Wednesday, September 19, 2012

MOOTUMMAA FI AHBAASH

MOOTUMMAA FI AHBAASH

Urjii Ahmad 
Mootummaa fi Ahbaash way waan san nu godhan
dubbannee hin fixnu roorroo san nu fiddan
Abbaa fi Ilmoodha Isaan lamaan waliif
nurratti wal yaaman akka nu fixaniif
Mootummaan qawweedhaan nurratti bobbehee
Ahbaashni arrabaan ulmaa'aa salphisee

Koreen ummata Islaamaa hidhamtee
Namni haqaaf dubbatu akaraarii jedhamee
Ahbaasha nu godhuuf kaabineen nu kaatee
Mallas eega du'es shira saa jalaa way baanee???

Arrallee nu dirqan Ahbaasha nu godhuuf
mee dimokraasiin dhugaa tan ETVn himan??
Amantii Islaamaa qabachuuf nu jibban
Badii baraa qabnu mee malli maal jattan???

Dhalaa dhiiran ja'an hidhatti nu guuran
Maqaallee nuu baasan Akraarii nuun ja'an
Mallattoo akraarii hogguniif dubbatan
Dhiiraaf Areedaa fii koofiyyaadha himan
Kofoo gabaabsuu fi Salaataa jam'aa jedhan
Dhalaa taatu ammoo hijaaba Uffatan
niqaaba ufannaan akkaan si jabeessan
mee akkam haa taanu yaa ummatal Islaam???

Mee uffatni kiyya maaluma balleesa
Arreedas yoo taate akkamitti isaan miidha
Niqaab uffanus maalumaatu bada
namaa fi Bineensas tokkollee yoom miidha

Nagayaan jiraanna ollaa keenya waliin
Misoomallee taatu numaan arra gahan
Afaan jara kanaa maaluma je'aniin???

Yaa Rabbi nuuf Tamsii Adawii Balleesi
Adawwii Islaamaa wal faana ajjeesi
Kan Islaamaaf tahu ammatti nuuf fidi.

No comments:

Post a Comment