Monday, May 20, 2013

BARNOOTA AQIIDAA 4FFAA KAN MADDA ISLAAMAA


=========Darsii Aaqiidaa 4ffaa========
Sagaleen Dhageefachuuf: As tuqi: http://goo.gl/fpkLS

Barnoota keenya kan aqiidaa kutaa 3ffaa keeysatti Towhiidni bakka sadihitti akka qoodamu dubbanne. Qooda Towhiidaa lama laallee jirra. Isaanis Towhiida Rubuubiyyaa kan Rabbi dalagaa Isaatiin tokkichoomsuu fii Towhiida Uluuhiyyaa kan Rabbi Ibaadaa/gabbartiin tokkichoomsuuti laalla.
Arra qooda Towhiidaa 3ffaa laalla.
Gaafii 9. Towhiidni Asmaa wa sifaat (Towhiidni sifaa fii maqaa Rabbii) maali?
Deebii9. Waan Rabbiin kitaaba isaa keessatti ifiin yaame (ifiin bifeesse) sabachiisuudha ykn waan Ergamaan Isaa s.a.w Hadiisa sahiiha keessatti Rabbiin bifeesse akkuma dhufteetti haqiiqaadhaan sabachiisuudha.
Hiikkaa jijjiruun maleetti, irkisuun maleetti (waan Zaahiraa Rabbii beeka je’anii bira kutuun maleetti), fakkeesuun maleetti, lakkisuun maleetti (irraa mulquun maleetti), akkaataa itti godhuun maleetti.
**Rabbiin sifa ifiin yaame qaba, Rasuullis s.a.w sifa Rabbiin yaame qaba, Kana amanuu fii sabachiisuun dirqama. Diduun hin tahu, hikkaa jijjiruun hin tahu, waan beekkamaa tahe Rabbii beeka je’anii dhiisuun hin taatu, Fakkeenyaaf Rabbiin tokko tahuu Rabbii beeka, dhagayuu Isaa Rabbii beeka, Qur’aanni jecha Isaa tahuu Rabbii beeka, Ol tahuu Isaa Rabbii beeka, nuti hin beynu jechuun dogongora. Rabbiin waan Qur’aana Isaatiin nuuf hime ni beyna, Waan Rasuulli s.a.w Hadiisa Sahiiha keeysatti nuf hime ni beyna. Kanaaf sifa Rabbii akka Isaan malutti qaba jechuun sabachiisuun dirqama taha.

Fkn: akka ol tahuu Rabbii, akka ifiif fedhetti gad bu’uu Isaa , harkaa Isaan malu qabaachuu Isaa fi k.k.f… waan isaan malu akka isaan malutti qaba jechuun sabachiisuun Towhiida Asmaa wa sifaat je’ama.
** Sifa Rabbii tan Inni Qur’aana Isaa keeysatti ifiif sabachiisee fii Tan Rasuulli s.a.w Isaaf sabachiise ni amanna. Sanirraa
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{ wanni takkalleen fakkaataa isaa hin taane. Inni dhagayaadha, argaadha.}
Ash-shuuraa:11
** Aayaata Tanarraa wanni hubannu Rabbiin uumaa Isaa takka akka hin fakkaanne, akkasumas akka dhagayaa fii argaa tahe ni hubanna.
Inni argaadha garuu argaan Isaa tan akka uumaa Isaatii miti.
Inni dhagayaadha garuu dhageeytiin kan Isa fakkaatu hin jiru.
Sifa Isaa tan Qur’aanaa fii Hadiisa sahiihaan dhufte hunda keeysatti Rabbiin sifa san ni qaba garuu tan uumamaa hin fakkaattu. Akkuma dhageeytii fii argaan Isaa tan uumamaa hin fakkaanne, sifti Isaa hundi tan uumamaa hin fakkaattu.
Ergamaan Rabbii S.A.W akki je’e:
(Rabbiin keenya halkan hunda gama samii adunyaa gad bu’a) Muslimtu baase.
Gadi bu’a bu’insa guddina isaatiin malu, Rabbiin uumaa isaa takkallee hin fakkaatu gad bu’insa isaa keeysatti.
Gaafii10. Allaahaan eysa jira?
Deebii10. Allaahaan samii olitti Arshirra jira.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe}
Suuraa Xaahaa: 5
*** Rabbiin Arshiirratti ol tahe, Ol tahinsa Isaan malu. Ol tahinsa Isaa keeysatti uumaa Isaa hin fakkaatu.
Dr. Sheek Muhammad Rashaad Abdullee Tafsiira Isaa keeysatti Aayaata Rabbiin Arshiirratti ol tahuu dubbattu tan Suuraa xahaa aayaata 5ffaa akkana jechuun hiike.
“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii”
Kanaaf Rabbiin Arshiirratti ol tahe hoggaa jenne Uumaa fakkaata jechuu miti. Akka argaan Isaa argaa uumaa Isaa hin fakkannetti, Arshiirratti ol tahuun Isaatis ol tahuu uumaa Isaa hin fakkaattu.
Ammas Rasuulli S.A.W akkana jedhe:
(Allaahaan uumaa takkallee uumuun duratti kitaaba galmeesse… kitaabni sun isa bira jira Arshii olitti.)
Bukhaariitu gabaase.
***Qur’aanaa fii Hadiisa keeysa ragaan Rabbiin Arshiirratti ol tahuu mirkaneeysuu lakkaawamee hin dhumu. Akkasuma jechii Sahaabaa fii Ulamaa’ii Ahlus-Sunnaa lakkaawamee hin dhumu.
Muslimoonni Rasuula s.a.w irraa eegalee hanga ammaatti Rabbiin Arshiirratti ol tahuu amanan.
** Ahbaash warri je’amu kan amma biyya seene ykn Ahlusunnaa suufiyyaa warri ifiin je’u Aayaata sifa Rabbii sabachiiftu hunda hiikkaa jijjiruun dirqama je’an.
Isaan Rabbiin Ol hin jiru, gad hin jiru, bitaa fii mirga hin jiru, duubaa fii dura hin jiru, adunyaa keeysa hin jiru, adunyaa alas hin jiru, bakka takkallee hin jiru garuu ni jira je’an. Ahbaash amantii falsafaa waan taateef falsafaan Isaanii nama afaan Oromoo haalaan beekuuf hin galtu. Wanni bakka takka hin jirre afaan Oromootiin hiikkaa hin qabu, waan hin jirre qofaan akkas je’an.
Waa’ee Ahbaash haalaan hubachuuf kitaaba “Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile” jechuun Urjii Ahmad Afaan oromootiin qopheeysite dubbisaa.
Darsiin Aqiidaa 4ffaan kanumaan xumurama.
Darsii Peejii/fuula Madda Islaamaa tana Hiriyoota keenya, Maatii keenya, fii Ahbaashoota hunda itti afeeruun akka irraa fayyadaman haa goonu.
Rabbiin warra waan barateen fayyadamu fii warra baree barsiisu nu haa godhu.
As wr wb

BARNOOTA SIIRAA 2FFAA KAN MADDA ISLAAMAA


~~~~~~~~Darsii Siiraa 2ffaa~~~~~~~~
Sagaleen Dhageefachuuf: As tuqi: http://goo.gl/6agNY

Darsii/Barnoota Siiraa 2ffaa kan peejii Madda Islaamaatiin isiiniif qophaawu.
Peejiin Madda Islaamaa guyyatti daqiiqaa kudhan isiniirraa osoo hin finne, Muslimni hundi akka amantii Isaa hubatu sagantaa barnootaa isiniif qopheeysiti.

3) Dhalootaa fi Hoosistuu Isaa.
Gaafii 10: Nabiyyiin S.A.W yoom dhalate?
Deebii 10: Rasuulli S.A.W, guyyaa Isniinaa/Wiixataa, 12, baatii Rabi’ul Awwal, Bara Arbaa dhalate.
Gaafii 11: Eysatti dhalate?
Deebii 11: Rasuulli s.a.w Makkatti dhalate.
Gaafii 12: Barri dhaloota Isaa maaliif Bara Arbaatiin moggaafame?
Deebii 12: Barri dhaloota Isaa bara Arbaa jedhamee sababaan moggaafameef, Mootiin Habashaa bara dhaloota Isaa Ka’abaa Jiysuuf waraana gama Makkaa erge, Waraana san keeysa Arba guddaatu jira. Garuu Rabbiin isaan halaake (Isaan Balleeyse), kabajaa dhaloota Nabiyyiitiif S.A.W.
Gaafii 13: Erga haadha Isaati enyuutu Isa hoosise?
Deebii 13: Erga haadhaa Isaatii tan Isa hoosiste, Suweybatul Aslamiyyaadha. Isiin khaddamtuu Adeera Isaa Abuu Lahab, egas Haliimatu Sa’diyyaadha tan Isa hoosiste, hanga amata Afur gahutti.
4) Du’a Haadha Isaatii fii Guddistuu isaa.
Gaafii 14: Haati Isaa yoom duute?
Deebii 14: Haati Isaa Inni umrii 6 keeysa Osoo jiruu jalaa duute, Isii Madiinaarraa deebi’aa jirtu.
Gaafii 15: Gama Madiinaa maaliif deemte?
Deebii 15: Gara Madiinaa wanni deemteef Qabrii Abbaa Isaa Ziyaaruufi, Isii waliin Akaakoo Isaa Abdul Muxxalibtu jira.
Gaafii 16: Haati Isaa eeysatti Awwaalamte?
Deebii 16: Bakka Abwaa jedhamutti Awwaalamte, Abwaan ganda Makkaa fii Madiinaa jidduu jirtu.
Gaafii 17: Erga Haati Isaa duute eenyuutu Isa guddise? (guddisa kunuunsaa kan akka haadhaa eenyuu godheef?)
Deebii 17: Erga Haati duutee Ummu Eymantu Isa Guddise, Khaddamtuu Abbbaa isaa Abdullaahiti turte.
Cuunfaa
Rasuulli s.a.w Makkatti dhalate Bara Arbaa, Suybatul Aslamiyyaatu Isa hoosise, eegas Halimatu Sa’diyyaadha.
Haati Isaa umriin Isaa amata jahatti jalaa duute, Abwaa bakka je’amutti Awwaalamte, eega Haati duute Ummu Eyman Isa guddifte, Isiin Khaddamttuu Abbaa Isaa tan Abdullaahiiti.
Yaadachiisa:
• Guyyaan dhaloota Rasuulaa s.a.w Rabi’ul Awwal 12 ykn 9 kan jedhu Ulamaa’ii jiddutti khilaafaatu jira. Kana malee warri jedhuus ni jira.
• Guyyaa dhaloota Isaa mowlida godhuu fii wanni adda addaa tan ilmi namaa itti jiru hundi waan Hadiisaan sabatee miti, Rasuulli s.a.w hin goone, Abuubakar, Umar, Osmaan, Aliyyii fii Sahaabaan takka hin goone. Kana namni hundi beekuu qaba.
Darsiin siiraa 2ffaan kanumaan xumurama.
Torbaan dhufu guyyaa saftii/dilbata qormaata Aqiidaa fii siiraa kan torbaaniitu jira. Kanaaf barattoonni jala deemaa jirtan qophooytanii akka dhuftan Isin hubachiifna.
Kamiisaa fii Jum’aan guyyaa boqonnaati. Rabbiin achiin nu gahee warra wal fayyaduuf walitti deebi’u nu haa godhu.
Rabbiin warra Rasuula s.a.w jala deemee Jannata argatee, Oollaa Rasuulaa s.a.w qubatu nu haa godhu.
As wr wb

BARNOOTA SIIRAA 1FFAA KAN MADDA ISLAAMAA


~~~~~~~~Darsii Siiraa 1ffaa~~~~~~~~
Sagaleen Dhageefachuuf: As tuqi: http://goo.gl/90ALn
Siiraa Nabii s.a.w Afaan Oromootiin haala salphaan akka namni hundi haffazu kan qophaawe.
Akkaataan Barnootaa, haalaa gaafii fii deebiitiin qophaawe.
======Boqonnaa Duraa=====
Seenaa Jiruu Rasuula Allaahaa S.A.W
1) Caalaa Keenya Muhammad s.a.w

Gaafii1: Eenyuu caalaan keenya Muhammad s.a.w ?
Deebii1: Inni Rasuula Allaahaati Ilmaan namaa hundaaf ergame, booddee Anbiyootaati, duree Ergamtoota hundaati.
Gaafii2: Maaliin dhufe?
Deebii2: Diina Islaamaatiin dhufe, kan Allaahaan guyyaa qiyaamaa hin qeeballe diina biraa Isa malee.
Gaafii3: Abbaan Isaa shanyii tam?
Deebii3: Inni Gosa daminnan Qureyshii irraahi, Irra caaltuu gosaa tan taate, Makkaa kabajamtuu keeysatti.
Gaafii4: Gosti Isaa enyutti gala?
Deebii4: Gosti Isaa Ismaa’iil Ilma Ibraahimitti gala, Isaan lamaanu Nageenyi Irratti haa jiraatu.
2) Gosa Isaatii fii du’a Abbaa Isaa.
Gaafii5: Gosa Abbaa Isaa lakkaawi?
Deebii5: Abbaan Isaa: Abdullaahi, Ilma Abdul Muxxalib, Ilma Haashim, Ilma Abdi Manaaf, Ilma qusayyii, Ilma Kilaab.
Gaafii6: Gosa gama haadhaa lakkawi?
Deebii6: Haati Isaa: Aaminaa, Intal Wahab, Ilma Abdi Manaaf, Ilma Zuhraa, Ilma Kilaab.
Gaafii7: Akaakoo kam irratti Abbaa fi Haati isaa walqunnaman?
Deebii7: haati Isaa Abbaa Isaa waliin Akaakoo shanaffaa irratti Wali qunnaman, Innis Kilaabi.
Gaafii8: Abbaan Isaa Yoom du’e?
Deebii: Abbaan Isaa Inni garaa Haadhaa keeysa osoo jiruu jalaa du’e, Umriin isaa amata 18 ture,
Gaafii9: Abbaan Isaa Eysatti Awwaalame?
Deebii9: Madiinaatti awwaalame, Qabeenya tokkollee Isaaf hin lakkifne.
Dimshaasha (cunfaa) waan arra barannee.
*Caalaan keenya Muhammad: Ergamaa Allaahaati Ilmaan namaa hundaaf ergame, Diina Islaamaatiin dhufe, Inni Araba, Qureyshiidha.
*Abbaan Isaa Abdullaahi, Abdul Muxxalib, haati Isaa Aamiina Intala Wahab, Gosummaan Isaan lamaanii akaakoo shanaffaa irratti wal qunnama, Abbaan Isaa Inni garaa haadhaa keeysa osoo jiruu jalaa du’e.

Darsiin teenya tan arraa asumarratti Xumuramti.
Rabbiin warra Rasuula s.a.w jaalatee, jala deeme, Jannata seenee, Ollaa Isaa qubatu nu haa godhu.
Darsii tana katabataa osoo jala deemne hedduu fayyadamna.

BARNOOTA AQIIDAA 3FFAA KAN MADDA ISLAAMAA


+++++DARSII AQIIDAA 3FFAA+++++
Aaqiidaa tee Qabadhu
Qur’aanaa fii Hadiisa Sahiiharraa
-----------------------------------------------------------------------------
Sagaleen Hordofuuf: http://goo.gl/N0SMe
~~~~~~~~BOQONNAA 2~~~~~~
~~~~~~QOODA (GOSA) TOWHIIDAA FI FAAYIDAA ISAA.~~~~~
Gaafii6. Allaahaan maaliif ergamtoota erge?
Deebii6. Isa gabbarutti akka nama yaamaniif erge ammallee Allaaharraa akka qindii (shirkii) dhabamsiisaniif Isaan erge.
Ragaan jecha Allaahaa ol taheeti:
{Dhugumatti erginee jira ergamaa ummata hunda keeysatti. Allaaha gabbarraa , Xaaghuuta (waan Rabbii achitti gabbaramu hunda) dhiisaa [jechuudhaan isaan erge]} An-Nahl:36
Xaaghuuta jechuun sheyxaana Rabbi malee waan biraa gabbarutti nama yaamu. Ykn akka isa gabbaran kan fedhuu fii itti nama yaamu.
Ragaan biroo jecha Rasuulaati S.A.W :
(Anbiyoonni obboleyani… Amantiin Isaaniitis tokko)
Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
Cufti anbiyaa towiidatti nama yaaman jechuudha.

Gaafii7. Towhiidni Rububiyyaa(Towhiidni Rabbummaa ykn gooftumaa) maali?
Deebii7. Rabbi hojii isaatiin tokkichoomsuudha. Fkn: Akka waa uumuu, garagaggalchuu fi waan kana malee jiru.
Ragaan jecha Allaaha ol taheeti:
{Cufti faaruu Allaahaaf sabattuudha, Rabbii Aalamtoota (waan hundaa) kan tahe} Al-faatihaa: 2
Rabbiin abbaa alamaati, Isaatu uume, Isaatu razaqa.
Ammas Rasuulli S.A.W akkana jedhan:
(Yaa Rabbi ati Rabbii (uumaa) samiwwanii fi dachiiti)
Bukhaari fi Muslimtu gabaase
• Rabbiin samii fii dachii kophaa Isaa uume je’anii amanuun Towhiida Rubuubiyyaa je’ama. Towhiida kana namni khaadu hin jiru. Kiristaana, Waaqeeyfataa, Hinduu, Shi’aa, Ahbaash, Mushrikoota, Kaafiroota hunda yoo gaafatte Rabbiin kophaa dachii fii samii uumuu ni amanan.
Gaafii 8. Towhiidni Uluuhiyyaa (Towhiidni gabbaramaa) maali?
Deebii8. Gabbartiidhaan Rabbi tokkichoomsuudha. Fkn: akka kadhaa (du’aaii), gorraasaa (qalmaa), qodhaa, salaata, kajeellaa, sodaa, gargaarsa barbaduu fi k.k.f…
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha, haqaan gabbaramaan hin jiru isa malee. Inni Rahmata godhaadha, Rifataadha.} Al-Baqaraa: 163
• Rabbi malee wanni haqaan gabbaramu tokko hin jiru. Garuu Kan gabbaramaa jiru hundi dharaan gabbarame malee, gabbaramuu haqa hin godhatu.
Ammas Rasuulli S.A.W akkana je’e:
(Dura wanni Isaan itti yaamtu, Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiruu ragaa bahuu haa tahu.)
Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.
Ammas Hadiisa Bukhaarii keeysatti akkana je’e:
(gama Allaahaa tokkichoomsutti isaan yaami ) je’en.
• Ergamtoonni hundi wanni dura itti nama yaaman Allaah qofa gabbaruudha. Shirkii irraa fagaadhaa jechutti nama yaaman.
• Towhiida kana ilmi namaa hedduun itti hin amanu. Kiristaanni, Yahuudaan, Hinduun, Mushrikaa fii kaafirri gosa hundaa, Ahbaash, Shi’aan Towhiida kana hin fudhatan. Rabbi malee waan biraa ni kadhatan, ni qalaniif, silata ni godhaniif, itti booyan, gargaarsa irraa barbaadan.
Kiristaanni tokko eenyuutu dachii fi samii uume hoggaa jetten Rabbi sin je’a, garuu Iyaasuus, Maariyaam, Gibriil (gabreelii) fi waan adda addaa ni yaammata, ni qalaaf, silata godhaaf.
Ahbaash tokko dachii fii samii eenyuutu uume yoo jetteen Rabbi sin je’a. Garuu Nabiyyii s.a.w, Abdullaahi Hararii, Jeylaanii, Abaadir, fii awliyoota adda addaa ni yaammata, ni qalaaf, silata godhaaf, Isiif jecha nama ajjeesa, nama hidha, lubbuu baasa. Kiristaannis Nabi Iisaa yaamanii Mushirka hoggaa tahan, Ahbaash ammo nabi Muhammad s.a.w yaamuun, awliyaa biraa hedduu yammachuun mushrika tahan. Hundi na yammadhaa, na gabbaraa Isaaniin hin jenne.
Kanaaf Ahbaash yeroo hedduu towhiida maaliif bakka sadihitti adda baaftan Dachii fii samii kan uume Rabbi tahuu beynaan Towhiidni biraa hin jiru je’an. Shirkii teenya nu jalaa hin tuqinaa jechuu Isaaniti.

* Darsii itti aantu keeysatti qooda 3ffaa Towhiidaa ni xumurra.
Rabbiin warra waan dhagayeen qajeelu nu haa godhu.

BARNOOTA AQIIDAA 2FFAA KAN MADDA ISLAAMAA



+++++DARSII AQIIDAA 2FFAA+++++
Aaqiidaa tee Qabadhu
Qur’aanaa fii Hadiisa Sahiiharraa
-----------------------------------------------------------------------------
Sagaleen Hordofuuf: http://goo.gl/3ziUq

Kaleessa gaafii 3 Ragaa Qur'aanaa fii Hadiisaatiin deebifnee jirra.
Arra:
Gaafii4. Sa Rabbi sodaa fi kajeellaadhaan gabbarraa?
Deebii4. Ee, akkasitti gabbarra.
Ragaan jecha Allaahaa ol taheeti yeroo warra amane sifa isaanii dubbatu akkana je’e:
{Rabbii isaanii ni gabbarraan sodaatoo fii kajeeloo haala taataniin}
As-sajadaa: 16
*Warri amane Rabbii Isaanii azaaba Isaa sodaataa, Rahmata Isaa kajeelaa isa gabbaran. Rabbiin Azaaba jabaa qaba, Rahmata ykn rifannoota balloo qaba. Kanaaf Muslimi Ibaadaa keeysatti goflaa lamaan deema, akka shinbirroon goflaa lamaan barartu, Goflaan 1 yoo caphe lafa dhooyti. Goflaan lamaan Muslimaa tokko sodaa Rabbii, tokko kajeellaa Rahmata Isaati. Yoo Sodaan daangaa dabrees ni jallata, akka khawaarijaa taha. Yoo kajeellaan hojii hin qabne guddattes jallitee, Murji'aa taha. Ahbaash baaba kana keeysatti akka murji'aati. Osoo Ibaadaa hin goone Rabbiin ghafuuru Rahimi je'anii taa'uun jallina. Rabbiin Azaaba nama naqa je'anii sodaa qofaan daangaa dabrunis jallina.
Wanni barbaachisu jiddu gala karaa qabachuudha. Azaaba Isaa sodaataa, Kajeellaa Isaa qabaachaa, Ibaadatti jabaachuudha.
Ammas Ergamaan Rabbi S.A.W akkana je’e:
( Jannatan Allaaha kadhadha, ammas isaanin ibiddarraa tiyfama (maganfadha).)
Abuu daawudtu gabaase

Hadiisa Rasuulaa s.a.w kanarraa wanni hubannu Qixaaxa Rabbi sodaatuu fii kajeellaa Jannata Isaa qabaachuudha.
Lamaanuu walqixxaawu qaba. Sodaan kajeellaa caaluu fii Kajeellaan Sodaa caaluu hin qabu.

Gaafii5. Ihsaannni (ibaadaa tolchuun) maali?
Deebii5. Ihsaanni: ibaadaa keeysatti Allaahaa ol tahe ifirraa eeguudha .
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Inni isa si argu yeroo ati dhaabbattu, ammallee warra sujuuduu wajjiin garagaggaluu (sujuuduu) kee (ni arga)}
suuraa shu’uraa’: 218-219
Ammas Ergamaan Rabbii s.a.w akkana je’e:
(Ihsaanni ati Allaaha gabbaruudha akka waan isa agartutti, yoo ati isa arguu baattes inni si arga)
Muslimtu gabaase

* Ihsaanni Rabbi ifirraa eeguudhaan Ibaada godhuudha. Rabbiin si argaa, si dhagayaa, si beekaa, si hordofa. Kanaaf hojii takka hoggaa daleeynu Inni akka nu argu beekaa waa dalaguu qabna.
Sadarkaan Ihsaanaa ol aanaan akka waan ati Rabbi argituutti isa gabbaruudha. Yoo san dadhabde ammoo Inni si argaa beekuudhaan isa gabbaruu qabda.

Rabbiin na argaa namni amane, badii irraa if qaba. Osoo facebook irra jiraates, badii hin seenu. Rabbii Isaa kan Isa argu waan ifirraa eeguf badii hin seenu, salaata hin dabarsu, namatti hin kijibu, nama hin hamatu.

Rabbiin warra waan barattetti dalagu nu haa godhu.

Barnoonni keenya kan aqiidaa arraaf asumatti xumurama.
Boru Inshaallaah sagantaa kana fakkaatun hanga walitti deebinuu nagayaan jiraadhaa.
As wr wb.

BARNOOTA AQIIDAA 1FFAA KAN MADDA ISLAAMAA


+++++DARSII AQIIDAA 1FFAA+++++
Aaqiidaa tee Qabadhu
Qur’aanaa fii Hadiisa Sahiiharraa

sagaleen dhageefachuuf:  as tuqi: http://goo.gl/82Kyb

Akkaataan barnoota keenyaa haala gaafii fii deebiitin qophaawe.
Deebii Hundaaf Ragaan Qur'aanaa fii Hadiisarraa qophaawee jira.
Kitaaba kana keeysa waan jiru Muslimni hundi yoo xiqqaate afaan Isaatiin beekuu qaba. Waan amantii Islaamaa keeysatti akka Utaabaatti laallamu qofaatu gabaabfamee qophaaye.

Boqonnaa 1
****Haqa Allaahaan gabarranirraa qabu.

Gaafii1. Rabbiin Maaliif nu uume?
Deebii1. Akka isa gabbarruuf nu uume, kan waan takka isatti hin qindeesine.
Ragaan jecha Rabbiiti:

{Jinni fi ilma namaa waa hin uumne akka na gabbaraniif malee.} suuraa Az-zaariyaat: 56

Ragaan biroo jecha Rasuulaati S.A.W:
(Haqni Allaahaa gabarran Isaarraa qabu, isaan isa gabbaruudha, waan takkallee isatti qindeeysuu dhabuudha)
Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.

Ibsa gabaabaa: Rabbiin waan nu uumeef beynee jirra akka Isa gabbarruufi. Eega akkas tahe kan Itti aanuu qabu Ibaadaan ykn Gabbartiin maali tahuu qaba.

>Gaafii2. Ibaadaa (gabbartiin) maali?
>Deebii2. Ibaadaan maqaa walitti qabataa tahe, jechaa fii dalagaarraa waan Allaahaan jaalatu hunda. Fkn: akka du’aaii (kadhaa), salaata, Rabbi sodaatuu fi k.k.f.
Ragaan jecha Allaahaa ol taheeti

{ Ja’i “ salaanni kiyya, qalmiti (wareegni ) kiyya, jiruun tiyya, duuti tiyya Allaahaafi, Rabbii Aalamtootaa (uumaa hundaa) kan tahe” }
suuraa An’aam: 162

Jiruun tiyyaa fii duuti tiyya hunda Rabbiif erga jenne Jiruu teenya keeysatti waan Rabbiin jaalatu tan nuti daleeynu hundi Ibaadaadha.

Ragaan biroo jecha Rasuulaati S.A.W:

(Rabbiin ol tahe ni je’a: gabrichi kiyya natti hin dhiyaatu waan takkaan, gama kiyyatti irra jalaatamaa kan tahe, waan dirqama ani isarratti godheerra.) bukhaarii gabaase
Hadiisul-qudsi jedhama, bukhaariitu gabaase.

Wanni haalaan gama Rabbii nama dhiheeysu waan Rabbiin namarratti dirqama godhe dalaguudha. Ibaadaa guddoon tana.
Ibaadaan maal akka taate barree jirra. waan Rabbiin jaalatu hunda jecha tahuu, dalagaa tahuu. kheeyrii dubbachuun, nama walitti araarsuun, kijiba dubbachurraa usuun, kijiba dhageefachuu dhabuun hundi ibaadaadha.

>Gaafii3. Akkamitti Rabbi gabbarra?
>Deebii3. Akka Allaaha fi Ergamaan Isaa nu ajajanitti isa gabbarra.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti :

{Yaa warra amantan Allaaha fi Rasuula tole jedhaa, dalagaa teeysan hin balleesinaa}
suuraa Muhammad: 33

Namni Rabbii fii Rasuula s.a.w faalleeysee Ibaadaattin jira je'u ni kijibe. Rabbii fii Rasuula jala yoo hin deemne dalagaan sun baddee hin qeebalamtu.

Ammas Rasuulli S.A.W akkana je’e:
(Inni dalagaa takka dalage tan ajajni keenya itti hin jirre, dalagaan sun isarratti deeffamtudha (hin qeebalamtu)) muslimtu gabaase.

Waan Rasuulli s.a.w hin dalagin Ibaadaa je'anii dalaguun dogongora, dalagaan sunis hin qeebalamtu.
Rabbii fii Rasuula s.a.w jala deemuu qofaan Ibaadaan qeebalamti.

darsiin teenya tan tokkoffaa asirratti dhumatti.

Rabbiin warra waan dhagayeen fayyadamu nu haa godhu.

Haqaaf Tumsuutu dirqama moo jam'aa oofitiif tumsuudha? Ilma namaa keenya jennee dogongora Isaa tumsinaaf moo haqaaf tumsina?


Haqaaf Tumsuutu dirqama moo jam'aa oofitiif tumsuudha? Ilma namaa keenya jennee dogongora Isaa tumsinaaf moo haqaaf tumsina?

Abuu Muhaammadiin

Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkana nuun jedha:-
"Isin caalaa ummataa dachii tana irratti argameeti, waan gaariitti wal ajajjan, badii irraa wal seertan, Rabbittis ni amantan." Suuraa Imraan 3:110
Sababa kana ta’eef qabsoo dheertuu wareegama guddoo barbaaddu tana bikkaan gahachuu yoo barbaanne, dogondora keenya wal sirreessaa deemuun dhimma dursa argatuu qabuudha. Kana waan ta’eef dogongoroota dhiheenya kana mudataa jiran irratti hundaawee yaada gabaabduu takka dhiheessu barbaada. Isinis yaada kiyya kana hubachuun anis yoon balleessa karaa irraa akka na deebifattan isin gaafadha. Jazakumullaahi kheeyran.

Abuu Daawud Usmaan dhiheenya kana footoo koree teenyaa tan mana hidhaa qaalitti keessatti ka’an nuu facaasee ture. Namoonni barnoota footoo kanaan ogummaa qaban akka himanitti footoon sun daangaa malee edit godhamee bareedinaa fii gabbina jarri hin qabne akka dabalate dubbatanii jiran. Footoo san dura kan facaase nama qabsoo muslimootaa tana keeysatti ciminaa fii amanamummaan beekkamu dha. Inni Abu Dawd Usmaan jechuun peejii odeeyfannoo dhokataa baasuun beekkameedha. Rabbiin dalagaa Isaa irraa haa jaalatu. Garuu footoon dhihoo kana gama Isaatin faca'e waan koreen yoo ijaan argan hin qabne qabatee jira. Footoo san dhugaa tahuu isii warri falman koreen mana hidhaa qaalittii keeysatti rakkoon ykn roorroon takka irra hin geenye nuun jedhuu kajeelan. Akkuma nama biraa hidhamanii jiran. san bira dabree balaan Qaalittiitti isaan dhaqabe tokko akka hin jirre dubbatamee jira. Raadiyoon BBN Radio Afaan Oromo May 15 2013 waan footoo sanitti rarra'u kan warra footoo shakkeef Abu Dawd deebii akka tahu maxxanse afaan oromootiin hiikee dhiheeysee jira. Footoo warri dhugaadha jedhan footoon mootummaan hayyamamtee kan kaafamte akka tahe nuu ibsanii jiran. Mootummaan (Bulchinsi mana sirreeysaa qaalittii) hidhamtoota kubbaa daawwatan akka footoo kaase, koreenis akka achumaan ka'e himanii jiran. Akka hundattu footoon Mootummaan kaafamtee, mootummaan facaafamte jechuudha. Gaafiin deebi'ii argachuu qabu hedduutu jira. Dura koreen qaalittii keeysatti miidhaa takka hin argine kan jedhuuf If duuba deebi'uu qabna.
1. Yaasin Nuuruu erga mana hidhaa qaalittii dhaqe kophaa baafamee mana qabanaatti akka hidhame gabaafamaa ture.
2. Ustaz Abu Bakar Jihaadawii harakaat mana murtiitti waan balaaleefateef akka roorrifamaa ture dubbatamaa ture.
3. Gaazeexeessaan Koree wajjiin hidhaa jiru Yuusuf geetachoo akka roorrifamaa ture gabaafamee jira.
Gabaasaaleen kun warra qabsoo kanaaf amanamoo tahaniin gabaafamaa ture. Arra garuu humaa badiin takka qaalittiitti hidhamtoota biraatin addatti isaan hin dhaqqabne jedhamee dubbatama. Kamtu dhugaadha?
Kan biraa dhihoo kana BBN afaan amaaraa "Idirisaawii harakaat" je'ee gabaasa tokko qopheeysee jira. Gabaasa san keeysatti Dr. Idriis namni jedhamu "Koreen humaa takka hin taane, qaama Isaanii irraa uffata baasee laalee jira" jedheera jechuun akka doktarri sun kijiba dubbate Ibsuuf yaalamee jira. Hoggaa Dr. Idriis dogongore hundi namaa dogongora isaa dubbatee balaaleefata. Arra irra dhaabbannee footoon kun dhugaa jennee yoo ka fudhannu tahe Dr. Idriis hin kijibne jechuu irratti walii galuu qabna, yoo kana hin taanee garuu footoo amma facaafamte tana ija shakkiitiin laaluun dirqama taati. Kanaafuu arra Abu Dawd hin dogongoru jechuf wanni duraan dubbatamaa ture hundi kijibatti jijjiramee jira. Hoggaa dubbiin akkana taate, Tuuta tiyyaaf haraamni halaala, akka jechuu fakkaata.
Dogongorri abbaa fedhan dogongoramu dogongora malee waan biraa tahuu hin dandahu. Haqa jala deemuutu dirqama malee nama jala deemun dirqamaa miti. BBN fii Abu dawd islaamaaf waan hedduu dalagan Rabbiin galata Isaanii jannata haa godhu, garuu Isaan dogongora Irraa qulqulluu miti, akkuma nama hundaa ni dogongoran. Kanaaf dogongorri isaanii sirriidha jennee harka dhahuu Islaamni nu hin qaraasisine. Islaamni dogongora irraa wal deebisuu qofa nu qaraasise.
Fudeeyl binu Iyaad Rabbi Rahmata haa godhuuf akkana jechu turan "Karaa haqaa qabadhuu jala deemu, xiqqaachuun nama Isa hordofuu siin miidhu, heddumina nama halaakamuutiin hin dagamin".

Muziiqaan haraama hoggaa jenne Muslima hundarratti haraama. malee nama qabsaaweef, Raadiyoof halaala jechuu miti.
Footoo dubartoonni Facebook gubbaa kaayuun haraama yoo jenne footoon jaartii koreetii fii tana nama biraa hundi haraama jechuudha. Kijibni haraama yoo jenne muslima hundarratti haraama jechudha. Hanga ammaa Muslimootaaf qaamni amanamaan "Dimtsachin Yisamaa" tahuun Isaa shakkii hin qabu.
Jarri dubbanne kunis qabsaawoota tahuun Isaanii shakkii hin qabu. Garuu Nasrii Rabbirraa argachuuf haqa qofaatu barbaachisa.
Islaamni Nama jibbitan irra kijiba akka hin keenye nu barsiisa.
Nama jaalatan Irraahis kijiba dhugaa fakkeeysanii fudhachuun dhorgaadha.

Rabbiin warra Haqaaf Tumsu nu haa godhu!

FAYYADAMA FACEBOOK IRRAA QICAA XIQQOO TAKKA


FAYYADAMA FACEBOOK IRRAA QICAA XIQQOO TAKKA
Abuu Muhammad

Ahbaash dhufuu wajjiin fayyadamtoonni facebook gama biyya teenyaatii dabalaa jira. Kunis sababaa qaba. Biyya Xoobiyaa Wayyaaneen bulchaa jirtu waan haqa nama dhageeysisu hunda cufuu isiiti. TV fii Raadiyoon waan Isaaniiti, Gaazeexaan haqa himtu hundi ni cufamti. Gaazeexaa Islaamaa haraama erga nurratti godhan arra amata geenye.

Muslimoonni, warri siyaasaa, akkasuma namni Wayyaaneen afaan qabde hundi gama facebook dhufee asiin oduu fii barnoota kaayyoo Isaaniitin wal gitu waliif dabarsan.
Muslimoonni ammoo Ahbaash tahaa, yookaan Wahbiyyaa Isiniin jennee Isin dhabamsiisna jettee mootummaa wayyaanee Tigreen itti duullaan ifirraa facebook irratti Ahbaash abbaa Isii wayyaanee wajjiin Saaxiluu jalqaban.

Namni Oduu Qabsoo Muslimootaa dhagayuu fedhe facebook gubbaa dhufuu qaba. kanaa fii haajaa biraatiif ilmi namaa facebook gubbaa guutee jira.

Amma fayyadama Facebook irraa xiqqo isiniif tuqa.
=Facebook erga banatan nama beekan ykn Beekuu fedhan (Friend Request) hiriyummaa naaf tahii itti ergan. Namnis siif erga. Wal qeebaltan.
Ammoo amma namni wal beekuufii dhiisee hin laalu walitti ergee wal bara, diddu walirraa usa.
= Facebook ergaa kee nama ati hiriyaa taateen akka mullatu siif godha. Hoggaa ati facebook seente Iddoo duwwaa tokko keeysatti (What's In your Mind?) sin je'a, Maaltu sammuu tee keeysa jira? akka jechuuti.. Kanaaf waan feete bakka sanitti barreeysitee (Post) dhoyta .. Maxxansi akka jechuuti.
=Facebook hiriyaa kee waliin kophaa ergaa akka waliif dabarsitu siif hayyama (Chat) waan jedhu qaba, Odeeysi akka jechuuti. Yoo Rabbi hin sodaanne waanuma feete Odeeysita!
Chat ykn Odeeysuu san keeysatti yoo feete nama tokko ol bakka takkatti walitti qabdee (Group Chat) godhuu dandeeysa, akka gareen odeeysuu jechuudha.
Yoo Garee akkasii keeysa namni ati hin beyne hedduun jiraate, kan hiriyaa kee hin tahin Facebook Nama sin beeyne heddutti ergaa erguun nama jeequudha je'ee ifirraa si ari'a. Nin bana jettu fatanaan Isaa dheertuudha. Kanaaf Group chat ykn oduu gareen odeeysan keeysatti nama hiriyaa keenya tahe waliin godhuutu filatamaadha.
Garuu amma Namoonni tokko tokko Osuma hayyama sin gaafanne gama Group chat ykn oduu garee san keeysatti si afeera, Oduun hoggaa laalte waan si laalchisuu miti, fedhu haraama tahuu dandaha. Hoggaa akkasii san mana ykn garee san keeysaa bahuu feete akkamitti baata.
1. Group chat erga namni itti si afeere ifiif yoo baate malee namni si baasuu hin dandahu.
2. Group chat bantee gama gubbaatti Mallattoo * kana * tuyxa.
3. barruu hedduu siif baha, ati irra gad deemtee Leave Conversation "Hasawa ykn Oduu dhaabi" akka jechuuti. Isa san dhoyta, akkasitti ganda fasaadaa keeysaa if baafta.

= Facebook Share, Like, comment godhuuf carraa siif kenna.
Share jechuun facaasi akka jechuuti... waan namni hiriyaa keetii barreeyse ykn maxxanse atis sitti tolu ni facaafta Share godhuun.
Like Jechuun naaf tahe, fedhe, akka jechuuti waan hiriyaan kee maxxansu feetu like dhoyta, Jibbitu ifirraa dhiifta.
Comment jechuun Yaada kenni akka jechuuti yoo waan Hiriyaan kee maxxanserratti yaada kennuu feete Comment tuyxee bakka duwwaatti barreeysita. Yaada kee Namni ati hiriyaa taateen, akkasumas Hiriyoonni nama ati yaada kenniteefii ni argan.
Misikinni tokko tokko hiriyaa isaa malee namni hin argu je'ee waan hin taana barreeysa takkaa icciitii baasa. "eeda Silkii maaf na jalaa kaasuu didde? Abbaan kee ni galee? Jaarsa keetii sitti dhufee?" kan waan akkanaa kana barreeysuu jira.
Jaarsaa jaartiin yoo kana argan addaan bahan jechudha!

Rabbiin Facebook irratti kheeyrii warra dalagu nu haa godhu.
Namni Miskinni tokko tokko Rabbiin facebook irratti waan barraawu hin arguu saha. Rabbiin Facebook mii waan feete keeysatti waan ati godhattu si arga.
Facebook irrallee jiraannu Rabbi haa sodaannu
Itti fufa

Wednesday, May 1, 2013

Magaalaa Aggaarootti Madrasaan 2 mootummaan cufamuun isaa dhagayame.


Magaalaa Aggaarootti Madrasaan 2 mootummaan cufamuun isaa dhagayame.

Jum'aa dabree Muslimoonni mormii cimaa waan godhaniif Mootummaan Madrasaa Masjida Hilaalii fii Madrasaab Masjida towfiq mootummaan cufuu Isaa jiraattonni Magaalaa Aggaaroo gabaasanii jiran.
Torbee dabre Mormii cimaa godhametti aansee Bulchinsi magaalaa Aggaaroo Imaamootaa fii Koree masjidaa walitti qabuudhaan Imaamoota duraanii ari'ee, Madrasaan akka cufamu godhee jira.
Mootummaan Amantii hin seenne ifiin jedhus kanaa olitti wanni amantii seenuu isaa addeessu akka hin jirre nama hundaaf ifaadha.

Mootummaan lola Muslimootarratti baneen Masjidaa fii Madrasaa hedduu bakka adda addaatti cufaa jiraachuun Isaa ni beekkama.

Rabbiin Adawwii amantii teenyaa nurraa haa dhorgu.