Sunday, March 24, 2013

Madda Islaamaa

Madda Islaamaa


Saturday, February 23, 2013

GORSA BAREEDAA KAABINOOTA MOOTUMMAATIIF

Oduu Oowwaa 
Juneydin Saadoo Keniyaatti irkattummaa siyaasaa gaafatan. 
Obbo Junydiin Saaddoo Jaartiin Isaa badii malee hidhaa jiraachuun isii ni yaadatama. Juneydiin Saaddoo mootummaa cunqursaa Ehaadig keessatti ango sadarkaa guddaa warra qaban keessaa tokko hoggaa tahuu, Ahbaashii biyya naquuf akka mataatti carraaqqii guddaa godhuun Isaa ni yaadatama. Rabbiin arra adunyaarratti isa xiqqeessee jira, galata Isaa argataa jira. tan garaa nama nyaattu miskintitti Jaartii Isaati.
Obbo Junyediin dafee towbaa gama Rabbii Isaa akka deebi'uu Isaaf hawwina. Rabbiin badii hunda araaramaadha.  


Kaabinoonni fi warri qaama mootummaa kanaa taatanii biyyaa fii hawaasa girgireesaa jirtan kanarraa yoo hin barre, karaan keessannis kanuma. Mootummaan wayyaanee hanga Isinitti haajamu qaba, gaafa haajaa Isaa fixaxe akkuma juneydiin saaddoo kanatti kararraa isin meysa.
Angoo qofa sirraa fuudhee osoo si dhiise gaarii ture. Garuu angoo sirraa fuudhee maqaa si balleessee, hidhatti si galacha, yookaan biyyaa si baasa.

Wednesday, January 16, 2013

YAASIIN NUURUU MANA DUKKANAATTI HIDHAMA

Oduu Koree keenyaa

Ustaaz Yaasin Nuuru mana sirreessaa Qaallittitti guyyaa harraa(08/05/05) iddoo(kutaa) dura hidhamanii jiran irraa gara kutaa dukkanti qofti liqimsitetti akka jijjiiraman taasifamuu isaanii dhagahamee jira. Hoggantootni mana sirreessaa gochaa kana Ustaaz yaasiin Nuuru irratti kan raawwataniif sababa “hidhamaa biroo wajji haasoftee jirta” jedhuun akka tahe beekkamee jira. Koree keenya yeroo isaan mana sirreessaa Qaallittii fuudhaman irraa eegalee hawaasa mana sirreessaa keessa jiru kamiyyuu wajji walitti dhufeenya akka hin taasifne yaaliiwwan gara garaa akka taasifamaa turan kan yaadatamuu dha. Gochaan ustaaz Yaasin Nuuruu iddoo dura hidhamanii jiran irraa gara kutaa dukkanaatti geeddaruu kunis duula dureewwan keenya hawaasa biroo irra adda baasuuf taaasifamu keessa tokko dha. Hundi keenya du’aa’iin haa jabaannu.

Tuesday, January 15, 2013

Miseensa Majlisaa tahuun dirqama tahe

Oduu Owwaa!!!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Majlisaa wajjiin wal gahii iccitii irra turan. Maal murteessanii addaan akka ka'an dhagayaa:

Mootummaan Majlisni akka Muslimoota Miseensa godhee kaardii Miseensummaa kennuuf ajaja dabarsee jira.

Ajaja kanaan Majlisni kijibaa kan naannoo Oromiyaa Miseensa tahaa jechuun Kaabinoota Goodinaa fi aanaa wajjiin ummata dirqaa jira. Namni Miseensa Majlisaa tahee kaardii Miseensummaa hin fudhanne Mankaraarisitiidha, kan fudhatu ammoo Mankaraaristii miti jechuun sodaachiisaan eegalamee jira. Kaardii fudhachuuf Majlisa nuutu file jettee ragaa bahuu qabda.
Haaluma kanaan wal qabateen Majliisni ummanni hin filatiin akka ummataan filame ragaa bahaa jechuun dargaggoo waliin wal gahiin akka godhamu murtaawee jira. Wal gahiin guyyaa Alhadaa( sanbataa) Magaaloota Goodinaatti akka godhamuu murtaawee jira. Magaalaa cirootti Alhada akka walgahiin dargaggoota filamanii wajjiin godhamu beekkameera.
Mootummaan Majlisa ummanni nuti hin filanne waan jedhaniif dirqamaan nu filate jedhaa jechuun karoora haarawa kan baasee dhufeera. 
Namni hundi oduu kana gabaabsaa Moobilaan waliif ergaa, Alhada wal gahii irratti argamuudhaan sagalee tokkoon nuti majlisa akka hin filatin haa moorminuu.

Mala baasan garuu Rabbiin mala Isaanii kana kan caaluu itti baasa. Injifannoon tan Islaamaati!!!
Allaahu Akbar!!!!

Tuesday, January 8, 2013

MOOTUMMAAN HARARIITTI MUSLIMOOTA 200 OL HIDHE

Oduu Gaddisiisaa.

Magaalaa Hararitti Mootummaan Guyyaa Jum'ataa Namoota Masjidatti Rasaasa Itti banee ajjeesun Isaa ni yaadatama. Sanumaan wal qabatee Namoota hedduu lakkoofsii 200 ol tahu hidhanii jiran.
warra hidhaman keessa:
1. Ulamaa'ii Gurguddoo
2. Manguddoo biyyaa
3. Daldaltoota beekkamoo
4. Dubartootaa fi hawwaan.
5. Dargaggootaa fi Bartoota hedduutu badii malee hidhamee jira.
Namoonni Hidhaman kan guyyaa san Masjida Imaanitti salaatanii sagalee dhageesisan qofa miiti. Namni Muslimoota hidhaman gaafachuuf dhaqus ni hidhama. Ashabbaarii jedhama. Inni footoo Isaa asin gaditti argitan Obboleyyan Muslimaa guyyaa Jum'aa hidhaman gaafachuuf Mana hidhaa Faxara (ciree) qabatee dhaquu Isaa qofaaf hidhame. Maatiin Isaa Isa arguu hin dandahan, yoo mana hidhaa dhaqanii ni gaafanna jedheen waraanni Mootummaa  si ajjeefana je'ee itti dhaaddatan. 
Du'aaiin akka Isaan hin daganne.
Kuni hundi Maaliif laata? 
Mana hidhaatti Azaaba Adunyaa agarsiisaa akka jiranis dhagayamaa jira. Eleektirikaan waadamaa jiran.
Akka Kijibaan ragaa ifirratti bahan godhuuf cunqursaa fi tuminsa Bineensilleen hin mudanne mudataa jiran. Ani Al-shabaabii, Somaaliyaa dhaqee leenji'ee dhufe, Koree Finfinneetti hidhaa jirtuun akka Mootummaa garagalchinu ajajni nutti kenname, Mootummaa Islaamaa dhaabuuf namoota Ijaaraa jirra, Ahbaashiin hin jirtu kijiba keenya, fi waan adda addaa akka jedhanii waraabbaman godhamaa jiran. 
Rabbiin Isaan bira haa jiraatu.
Kana hunda booda Nasriin tanuma Islaamaati. Cunqursaan yeroof humna qabaatus, Nutis Rabbii abbaa humna hundaa qabna.
Injifannoon tan Islaamaati!!!



Monday, January 7, 2013

BARNOOTA MANA FICAANII KEESSATTIS ARGUUN NI MALA

Barnoota mana Ficaanii keessattis arguun ni mala.

Mana Ficaanii Hawaasni hedduun Itti fayyadamu tan Masjidaa takka tarree (warafaa) eeggadhee seene. Ani Ficaaniif seene.
Duuba Xiqqoo hoggaan taa'ee mataa ol qabee hulaa (balbala) mana ficaanii Ilaale. Hoggaan laalu barruu takkan argee ajaa'ibe. Barruun akkana je'a "yaa Namana Dafii gad bahi! Salaataahu daqiiqaa takka irra hin turtuu maaliif Udaaniif diqiiqaa 30 turta" je'a. Abbaan barreese yeroo hedduu nama warafaa eeggachuun gubate tahuu danda'a, garuu jechii Isaa dhuguma. Salaata hangam keenyaatu sirritti qalbiidhaan salaata yoo jennee deebisaan? Anis gaafii takka achuma taa'ee if gaafadhe "yaa bada ana Osoo hanga facebook gubbaa turtu Quraana qara'urra turte silaa irra siif caala" je'ee If gaafadhe. 
Isin yoo Mana ficaanii san seentanii barruu san yoo dubbiftan maal jettan laata? 
Yeroon dura dubbise nin kofle. lol.

Saturday, January 5, 2013

FITH RAADIYOO 7FFAA

Allaahu Akbar!!!!
Fith Raadiyoo sagantaa 7ffaa 
Download godhaa caqasaa


ODUU ETV IRRAA GALGALA KANA DABRUUF QOPHAAWE!!!

ODUU ETV IRRAA GALGALA KANA DABRUUF QOPHAAWE!!!

Kalleesa Jum'aa salaata booda Mootummaan Masjida Imaan (aratanyaa) magaalaa Hararitti ganamaan marsee ture. Sa'aan salaataa raawwatee hawaasni Muslimaa moormii dhageesissee masjidaa bahuu yeroo eegalu, Waraana federaalaa namtichi bakka kanaa dhufee hin beekkamne kophee Isaatiin tumuu eegale. yeroo kana warranni federaalaa qawwee Isaa masjidatti banee nama 4 ajjeesee jira. Namni lama Kiristaana hoggaa tahan Namni lama ammoo Muslimoota irraahi. Namoonni hedduun hidhamanii jiran bakka Isaan itti hidhamanis hanga ammaa hin beekkamne. Koreen Masjidaa hundi hidhamanii jiran. Manni Isaaniitis sakkata'aamaa jira. Masjidnis Marfamee jira salaata jum'aa booda namni akka tora sanitti hin dhaloyne waraanaan marfamee jira.

Mootummaan Vidiyoodhaan akka waraabbataa tures warri naannoo sanitti argaman ibsanii jiran. Kanaaf guyyaa arraa ETV irratti haala Isaaf mijjaawutti kijiba Isaa bareechee Shororkeesitoonni akka nama ajjeessanii fi waraana mootummaa akka madeessan godhee dhiheessuuf yaadaa jiran.

Kanaaf akkuma beekkamutti kijiba Isaanii dura namni hundi haa dhagayu sana booda Isaanis nyaara haaddatanii haa kijiban.
share godhaa!!!
nama hin dhagayiin dhageesisaa!!!
Moobaayilaanis waliif barreessaa!!!

Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!

Friday, January 4, 2013

GUYYAA 365 AMANTII TEENYAAF!!

Oduu Jum'aa
4-1-2013

Guyyaa arraa Moormiin mata duree "Guyyaa 365 Amantii Teenyaaf"  jedhuun godhame nagayaan raawwateera.
Guyyaa arraa akka biyyooleesaatti Naannoo fi Magaaloota hedduutti Hawaasni Muslimaa Amantii teenyaaf waggaa tokko guutuu iyyachaa nama nu dhagayu dhabneerra jechuudhaan hirira nagayaa bahuun moormii cimaa karaa nagayaatiin godhaa olan.
Keeysattuu:
Finfinnee Naannoo Federaalaa (garuu lafa Oromiyaa)
Adaamaa Naannoo Oromiyaa
Shaashamannee Naannoo Oromiyaa
Dodoolaa  naannoo Oromiyaa
Magaalaa Harar (Adaree Biyyoo) Naannoo Hararii fi Harargee Bahaa
Hawaasaa Naannoo Kibbaa
Arbaa Minci Nannoo Kibbaa
Jimmaa Abbaa Jifaar Naannoo Oromiyaa
Dasee Naannoo Amaaraa
Waldiyaa Naannoo Amaaraa fi magaaloota adda addaatti mormiin cimaan godhameera.

Dhaadannooleen adda addaa dhagayamaniiru. sana keeysaa
Sagaleen keenya haa dhayamu!!
Biyya teenyatti mirga dhabnee!!!
ETV kijibaa!!!
Qawween Kamiiseetti boollaa argine jettan kijiba!
Guyyaa 365 amantii teenyaaf!!!
Qabsoo Itti fufna!!!
Ahbaashii hin fudhannuu!!!
Amantii teenyaaf ni dhumna! Sagaleen keenya haa dhagayamu!!!
kan jedhuu dhageesissaa olaniiru.
Haaluma kanaan Moormiin kun bakka heddutti nagayaan kan raawwate tahus Magaalaa Hararitti Waraanni federaalaa Masjidatti ummata akka malee waan tumeef Hawaasni naannoo Masjida Imaan jiran Masjida keeysaa fi alattis miidhamanii jiran. san keeysaa namoonni lama qawwee mootummaatin ajjeefamanii jiran, hedduun madaawee jira. kan du'e keessaa tokko daa'ima amata 7 hoggaa tahuu amantiin isaa Kiristaana tahuun Isaa beekkamera.
Magaalaa Dodoolaattis Hawaasni salaata booda akka jiruun masjidarraa gama alaa bahuudhaan Moormii cimaa godhee jira. Kaabinoonni Salaataaf Masjida keeysa turan Osoo namni Isaan hin tuqin Ifumaaf Masjida keeysaa Kophee malee akka fiigaa galan maddi Oduu naannoo sanii nuun gahe addeeseera.

Magaaloonni duraan Sagalee dhageesisanii hin beeyne kan akka Hawaasaa, Arbaa Minci, fii Waldayaatti Moormiin haalaan akka cimaa tahee beekkameera.
Magaalaa Waldaayaatti waraanni namoota hedduu hidhuun Isaatis beekkameera.

Moormii Kanaan wal qabatee namoota arra Harar keeysatti ajjeefaman Mootummaan Akka Muslimootaan ajjeefaman godhee Oduu Isaa akka facaasuuf qophiirra jiruus garasumaa oduun nu gahe Ibseera.
Naannoo birootti rakkoon argamee hanga ammaatti hin beekkamne. Namoonni Lakkoofsa hedduu qaban moormii cimaa dhageesisuun Mootummaa kanaaf waan himu qaba jenna.
Mootummaan Ummata hin dhageenye booddeen Isaa akkuma warra kana duraatti ummatumaan kararraa maquun isaa ifa galaadha jechuun warri hayyootaa dubbataa jiran.

Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!


Monday, December 24, 2012

JECHI KEENYA HIN JIJJIRAMU, SHIFTOOTA SEERAAF DHALEESSUUN KEENYA HIN OLU.

JECHI KEENYA HIN JIJJIRAMU, SHIFTOOTA SEERAAF DHALEESSUUN KEENYA HIN OLU.
Biyya teenyatti bakka Azaabni guddaan itti argamu keeysaa tokko Mana Hiidhaa  Ma’akalaawii Finfinnee jiruudha. Manni hidhaa kun kan Dargiin warra hidhaman itti cunqursuudha. Arras bakka kanatti meeshaan ammayyaa kan nama ittin jilchan itti dabalamee daran Azaaba fakkaatee itti fufee jira.
Koree teenya irratti waan hojjatame gabaabsinee ilaalla. Rakkoo Muslimoota akka gaafatan kan ummanni bakka buufate Koree teenya Rakkoo hangana hin jedhamne arganii jiran. Nuti waan kana hin dagannu!! Seenaanis hin dagatu.
Qaamni ani  Mootummaa Ummataati Ifiin je’u tokko kana dalaga je’ee namni yaadu hin jiru, garuu wanni hundi tahee ragaa qabatamaan nu gahee jira.
Qabsoon keenya dura yeroo jalqabu irraa hanga ammaa karaa nagayaatiin deebi argata yaada jedhuun karaa nagayaa fi seera qabeessaan deemuun keenya Adunyaa guutuu kan dinqe tahus, Qaamni Mootummaa yakka adda addaa nuratti ofaa jira. San keeysaa wanni Isaan mana Hidhaatti koree teenyarratti raawwachaa jiran akka waan Isaan harka shiftaa seenanii fakkaata. Ee shiftaa malee kuni Hojii Mootummaati miti.
Akka odeefannoon argannee Ibsutti warreen Kore teenya qoratan mana hidhaa keeysatti waan bineensa irrattillee hin hojjatamne koree teenyarraan gahaa jiran. Koreen teenya Bilisa tahuu isaa hubannaan Mootummaan akka dirqamanii “mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojjachaa turre” jedhan godhaa jechuun xalayaa barreesee jiraachuun isaa beekkamerra. Hunda Isaa yeroon Isaa hoggaa gahe ni ibsina, amma akkaata itti cunqurfamaa turan keessa garii isaa dubbanna.


·        Koree teenya bishaan danfaa kooddaatti guutanii Qaama saalaa Isaanii (cidhaan) irratti hidhuudhaan qamnii Isaanii Iitawee hanga ficaanu dadhaban gahanii turan.
·        Tumaa Isaanii irraa kan duydaa fi qaamni biroo akka malee Isa laalatuu turre, Isaanis bakka isa dhukkubu sanirra sibilaan tumaa turan.
·        Koree teenyaa fi sheekkootii teenya tuminsi itti jabaate kan ilkeen sosso’es jira, kan if wallale kufus jira. Yeroo dheeraaf tumanii iyyisisaa waan turaniif koreen teenya Qur’anas qara’uu hanga dadhaban gahanii jiran.
·        Yeroo tuman yoo waan sin jennu tole jechuu baatte maatii kee, Ilmaan kee waliin mana irratti gubna, jechaanii turan.
·        Kan hunda caalaa nama boochisu koree teenya Ija hidhanii waan turaniif yeroo Isaan salaatan Ijaan hin argan jechuudhaan tuffiin bakka Isaan sujuudan irratti mila Isaanii kaayanii akka Irratti sujuudan godhaa turan. Kan yoomiyyuu hin dagannu. Kana ni irraanfanna jedhanii yaaduun tapha.
·        Ija hidhanii waan qara irra akka mila qullaa deeman godhaa turan.
·        Koree teenya keeysaa tokko hanga hidhiin Isaa dhohuu tumanii jiran.

Ji’a Ramadaan keessa “mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojjachaa turre jechuun mallatteesuu yoo diddan salaata hin salaattan” jechuun dhorgaa turan.
Halkan hedduuf mana qabannaawe keeysatti nyaata malee tursiisaa turan.
Maashina qaama namaa walitti hacuucuun qaama Isaanii hacuucuudhaan gubbaa dhaabbatanii Vidiyoo waraabbachaa “Mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojachaa ture je’i” jechuun cunqursaa turan. Kanaafii kan biro cunqursaa hedduu argaa turan.
Dhumarratti : Akkuma Mootummaa Dargii keeysatti warri nama cunqursaa turan seeraaf dhalaawanii itti murtaawe sana, nutis warra koree teenya akkanatti itti roorrise kana seeraaf dhaleessuun keenya hafa hin qabu. Kuni waadaa keenya.

Saturday, December 22, 2012

RAADIYOO FITH 5FFAA.

RAADIYOO FITH 5FFAA.
Raafiyoon Fith sagantaa Isaa 5ffaa qabatee dhufeera.
Daawnlood godhuuf linkii kana tuqaa.

ውድ የፍትህ ሬድዮ ተከታታዮች!
ፍትህ ሬድዮ 5ኛ ፕሮግራሟን አቅርባለች
ዳውንሎድ ለማድረግ ይሄን ይክፈቱ



Thursday, December 20, 2012

ODUU ARSII SHAASHAMANNEE

Oduu Arsii shaashamannee

Guyyaa harraa(10-04-05)(19-12-12) magaalaa shashamanneetti obboleewwanii fii obboleettiwwan islaamaa baatii sagal dura badii tokko malee godina Arsii aanaa Asaasaa irraa ukkaamfamanii mana hidhatti dararaa argaa turan , “gochaa shoorerkeessaa raawwatanii jirtu” jechuudhaan himannaa mootummaan isaan irratti baneef mana murtiitti dhihaatanii ragaa ittisaa manni murtii dhiheeffadhaa isaaniin jedhe dhiheeffachaa ooluun isaanii dhagahamee jira. Ragaa ittisaa dhiheeffatan kanas garee saditti qoodanii, garee A , garee B, garee C jechuudhaan akka to’annaaf isaaf toluttii fii ummata keessatti “kan hanga amma hidhamaniif eenyutu gaafatamama?” gaaffiin jedhu akka hin kaaneef akkaataa obboleewwan islaamaa badii tokko malee hanga guyyaa harraatitti hidhaman kanneen itti gadi lakkisan malachutti akka jiran beekkamee jira. Haala kanaanis mootummaan namoota diini irratti jajjaboodha jedhee yaade keessaa filuudhaan itti murteessuuf ykn immoo daran qabee hiraarsuuf, namoota lakkofsaan jaha tahan, garee A jalatti ramaduun isaa dhagahameera. Kan hedduu ragaa irratti hin qabne himatamtoota baayyinni isaanii 30 oli tahan immoo garee B fii C jalatti ramadanii jiru. Obboleewwan islaama kunniinis gariin isaanii guyyaa harraa qulqullummaa isaaniitii fii himannaa isaani irratti banameef raga ittisaa kan dhiheeffatan yommuu tahu kan hafan immoo guyyaa boruu fii guyyaa itti aanu akka dhiheeffatan odeeffannoowwan naannoo sana irraa dhufan ni agarsiisu. Murtiin himatamtoota kanneen irratti kennamus eega hundumtuu raga ittisaa dhiheeffatanii booda akka tahu ni eeggama. Baatii dabre keessa obboleewwan islaamaa haala walfakkaatuun Arsii Asaasaa irraa qabamanii mana hidhaatitti dararaa argaa turan, laakkofsaan 40 tahan, ragaan tokkollee waan isaan irratti hin argamneef hidhaa baatii 8 booda bilisaan gadi lakkifamuun isaanii ni yaadatama. Obboleewwan islaamaa hafan kanneeniifis nuti hunduu du’aa’iin akka hin dagatne. Obboleewwan odeeffanno kana nuun geettaniif maqaa rabbiitiin galata argadhaa jenna.
Injifannoon ummata muslimaa itiyoophiyaa haqa dheebboteef!
Allahu akbar!
Allahu akbar!
Allahu akbar!


KOREEN MIIDHAAMAA JIRAACHUUN

Koree Ummata Islaamaa Qaalitti keessatti miidhaa itti jabeessanii jiran.

Mana Sirreesaa Qalittii keeysatti Koree Muslimootaa Irratti Roorroon addaa adeemsifamaa jira. Tuumaa fi Elektrikaan gar malee miidhaa jiran. Kana hunda wanni godhaniif akka yakka kijibaan Isaan irratti baname amananiif tahuun isaa beekkamee jira. Haluuma wal fakkaatuun Koree Muslimoota irratti yakka kijibaan banameef ragaa tahuuf kan filmaan Ma'akalaawitti leenjii fudhachaa jiran akkaataa kijibaa irratti. warra hoojii kanaaf filame keessaa maqaab Isaanii kan beekkame: 
1. Shamshuu itti Waardiyyoota Masjida Anawaar. 
2. Naasir Waardiyyaa Masjida Anawaar. 
Namni hundi jara kana beekuu qabdan.
Kana hunda wanni godhaniif Islaama dhaamsuufi, garuu dhaamsuu hin danda'an ifiif dhaaman.
Injifannoon tan Islaamaati!!!
Allaahu Akbar!!!





Saturday, December 15, 2012

Raadiyoo Fith Marsaa 4ffaa

Raadiyoo Fith sagantaa Isaa 4ffaa qabatee isin bira gahee jira namni hundi link armaan gadii tuquun buufadhaa Moobila keessaniin. sana booda bluetooth fayyadamuun nama hundaan gahaa.

Click here to download
======= ===============
koombiitaraaf http://goo.gl/i2y6r



Friday, December 14, 2012

HAWAASNI MUSLIMAA MUMMICHA MUMMEETIIF DEEBII KEENNANIIRRU

Oduu Jum'aa 
Dec, 14, 2012
Muslimoonni akka biyyoolessaatti mormii qaban dhageesisuu itti fufan. Arra guyya jum'aa salaata booda Magaaloota adda adda keessatti Hawaasni Muslimaa Lakkoofsa guddaa qabu mormii Isaa karaa nagayaatiin ibsatee ole.
Keessattu torbe dabre keessa mummichi mummee Hayla maariyaam Al-jaziiraa ingiliffaa irratti waa'ee Moormi Muslimootaa irraa gafatamnaan "Namoota Muraasa malee hawaasni muslimaa mormii hin goone" waan jedhee, Hawaasni Muslimaa dallanee arra Lakkoofsa guddaan bahee jira. Finfinneetti lakkoofsi Muslimaa hanga Miliyoonatti dhalawaa warri jedhanis jiru. 
Hawaasni Muslimaa dhaadannoo adda addaa dhageesisaa oolan keessaa:
Nuti muraasaa miti (xiqqoo miti)
Nuti Miliyeenoota!!!
Majlisni haarawani seeraa alaan filame bakka nurraa hin bu'u!!
Koreen filanne hidhaa haa bahu!!!
Seerri haa kabajamu!!!
fi dhaadannoo adda addaa dhageesisaa oolan.
Jum'aa arraa wanni adda goodhu naannoo biyyatti hunda keessatti mormiin haala cimaan godhamuu Isaati. Magaaloonni hedduun mormii kanatti hirmaatan akka armaan gadii kana:
Finfinnee> Masjida Anawaar. Fedeeraala
Dasee> Masjida Shawaa bar. Naannoo Amaaraa
Jimmaa>Masjida Fati. Naannoo Oromiyaa 
Harar> Masjida Imaan. Naannoo Hararii fi Harargee Bahaa
Mattuu> masjida Najjaashii. Oromiyaa Wallaggaa
Walqixxee> Masjida Rabi'i. Naannoo kibbaa Guraagee. fi magaaloota heddutti bahanii mormii gadhan irratti mummichi mummee nuti akka muraasa hin tahin haa beeku, Haa argu, haa dhagayu, jechuun waan waliif galan fakkaata.
Mummicha mummee waan jedhu ni eyna.
Akkuma baranitti namoota shororkeesitoota muraasa jechuun Ummata kan dhaabsisuun akka hin danda'amne Mootummaan beekuu qaba jechuun beektoonni Siyaasaa dubbachaa jiran. Furmaannis gaafii hawaasaaf deebi kennu qofa jechuun ibsanii jiran.
Oduun arraa kana fakkaata.
Nutis akkana jenna:
Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!
Isin yoo?


ROORROO MOOTUMMAAN MUSLIMOOTA IRRATTI RAAWWACHAA JIRU KEEYSAA..1

Dhagahaa waan Wayyaaneen Muslima Godhaa jirtu!!!

NAMNI HUNDUU DHAGAHUU QABA!!!
Yakka mootummaan ummata muslimaa irratti raawwataa jiru kana hunduu haa dhagahu! 
Hunduu haa beekuu! 

Husseen Abagaaz jedhama. Jiraataa Wolloo magaalaa harbuu yommuu tahu abbaa ijoollee saddeetiiti. Hidhaa fii dararaa dhiheenya kana harbuu keessatti raawwatamaa tureef dheessee gara finfinnee dhufus, finfinnetti sadaasa 21, 2005 adamfamee qabamuudhaan ma'akalaawitti hidhamee dararaa sukkanneessa argaa ture. hamma of wollaaluttu tumamee miidhaan guddaan irra gahee jira. yeroo ammaa kana hospitaala xoor hayiloochitti fooqii 10ffaa laakkofasa 10 ciisee wal'aansa fudhataa jira. lubbuun isaa qaccee du'aa irra jirti. dararaa irra gaheen fincaani isaatiyyu qabachuu akka hin dandeenye himamaa jira. yeroo amma obboleessi isaa tokko qofti cinaa kan jiru yoo tahu firoonnii fii hiriyyoonni obboleessa keenya kanaa dubbii kana dhageettanii hin jirre akka deemtanii gargaarsa gootaniif isiniin jenna. 
obboleewwan IBRAHIM ABDU, MUSA AHMED ALI jedhamanis haala kanaan ma'akalaawitti dararaa argaa jiru. 
Du'aa'iidhaan cinaa haa dhaabbannu!

Monday, December 10, 2012

Gocha sukkanneessaa Mootummaa Muslimootarratti

Oduu nama gaddisiisu
Gocha sukkanneessaa Koree Ummata Islaamaa irratti hojjatamaa jiru…
Nageenyaa fii wal dandayanii jiraachuu kan ummata barsiisaa turan koreewwan fii aliimoowan musliimootaa diirqamaan gocha shoorarkeessaa umuudhaaf fii mootummaa islaamaa hunddeesuudhaaf socha'aa turre je’aa jecha kennaa jechuudhaan lammiin biyyaa tokko lammii isaa irraatti gocha ni gaggeessa jadhamee hin yaadamne gochi sukanneessaa tahe irrattii gageefamaa akka turee maddeen amanamaa irraa arkamee ibse.
Qorottoonnii mana hidhaa makalaawii gocha Koree fi Ulamaa’oota hidhamanirratti gageessaa turan mal akka fakaatu akka armaan gadiittii tareefamera.
1.     Mana dukkanaawaa fii qabbanaawaa keessa guyyoota hedduu tursiisuu.
2.     Qama qullaa gochuudhaan tumuu.
3.     Hafuur baafannaa malee sa'aa dheeraa dhaabbiisuu (akka hafuura hin baafanne, hafuura itti kutan sa’aa dheeraaf).
4.     Nyaata isaanif dhufu dhorkuudhaan beelaan adabuu.
5.     Kursii eleektrikaa irra kaayanii lubbuu itti guraaruu.
6.     Faana miila Isaanii fii qamnii isaanii hanga dhiigaan laaqamutti ol gara galchanii tumuu.
7.     Wantoota qara kan lafa irrattii facaafamee gubbaa miila qullaa dukkana keessa akka irra deeman godhuu.
8.     qullaa gochuudhaan qaama saalaa tumuu
hanga lubbuun isaanii du'aa fii jiruu jidduu gessu takka meshaalee ammayaa fayadamuudhaan akka lubbuu ittii guraaraa turan himame.
Kun  hundii kan godhamaa ture mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojjacha turree je’aa amanaa akkasumattis mallatteesaa jachuudhaan deebiisaa isaanii viidiyoon waraabaa akka turan himame. Haala kanaani kan mana murtii dhiiheefaman.
Maqaa warroota waan kana hojachaa turanii maddii kun yammu ibsuu
1.     Komaandar Taklaay akka gocha suukanneessaa kan irratti hojjatamuu kan ajajaa turee.
2.     Ittii aanaa komaandar Katamaa koreewwan torch godhuudhan kan jecha irraa fudhaa ture.
3.     Saajin Riisoom fula isaanii hagoogee fudhuudhaan kursii eleektirikaa irrattii guraaraasaa kan ture.
4.     Yusuuf kan tumaa turee fii arrabsaa ture.
5.     Alamaayaw
6.     Tsagaayee
7.     Zamadkuun
8.     Abiyoot…. kan jadhaman gochoota kana irratti kan hirmaatan akka tahe maddi dhoysaan hulluuqee bahee kun ni ibsa.
Namuu waan facaafate Muratuu hin olu… Akka dhiitettis hin haftu..


Friday, December 7, 2012

Duula 27..27..27 keeyyata 27

Oduu Jum'aa 07-12-2012
Mirga Amantii seeraan mirkanaawe akka kabajamuuf Muslimoonni gaafatan.
Muslimoonni Itiyoopiyyaa seerri haa kabajamu jechuun salaata jum'aa booda magaaloota adda addaa keeysatti iyyeensa Isaanii dhageesisanii jiran.
Jum'aa arraa wanni kaaniin adda godhu Muslimoonni lakkoofsi Isaanii kumaataamaan lakkaawaman keessatuu magaalaa Finfinnee fi Jimmaatti xalayaa irratti lakkoofsa 27 barreesuun ol qabanii iyya Isaanii daran itti cimsanii jiran.
Keeyyanni 27ffaa nuuf haa kabajamu, Mootummaan amantii Islaamaa Muslimootaaf haa dhiisu erga jedhu dabarsuuf xalayaan lakkofsa 27 qabu Muslimoota salaatan hundaan ol qabamee jira.
Ummanni Islaamaa Itiyoopiyaa yeroo maraahu gaafiin keenya gaafii nagayaa tahuu mootummaa fi adunyaaf agarsiisaa jiraachuun waan nama gammachisuudha.
Qindoomina bareedaa fi nagayaan balaaleefannaan cimaan erga godhame Hawaasni Muslimaa gara mana Isaa fi hojii Isaatti deebi'ee jira.
Jimmaa Masjida fath keeysattis haaluma kanaan xalayaan lakkoofsa 27 irratti barreefame ol qabuudhaan seerri akka kabajamu hawaasni Muslimaa gaafaterra.
Silaa kan seera kabaju mootummaa tahee Osoo jiru mootummaan Itiyoopiyyaa seera Ifiif baase caphsee hawaasni akka seerri kabajamu qabsoo godhaa jira.
hojiin mootummaa Itiyoopiyaa Adunyaan balaaleefamaa jiraatus mootummaan jijjiraa godhaa hin jiru, Hawaasni Muslimaatis qabsoo nagayaa itti fufee jira. Mootummaan yoo dogongora Isaa kanarraa hin deebine, Hawaasaa fi Seerri Mohachuun Isaa hafa waan hin qabne jechuun xinxaltoonni hedduun Ibsaa jiran.


Saturday, November 24, 2012

Walaloo Islaama ibsu

Walaloo Islaama Ibsu
by Jamaal Gabe
hedduu teysoon saanii samii keysaa.
ittin dilaawan ajaja isaa.
dhugaa kitaabni Rabbiin buusee.
kan anbiyoota saa barsiise.
Qur'aana isaa hunda caalchisee.
kan nabiin keenya aalamaa ibsee.
itti amannee ergamtootaa.
ilmaan namaatiif barsiistota.
shirkii fageysan karaa fokkataa.
towhiidan ibsan qalbii ummataa.
dhuga'oomsi guyyaa qiyaamaa.
yowmul hasrati wannadaamaa.
guyyaa kaafamaa guyyaa galataa.
jallaan azaabaa gaariin jannataa.
qadara jaheysaan isaatii.
gaariifii hamtuun waan dhufeetii.
feedhii Rabbiitiif murtii isaatii.
katabee kaayee bekkomsa saatii.
ihsaannis beekaagaa tolchuudhaa.
ibaadaa Rabbii sirreysuudhaa.
akka waan laaltee gartuutti gabbarii.
ati arguu baattus si argaa barii.
waan himneef daliilan dhiheysaa.
hadiisa jibriil muslim keysaa.

Thursday, November 22, 2012

Ashuuraa haa Soomannu

Ashuuraa Soomannee Araarama Rabbi haa kajeellu.
Guyyaa Ashuuraa Guyyaa guddaadha, Rabbiin Muusaa fi Orma Isaa Fir’owna jalaa nagaya baase. Fir’ownaa fi Orma Isaa Baharatti kombolchee fixe.
 Ashuuraa (Ji’a Islaamaa Muharram guyyaa 10ffaa) soomanuun cubbu amata tokko namarraa dhiyxi. 
Ammoo dirqamaa miti Soomanuun Abbaan soomane galata guddaa argata namni hin soomanne badiin irra hin jirtu.
Ammas cubbu xixiqqoo hunda tan waggaa tokko Soomanni Ashuuraa namarraa qulqulleessa garuu cubbuun gurguddoon towbaa sharxii Isii wajjiin godhuu barbaachisa.
Guyyaa sagalaffaa itti Ida’unis jaalatamaadha Rasuulli s.a.w amanta dhufu guyyaa 9ffaa nin soomana je’ee Osoo amanni hin gahin gama Rabbi isaa godaane (Rabbiin lubbu Isaa fuudhe) kanaaf guyyaa 9ffaa itti Ida’anii waliin soomanuun karaa Rasuulaati s.a.w.
Kanaaf Obboleyyan Islaamaa hundi keenya soomana boruu fi saftii soomanuun haa dabarsinu akka Rabbiin cubbuu amata tokkoo nuuf araaramu.
Warra Rabbiin araaramuuf nu haa godhu.