoonni Hifzii hayamnii irraa fuudhame akka
jeyfaman ajajni itti bahe.
Karaa
qabsoo Muslimootaa fii bu’aa Isaan argamsiisan.
Akkumma
gubbaatti Ibsineetti karoorri Islaamaan laamsheesuuf bahe jaarmayoota Islaamaa
diiguudhaan gama jidu gala Ahbaashitti jijjiruun ture.
Haaluma
kanaan Awaliyyaa jidu gala Islaamaa (kan hifzii, olmaa daa’immanii, mana
barnootaa, kolleejjii, masjiida if jalaa qaba) kolleejii fi mana barnoota
sadarka lammaffaa barsiistoota diina barsiisan 40, imaamaa fi itti aanaa
imaamaa guyyaa takkatti dalagarraa ari’uuf murtiin dabre. Baratoonni kana
dhagayan murtii tana balaaleefachuun mooraa awaliyyaa keeysatti wal gahanii
achuma bulaa barsiistootaa fi imaamni masjiidaa akka deebi’u gaafatan. Gaafii
Isaanitis waajira xalayaa barreesee isaan ari’e majlisa ol aanaa itiyoopiyaa
gaafatan. Duuba majlisni shufeerri isaa mootummaa kun gaafii deebisuu dhiisee
ummata tuffiidhan laaluu isaa itti fufuudhaan deebisaa hin qabu jechuun
barattoota ari’e.
Barattoonnis
waajira Islaamaaf dalaguuf dhaabbaye kana (majlisa) warri gaggeesaa jiru bakka
nurraa hin bu’uu jechuun ummanni akka qabsoo isaanii tanatti hirmaatu yaamicha
godhan.
Yaamicha
barattootaa kana ummanni Muslimaa qeebaluudhaan Awaliyyaatti jum’aa
salatuudhaan marii fi furmaata rakkoo irratti mari’atan. Haala kanaan gaafii
sadii filatan, koree gaafii tana qaama mootummaatti isaaniif dhaleysus
filatanii karaa seenan.
Gaafiin
sadeen akka armaan gadii kana:
1ffaa.
Manni marii dhimma Islaama Itiyoopiyaa (majlisni) wakkiila Muslimoota hundaa
waan taheef gaggeesitoonni Isaatis kan ummatan filaman tahuu qaban, kanaaf amma
warri angoo irra jiran karaa hin beekkamneen dhufanii waan kursii qabataniif
kan ummanni filatuun bakka haa bu’u.
2ffaa.
Ummata Muslimaa dirqamaan Ahbaash godhuun haa dhaabbatu.
3ffaa.
Awaliyyaan jaarmaya ummataa waan taheef ummanni bordii filatee saniin haa bulu.
Koreen
ummanni filatees gaafii salphaa seera qabeessa tahe kana qabatanii dadhabne hifanne
osoo hin jedhin waajira mootummaa irra naannawanii gaafii ummataa
dhiheysuudhaan waan irra gahan jum’aa Awaliyyaatti ummata Isaan eeguuf gabaasa
godhaa qabsoo nagayaa itti fufan. Garuu mootummaan gaafii Muslimootaa deebisuu
waan hin fedhiniif beellama dheerresuudhaan qabsoo nagayaa boreysuuf bolla adda
adda qotuu isaa itti fufe.
Ummanni
muslimaa waan san hunda ifirraa eeguudhaan qabsoon akka tan nagayaa taatee itti
fuftu godhu danda’anii jiran. Ummanni muslimaa beellama mootummaa obsaan
eeganii guyyaan sun gahe, garuu mootummaan gaafii deebisuu dhiisee deeggarsa
isaa Majlisaaf qabu agarsiisuudhaan deebisaa addaan hin bahin kennuun ummata
islaamaa mufachise.
Ummanni
Islaamaa garuu kanaan osoo abdii hin murin deebisaan dhimmi Ministeroota
fedeeraalaa kenne kan nuti fudhanu tahuu baatus nu dhagayuu keeysaniif isin
galatoomfataa gara sadarkaa itti aanutti iyyata dhiheefanna jechuun gara
waajira mummicha mummeetti gaafii ummataa sadeen geysanii akka beellamni
isaaniif kennamu gaafatanii deebii eeggataa turan, garuu waajirri mummicha
mummee deebisaa kanuu caalaa callisuu filatuu isaatiin dubbiin garagalaa
dhufte. Muslimoota irratti roorroon jabaachaa dhufte sababaa kanaaf muslimoonni
waan kanaaf marii akka biyyaatti wal mari’achuudhaan balaan tun badii teenyaaf
nutti dhufte jechuudhaan sagantaa sadaqaa fi duaaii naannoo adda addaatti
godhuun gara Rabbii duaaii godhuun akka rabbiin nasrii fidu kadhaa eegalan.
Achuma keeysa hubannoo ummataaf kennuun jalqabame.
Garuu
mootummaan waan itti hin toliniif ummata Islaamaa hedduminaan hidhuudhaan,
Horii sadaqaaf qophaawee fi qabeenya saamuu eegale. Kanatti osoo hin dhaabbatin
midiyaan isaanii fayyadamuun gaafii mirgaa cilee itti dibuudhaan, Muslima
ummanni hin tahin akka muslimaan walitti bu’u godhuuf yaalii godhanis ummanni
Islaamaa karaa nagaya qofa waan deemeef propaagandaa mootummaatin akka
hawaasini Islaama hin tahin hin gawwomne godhuu danda’ee jira. Hawaasni muslima
hin tahin qabsoo nagayaa tanaaf deeggarsa isaa hanga ibsu gahee jira.
Muslimoonni
propaagaandaa kijibaa kan mootummaatin osoo hin sobamin, qabsoo karaa nagayaa
itti fufuun isaanii mootummaa waan mataa dhokkubseef tarkaanfii seeraa alaa
fudhachuu eegalan, tarkaanfii sukkanneesaa kanaan Arsii Asaasaatti namoota
nagayaa 7 ajjeesanii jiran. Awaliyyaattis halkan dukkanaa keeysatti obboleyyan
sagantaa sadaqaatiif qophitti jiran irratti tarkaanfiin sukkaneesaan irratti
fudhatamee jira. Hulaa fi fooddaa masjiidaa caphsuudhaan kophee isaaniitiin
Masjida seenanii namoota hedduu tumanii jiran, halkan san ijaa fi ilkee nama
hedduu caphsanii jiran. Hawaasni magaalatti kan haala Awaliyyaa dhagayes halkan
bakka rafanii ka’uudhaan obboleyyan isaanii laaluuf manaa bahan, Isaanis karaa
irratti polisaan marfamanii akka malee tumamanii jiran. Irra hedduun isaanii
hospitaalatti ciisanii wallansa fudhatanii jiran.
Garuu
hawaasni roorroo tana hunda obsaan dabree gaafiin isaa akka deebisaa argatuuf
ganama san Masjida Anawaaritti walitti qabamuudhaan akka qabsoo karaa
nagayaatiin itti fufu beellama waliif seenee addaan bahe.
Mootummaan
human qabus fayyadamee qabsoo muslimoota tan nagayaa dhaabuu waan dadhabeef
dallanee koree ummanni muslimaa dhimma kiyya naaf hordofan jedhee filate hidhee
gaafii ummataa dhaamsuuf yaalii godhe.
Hawaasni
muslimaa gocha mootummaa kanaan dallanan Masjida Anawaaritti walitti qabamanii
balaalefachuu eegalan. Mootummaan garuu humnaan roorroo sukkaneesaa ummata
walii qabamerratti godhe, boombii aaraa itti darbuudhaan namoota hedduu midhaa
hangana hin jedhamne irraan gahan.
Haluma
kana Dasee fi Dirree Dawaatti hawaasa Muslimaa irratti rawwatanii jiran.
Biyyatti guutuu keeysatti namooni hagana hin jedhamne mana hidhaatti guuruun
isaanii hawaasa Muslimaa daran jabeeysaa dhufe.
Kun
osoo akkanatti jiruu gaafii Koreen dhaleesitte ni deebisa jedhamee kan eeggamaa
ture mummichi mummee Mallas Zeenaawii du’e, sabaaba saniif guyyaan gaddaa
biyyatti guututti waan labsameef muslimoonni dhimmi dhimma waliigala biyyaa
waan taheef roorroo fi balaa irratti gaggeefamaa ture waliin qabsoo karaa
nagayaa yeroo hin murtaawiniif dhaabanii mummichi mummee bakka bu’u deebisaa
gaafii akka kennuu eegaa turan.
Garuu
mootummaan obsaa fii bilchina hawaasa muslimaa wahitti osoo hin lakkaawin
roorroo gabrummaa isaa itti fufuu murteefate sochii jalqabe.
kana
wanni agarsiisuu filannoo hawaasa musimaa bakka hin bune tana Masjidni hin
beekne, masjidaa alatti godhuudhaan mana marii Muslimaa filachisuuf yaalii
godhe, sagalee ummataa akka fedhetti ukkamsee namoota inni fedhu gama aangoo
fiduuf haala mijjeefate garuu hawaasni diraamaa maqaa filannootiin qophaawe
kana tti hirmaachuu irraa waan oleef bakki filannoof isaan qopheysan ona taatee
akka oltu godhanii jiran. Mootummaan ammoo haluma isaa hamaa saniin waan itti
fufu filateef mana manarra deemee nama dirqaa ture akka filannoo sobaatti
hirmaataniif. Muslimoonni karaan mootummaan deemaa jiru kun karaa isa hin
baafne tahuu isaa ibsanii akka irraa dhaabbatu yoo itti fufe garuu rakkoo
dhuftuuf akka qophaawu Kardii ofeggannoo (yellow card) agarsiisaa jiran.
Hawaasa
Muslimoota Adunyaarraa gargaarsa akkamtu eeggama.
Hawaasni
Muslima Itiyoopiyyaa dhiibbaa mirgaa fii roorroo Isaan irratti gaggeefamaa
jiruuf karaa nagayaatiin qabsoo waan itti fufuu murteysaniif, Hawaasa muslima
Adunyaa haala armaan gadii kanaan akka isaan cinaa dhaabbatu ni gaafatan.
1ffaa.
Muslimoonni Itiyopiyaa miidhaa Isaan irra gahaa jirtuuf gargaarsaa fi tumsa
Allaah s.w qofarra eeggatan kanaaf nu jidduu kan Rabbiin du’aaii Isaa dhagayu
namni saalihni waan argamuu danda’uuf du’aaiidhaan akka nu yaadattanii fii
Allaahaan s.w akka Nasrii nuuf kennu du’aaiidhaan akka nu gargaartan yaamicha
keenya dabarsina.
2ffaa.
Sagalee teenya Midiyaa itti dhageysifnu banachuu irratti akka nu gargaartan
Isinirraa barbaanna.
Qabsoo
teenya tan nagayaa mootummaan hanga arraatti dhaabsiisuu waan dadhabeef Midiyaa
Isaatti fayyadamuun duula proopaagaandaa kijibaa bane jira, hawaasni Muslimaa
midiyaa sagalee itti dhageysifachaa turan keeysaa kan akka gaazeexaa fi
matseetaa cufee, ifiif qofa duula proopaagandaa guddaa bane jira. Sagaleen
ummata Islaamaa ammoo akka hin dhagayamne ukkaamsaa jira.
Hawaasni
Muslima sagalee Isaa waan itti dhageysisuu teleeviziin saatalaaytii akka
qabaatan yaadaa jiraatanis haala amma jiruun godhuu hin dandeenye. Kanaaf
hawaasni Muslima kan Adunyaa akka karaa kanaan isa gargaaran yaamicha dabarsa.
3ffaa.
Mootummaa Itiyoopiyaa Irratti dhiibbaan karaa diploomaasii akka jabaatu godhuu.
Karaan
biro kan hawaasni Muslima adunyaa itti nu gargaaruu danda’an biyya jiran
sanitti sagalee ummata Islaamaa Itiyoopiyaa mootummaa keeysa jiraatan saniif
beeksisuudhaan dhiibbaa karaa diploomaasi akka godhan godhuu ni danda’a.
Xumura
Akkuma
gubbaatti Ibsamuuf yaalametti Muslimoonni Itiyoopiyaa rakkoo guddoo keeysa
jiran. Garuu rakkoo fi gabrummaa tana hundeen buqqaasanii ifirraa darbuuf
murannoon ka’anii jiran. Kanaaf hawaasni muslimaa Adunyaarra jirtan biyya jirtan sanii wan
dandeessaniin akka nu cinaa dhaabbatanii fii gargaarsa gootan jabeysanii isin
gaafatan.
Qabsoo
isaan godhan irratti odeefannoo gahaa fi waan irra jiran hunda beekuuf web site
asi gadii fayadamaa.
www.maddaislaamaa.com
No comments:
Post a Comment