JECHI
KEENYA HIN JIJJIRAMU, SHIFTOOTA SEERAAF DHALEESSUUN KEENYA HIN OLU.
Biyya
teenyatti bakka Azaabni guddaan itti argamu keeysaa tokko Mana Hiidhaa Ma’akalaawii Finfinnee jiruudha. Manni hidhaa
kun kan Dargiin warra hidhaman itti cunqursuudha. Arras bakka kanatti meeshaan
ammayyaa kan nama ittin jilchan itti dabalamee daran Azaaba fakkaatee itti
fufee jira.
Koree
teenya irratti waan hojjatame gabaabsinee ilaalla. Rakkoo Muslimoota akka
gaafatan kan ummanni bakka buufate Koree teenya Rakkoo hangana hin jedhamne
arganii jiran. Nuti waan kana hin dagannu!! Seenaanis hin dagatu.
Qaamni
ani Mootummaa Ummataati Ifiin je’u tokko
kana dalaga je’ee namni yaadu hin jiru, garuu wanni hundi tahee ragaa
qabatamaan nu gahee jira.
Qabsoon
keenya dura yeroo jalqabu irraa hanga ammaa karaa nagayaatiin deebi argata yaada
jedhuun karaa nagayaa fi seera qabeessaan deemuun keenya Adunyaa guutuu kan
dinqe tahus, Qaamni Mootummaa yakka adda addaa nuratti ofaa jira. San keeysaa
wanni Isaan mana Hidhaatti koree teenyarratti raawwachaa jiran akka waan Isaan
harka shiftaa seenanii fakkaata. Ee shiftaa malee kuni Hojii Mootummaati miti.
Akka
odeefannoon argannee Ibsutti warreen Kore teenya qoratan mana hidhaa keeysatti
waan bineensa irrattillee hin hojjatamne koree teenyarraan gahaa jiran. Koreen
teenya Bilisa tahuu isaa hubannaan Mootummaan akka dirqamanii “mootummaa
Islaamaa dhaabuuf hojjachaa turre” jedhan godhaa jechuun xalayaa barreesee
jiraachuun isaa beekkamerra. Hunda Isaa yeroon Isaa hoggaa gahe ni ibsina, amma
akkaata itti cunqurfamaa turan keessa garii isaa dubbanna.
·
Koree
teenya bishaan danfaa kooddaatti guutanii Qaama saalaa Isaanii (cidhaan)
irratti hidhuudhaan qamnii Isaanii Iitawee hanga ficaanu dadhaban gahanii
turan.
·
Tumaa
Isaanii irraa kan duydaa fi qaamni biroo akka malee Isa laalatuu turre, Isaanis
bakka isa dhukkubu sanirra sibilaan tumaa turan.
·
Koree
teenyaa fi sheekkootii teenya tuminsi itti jabaate kan ilkeen sosso’es jira,
kan if wallale kufus jira. Yeroo dheeraaf tumanii iyyisisaa waan turaniif
koreen teenya Qur’anas qara’uu hanga dadhaban gahanii jiran.
·
Yeroo
tuman yoo waan sin jennu tole jechuu baatte maatii kee, Ilmaan kee waliin mana
irratti gubna, jechaanii turan.
·
Kan
hunda caalaa nama boochisu koree teenya Ija hidhanii waan turaniif yeroo Isaan
salaatan Ijaan hin argan jechuudhaan tuffiin bakka Isaan sujuudan irratti mila
Isaanii kaayanii akka Irratti sujuudan godhaa turan. Kan yoomiyyuu hin dagannu.
Kana ni irraanfanna jedhanii yaaduun tapha.
·
Ija
hidhanii waan qara irra akka mila qullaa deeman godhaa turan.
·
Koree
teenya keeysaa tokko hanga hidhiin Isaa dhohuu tumanii jiran.
Ji’a
Ramadaan keessa “mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojjachaa turre jechuun
mallatteesuu yoo diddan salaata hin salaattan” jechuun dhorgaa turan.
Halkan
hedduuf mana qabannaawe keeysatti nyaata malee tursiisaa turan.
Maashina
qaama namaa walitti hacuucuun qaama Isaanii hacuucuudhaan gubbaa dhaabbatanii
Vidiyoo waraabbachaa “Mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojachaa ture je’i” jechuun
cunqursaa turan. Kanaafii kan biro cunqursaa hedduu argaa turan.
Dhumarratti
: Akkuma Mootummaa Dargii keeysatti warri nama cunqursaa turan seeraaf
dhalaawanii itti murtaawe sana, nutis warra koree teenya akkanatti itti
roorrise kana seeraaf dhaleessuun keenya hafa hin qabu. Kuni waadaa keenya.