qopheeysaa: sheek Abuu Raafi'
hii? wahabii wahaabii eenyu baanta?
Jechoota yeroo hedduu humnootiin farra
muslimaa kannen akka yahuudotaa fii ahbaash ittiin muslima arrabsan keysaa
tokkoodha. Hiikkaan isaa maqaa RABBII WAHHAAB kan jedhamutti irkisanii (nis'baa
godhanii) wahaabbii [wahhaabiyyaa] jedhanii muslima moggaasanii arrabsaa turan.
Akka garee haarawaa fakkeysanii ummata irraa baqachiisuuf yaalii guddaa godhan.
Garuu hin milkooyne. arras bifa
haarawattii jalqabanii olola hafarsaa jiran. kun ammoo jallinaa fii
diinummaa guddoo qabaachuu isaaniiti
ibsa.
Jechi wahaabiyyi jedhu kun maqaa RABBII
WAHHAABITTI irkifame waan taheef faaruu malee arraba waa hinqabu. Ammas gareen
muslimaa kan maqaa kanaan if moggaasee ittiin na yaamaa jedhe labsate waa hin
jiru, yeroo heddu jecha kana humnoota farra islaamaa kanneen akka yahuudotaa fii
warreen eegee isaanii tahan kan akka ahbaashiitu muslimtoota haqaa (warreen
towhiida qulqulluu qur'aanaa fii hadiisarraa burqe sirritti qabatan) maqaa
xureysuuf ittiin fayyadamaniidha. Dhugaan jiru kana. sheykul islaam Muhammad
ABDULWAHAAB ammoo akkuma seenaa ulamaaiirratti ibsametti da’iwaa haqaati godhe
malee garee jaaree maqaa isaatiin yaamamtu waa hinqabu. osoo garee qaba tahee
silaa akka seera afaan arabaatti maquma isaatti irkisamtee Muhammadiyyaa
jedhamti turte, kun ammoo argamee hin jiru.
Ammoo dhugaan jiru sheykul islaam
Muhammad Abdulwahaab RABBI rahmata isaa haa godhu da'iwaa towhiidaa tan
qur'aanaa fii hadiisaan qajeelfamtu godhe. Da’waa akka Nabii s.a.w. fii sahaabonni
r.a. godhaniiti godhe. kanaan RABBIIN gargaaree bid'aa fii shirkii dhabamsiisee
towhiida dhugaa diriirse. garuu warreen shirkiidhaan ummata ija cufanii qalbii
hagooganii maqaa owliyaa jedhuun ummata muslimaa saamaa, gabroomfataa if gabbarsiisaa turan
haalaan sheek Muhammad kana jibban, Itti dallanan, bu'aan isaanii kan saaminaa
waan cufamee, angoo ittiin gabbaraman waan dhabaniif jecha. sheeka kana adawwii
lakk/1ffaa godhatan, arrabsuu fii maqaa xureeysuu hojii godhatanii itti fufan.
Arras harcaatonni isaanii kanneen akka
ahbaash duula ololaa kana hafarsaa jiran. lolli guddaan wahaabii wahaabii mankaraaristoota, kiraa
sassaabdota, jinnii, jaankaa ...jedhu. kun kaayyoon isaa guddaan humna angootii
fii siyaasaatiin gargaaramanii ulamaaii fii du'aata fii ummata muslimaa hunda
sodachisuudhaan akka dirree diinirraa dheeysanii, garee jalloo ahbaashitti akka
harka kennan godhuudha. yookan diin islaamaa bineensa isa nyaatu jalatti
kuffisanii jalatti lafatti qabuudha. kun rakko bu'aa qoonqootiin walqabate
tahuu isaa namni hundi ifatti beekuu qaba. dhugaan jiru kan seenaan ibsu kana.
Tanaaf ummata keenya kabajamoo!
olola owwaa farra islaamaatiin hafarfamu kanaan hin dogoggorinaa. Humnootiin olola kana hafarsurratti walitti
qindaawan hundii bu'aa mataa isaanii keysaa qabu. maqaa leenjii ahbaashiin
(islaamaatiin) daldalli dinaggeetii fii siyaasaa oofamaa jira.
Nuti akka ulamaa’ii ummata
muslimaatti ammas bid’aa fii shirkii warreen diriirsan ni balaaleyfanna, hanga
jallina dhabamsiisnee diin haqaa gadi
diriirsinutti waan dandeenye hundaan itti qabsooyna. karaa ebaluu fii ebaluutti
osoo hin tahin karaa Qur'aanaa fii hadiisaa kan sahaabaa nabii, kan salafa
qajeelaatti koottaa jenna, kanatti nama hunda yaamna, ni barsiisna, ni gorsina,
ni qabsiisna, kana malee karaan jannataa waan hin jirreef carraa keeysan
dhaqqabadha jenna.
No comments:
Post a Comment