Tuesday, September 25, 2012

GOCHAOOTA MOOTUMMOOTA HABASHAA (1270 - 1974)


GOCHAOOTA MOOTUMMOOTA HABASHAA (1270 - 1974)

Abdii Borii
Kana dura gochoota mootummoonni Habshaa muslimoota irratti raawwataa turan adda addan kan mootummota hundaatuu laallee turre,amma immoo kan wolii gala laalla:

Miidhaa fi cunqursaan mootummoonni Habashaa muslimoota biyya teennaa irraatti adeemsisaa turan hammana jedhamee hin himamu,qalamni barreesse hin fixu,woraqaan baadhatee hin danda’u.
Sababni mootummoonni Habashaa ummata muslimaa cunqursaa turanniif sababa tokko guddaa kan tahee dha, innis biyya kiristaanumman beekkamtu ijaaruu(hundeessuu)yaada jedhu qaban.akkasumas biyyoota addunyaa biratti ityoophiyaan biyya kiristaana qofaati jedhamtee akka beekkamtuufi.akkuma “Etyophiyaa ye kiristiyaan daseet” jedhaa turan san taasisuu yaalan.
Kanas mirkaneessuuf waa lamatti qarqaasifatanii turan.isaanis : mana amantii kiristaanaa ijaarsa bay’isuu fi masjida ijaaruu dhoorguudha.

1.Beeta-kiristaana(mana amantii kiristaanaa) ijaarinsa bay’isuu:
mana amantii kiristaanaa magaalaafi baadiyaa keessattis bakka hordoftoonni amantii kiristaanaa keessa jiraatan qofa osoo hin taane, bakka isaan keessa hin jiraannettis ijaarsisan,wonti kana godhaniifis akka Etyoopiyaan biyya kiristaana qofaati jedhee addunyan fudhatuufi. 
Yeroo baayyee biyya teenna keessatti manni amantii kiristaana tulluu fi lafa olfuudhamaa irratti muldhata maaliif akkas tahe laata?
Wonti isaan tulluu fi lafa ol fuudhamaa irratti ijaaraniif, akka namni biyya biraa irraa dhufes fagoomaa laalee argee Etyoopiyaan biyya kiristaana qofaati jedhuuf.
Ijaarsi manneen amantaa kiristaanaa kunis baayyee tahee muldhatee jira.barootuma muraasa(bara heylasillaasee) qofa keessatti beeta kiristaana kuma saddeettama (80,000) fi madrasaa daaqoniin (mana barnoota barattoota Qeysotaa) itti baratan kuma kudhan(10) ijaaramanii jiran. Karaa biraatiin immoo beta-kiristaanni hundi qabeenya dhaabataa(woqfii) mataa isaa qaba,qarqaarsa biyyoota biraa irraa dhufuuf malee.
Kana qofa yoom tahe,kan kana hunda caalu Haylasillaasee harka sadaffaa (⅓) lafa qotee bulaan ittiin jiraatu beeta-kiristaanaaf murteessee jira,qotee bulaan lafa isaa irraa sababa mana amantii kiristaanaatiif fayyadamuu dadhabee jira.gochi akkanaa kun hanga mootummaan Dargii dhuftee kan bade tahuu isaa nama hunda biratti beekkamaa dha,seerri dargiin lafa beeta kiristaanaa irrraa gara qotee bultootaa deebisee jira.
Asirratti wonti hubatamuu qabu:nuti muslimoonni worra mirga amantii biraa dhiibuu miti, manni amantii kiristaanaa maf ijaarama jennee mormuu keennaa miti,akkamitti masjidni ijaaramuun dhorgamadha kan jedhaa jirru.yeroo tokko tokko masjida diiganii bakka sanitti mana amantaa kiristaanaa maf ijaaran? kan jedhuu balaaleffatuu keenna. Fkf akka Minilik dalage san .masjida guddaa magalaa “Harar” keessatti argamu diigee bakkuma sanitti beeta kiristaana ijaarsise. San qofatti usuu gabaabbatee xiqqaadha,Minilik masjida kana usuu hin diigin dura MINAARAA isaa gubbatti olbahee achi irraa mataa isaatti gad fincaaye muslimoota garaa isaanii gubuuf,isaan dallansiisuuf.garuu rabbiin jazaa isaa san isaaf deebi’ee jira dhibee qumaaxessaa itti ergee qaamni isaa cicciramee du’ee jira.Alhamdulillah!!!!
Kanafuu nuti mirga amantii biraa dhiibuuf kana dubbataa hin jirruu,muslimni mirga amantii biraa hin dhiibu,beeta kiristaanni haa diigamuu hin jedhu,Rasuulli keenna ( S A W)sahaabota isaaniitiin yeroo jihaada(qabsoo karaa rabbii) deeman mana amantaa kiristaanaa hin diiginaa jedhanii dhorganii jiran,qeysota isa keessa teettee Rabbiin gabbartus hin ajjeesinaa jedhanii jiran.nutis kan jedhaa jirru mirgi hundaatuu wolqixxummaan eeggamuu qaba malee akka Minilik dalagaa ture san kaan diigaa kaan ijaaruun mirga amantaa dhiibuu akka tahe ifa galchuu barbaanna. 

2.Masjida (mana amantaa islaamaa) akka hin ijaaramne dhoorguu:

Wonta baayyee nama raaju(ajaa’ibsiisu) keessaa; yeroo beeta kiristaanni kuma hedduun laakkayaman sun akkasitti ijaaraman masjidni immoo mana kudhanii hin caalu,sunuu woldhaansoo ummataatiin qofa kan argamuudha malee mootummoonni Habashaa akka hin ijaaramne dhoorgaa ture,mootummoonni biyya islaamaa hedduun mootummoota habashaa kadhataa turan muslimootaaf masjida ijaaratuun akka heyyamamu jedhanii.
Haatahu malee mootummoonni habashaa kan biraa ijaaruun hafee kan duraan jiruu akka diigamu taasisan. Masjidoonni muraasni jiraman sunuu mukaa fi dhoqqee qofaan kan ijaaramaniidha .kanumaan woliinuu masjidoonni mallattoo isaa fi mana jireenyaa addan beekaniin hin qabu(minaaraan akka irratti hin hojjatamne nidhoogama).
Kan ijaaramus karaa gugurdaa irraa fageeffameeti ijaarama,akka namni hin argineef ija jalaa akka dhoyfamu taasifama.garuu yeroo amma keessatti haalli akkasii sun bay’innaan hin jiru Alhamdulillah.

Wolumaa galatti miidhaan muslimoota irra gahaa ture;
Muslimoota gara laafinnan malee ajjeesaa turuu
Gocha sanyii dhala namaa lafaa fixinsaa muslimoota irratti raawwatuu fkf gocha Haylasilleeseen raawwate kan sanyii dhalanamaa lafa fixiinsaa isa yeroo amma (genocide) jedhamee beekkamu,ijoollee,dubartii,jaarsa manguddoo mana tokko keessatti wolitti qabee ibiddaan gubee jira. 
Akka muslimoonni wolhin horre dhira irraa qaama saalaa muruun dubartii irraa harma muruu fkf gocha Minilik raawwate.
Ulama’ota/beektota islaamaa biyyaa baqachiisuu fkf gocha Yuhannis 4ffaa.
Ulamaa’ota(beektota) garii ibiddaan gubuu fkf gocha Tedros aalima Sh/Umar Adam jedhaman irratti raawwate.
Muslimoota hedduu jireenya isaanii mana hidhaa keessa taasisuu.
Ilmaan islaamaa barumsa dhoorguu(gacha Haylasillaasee)
Qabeenya muslimoota roorrisuun beelaa fi gadaddoo keessatti hanbisuu
Mirga muslimootaa dhiibaa turuu
Akka lammii biyyaa osoo hin taane akka gabraatitti laalaa turuu
Waahee muslimootaa akka addunyaan hin beekne taasisuuf dhoksuu 
Qooda biyya bulchuu dhabsiisuu(angoo akka hin arganne godhu) fi kkf.


Dr.Tajuddiin kitaaba isaanii “Taariiku Etyoophiyaa” jedhu keessatti akkana jedhan:
cunqursaa fi miidha muslimoota irratti adeemsifamaa ture kana yoo gad qabnee laalluu, Rabbiin akkuma nabi Muusaa bobaa(koola)diina isaa Fir’ownaan jalatti eegee guddise, islaamummaalle biyya teenna keessaatti worroota isii balleessuu barbaadan irraa eege hardhaan gahe.(fuula 14)
Kan hunda caalaa nama raaju usumaa isaan biyya guutuu kiristaana taasifnee mootummaa kiristaan takkattii dhaabna jedhanii yaadan,tasuma wonti isaan hin yaadin isaan mudate,muslimoonni irra caalaa jiraataa biyyattii tahuun ifa bahe,akka kitaaba Taariiku Etyophiya Jedhamu( fuula 55) irratti dubbatametti muslimoonni Etyophiyaa 75% tahuun ibsamee jira . 
Kun tumsa Rabbiiti, Rabbiin diinii isaa ufumaa tumsaafii mitire?hanga fedhes kaafirtoonni balleessuuf yalanis homaa godhuu hin danda'an,namni diinii ni balleessa jedhe akka saree ji'atti dutteeti mal godhuu danda'a? akkuma Rabbiin jedhe:
( يريدون ليطفؤوا نورالله بأفواههم والله متم نوره ولوكره الكافرون)
Hiikkaa ayata kana:
“worroonni Rabbittii amanuu didan(kaafirtoonni) ifaa Rabbii(islaamummaa) afaanuma isaaniitiin afuufanii dhaamsuu barbaadan,Rabbiin immoo hanga fedhan kaafirtoonni jibbaniifis ifaa isaa niguuta(bakkaan gaha). Suratu-ssaffi (8 : 61)
ya Rabbi akkuma diinii kiyya niguuta jettee beellama sente,nasrii keelle nuufidii nugammachiisi.

GAAFII???????
Gochoonni kunniin kan mootummoota dabranii yoo tahu,kan ammaa hoo kanaan wolfakkaata moo garaagarummaa qaba?kan dabre santu muslimoota irratti miidhaa guddaa qaba moo kan ammaati?

No comments:

Post a Comment