Wednesday, January 16, 2013

YAASIIN NUURUU MANA DUKKANAATTI HIDHAMA

Oduu Koree keenyaa

Ustaaz Yaasin Nuuru mana sirreessaa Qaallittitti guyyaa harraa(08/05/05) iddoo(kutaa) dura hidhamanii jiran irraa gara kutaa dukkanti qofti liqimsitetti akka jijjiiraman taasifamuu isaanii dhagahamee jira. Hoggantootni mana sirreessaa gochaa kana Ustaaz yaasiin Nuuru irratti kan raawwataniif sababa “hidhamaa biroo wajji haasoftee jirta” jedhuun akka tahe beekkamee jira. Koree keenya yeroo isaan mana sirreessaa Qaallittii fuudhaman irraa eegalee hawaasa mana sirreessaa keessa jiru kamiyyuu wajji walitti dhufeenya akka hin taasifne yaaliiwwan gara garaa akka taasifamaa turan kan yaadatamuu dha. Gochaan ustaaz Yaasin Nuuruu iddoo dura hidhamanii jiran irraa gara kutaa dukkanaatti geeddaruu kunis duula dureewwan keenya hawaasa biroo irra adda baasuuf taaasifamu keessa tokko dha. Hundi keenya du’aa’iin haa jabaannu.

Tuesday, January 15, 2013

Miseensa Majlisaa tahuun dirqama tahe

Oduu Owwaa!!!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Majlisaa wajjiin wal gahii iccitii irra turan. Maal murteessanii addaan akka ka'an dhagayaa:

Mootummaan Majlisni akka Muslimoota Miseensa godhee kaardii Miseensummaa kennuuf ajaja dabarsee jira.

Ajaja kanaan Majlisni kijibaa kan naannoo Oromiyaa Miseensa tahaa jechuun Kaabinoota Goodinaa fi aanaa wajjiin ummata dirqaa jira. Namni Miseensa Majlisaa tahee kaardii Miseensummaa hin fudhanne Mankaraarisitiidha, kan fudhatu ammoo Mankaraaristii miti jechuun sodaachiisaan eegalamee jira. Kaardii fudhachuuf Majlisa nuutu file jettee ragaa bahuu qabda.
Haaluma kanaan wal qabateen Majliisni ummanni hin filatiin akka ummataan filame ragaa bahaa jechuun dargaggoo waliin wal gahiin akka godhamu murtaawee jira. Wal gahiin guyyaa Alhadaa( sanbataa) Magaaloota Goodinaatti akka godhamuu murtaawee jira. Magaalaa cirootti Alhada akka walgahiin dargaggoota filamanii wajjiin godhamu beekkameera.
Mootummaan Majlisa ummanni nuti hin filanne waan jedhaniif dirqamaan nu filate jedhaa jechuun karoora haarawa kan baasee dhufeera. 
Namni hundi oduu kana gabaabsaa Moobilaan waliif ergaa, Alhada wal gahii irratti argamuudhaan sagalee tokkoon nuti majlisa akka hin filatin haa moorminuu.

Mala baasan garuu Rabbiin mala Isaanii kana kan caaluu itti baasa. Injifannoon tan Islaamaati!!!
Allaahu Akbar!!!!

Tuesday, January 8, 2013

MOOTUMMAAN HARARIITTI MUSLIMOOTA 200 OL HIDHE

Oduu Gaddisiisaa.

Magaalaa Hararitti Mootummaan Guyyaa Jum'ataa Namoota Masjidatti Rasaasa Itti banee ajjeesun Isaa ni yaadatama. Sanumaan wal qabatee Namoota hedduu lakkoofsii 200 ol tahu hidhanii jiran.
warra hidhaman keessa:
1. Ulamaa'ii Gurguddoo
2. Manguddoo biyyaa
3. Daldaltoota beekkamoo
4. Dubartootaa fi hawwaan.
5. Dargaggootaa fi Bartoota hedduutu badii malee hidhamee jira.
Namoonni Hidhaman kan guyyaa san Masjida Imaanitti salaatanii sagalee dhageesisan qofa miiti. Namni Muslimoota hidhaman gaafachuuf dhaqus ni hidhama. Ashabbaarii jedhama. Inni footoo Isaa asin gaditti argitan Obboleyyan Muslimaa guyyaa Jum'aa hidhaman gaafachuuf Mana hidhaa Faxara (ciree) qabatee dhaquu Isaa qofaaf hidhame. Maatiin Isaa Isa arguu hin dandahan, yoo mana hidhaa dhaqanii ni gaafanna jedheen waraanni Mootummaa  si ajjeefana je'ee itti dhaaddatan. 
Du'aaiin akka Isaan hin daganne.
Kuni hundi Maaliif laata? 
Mana hidhaatti Azaaba Adunyaa agarsiisaa akka jiranis dhagayamaa jira. Eleektirikaan waadamaa jiran.
Akka Kijibaan ragaa ifirratti bahan godhuuf cunqursaa fi tuminsa Bineensilleen hin mudanne mudataa jiran. Ani Al-shabaabii, Somaaliyaa dhaqee leenji'ee dhufe, Koree Finfinneetti hidhaa jirtuun akka Mootummaa garagalchinu ajajni nutti kenname, Mootummaa Islaamaa dhaabuuf namoota Ijaaraa jirra, Ahbaashiin hin jirtu kijiba keenya, fi waan adda addaa akka jedhanii waraabbaman godhamaa jiran. 
Rabbiin Isaan bira haa jiraatu.
Kana hunda booda Nasriin tanuma Islaamaati. Cunqursaan yeroof humna qabaatus, Nutis Rabbii abbaa humna hundaa qabna.
Injifannoon tan Islaamaati!!!



Monday, January 7, 2013

BARNOOTA MANA FICAANII KEESSATTIS ARGUUN NI MALA

Barnoota mana Ficaanii keessattis arguun ni mala.

Mana Ficaanii Hawaasni hedduun Itti fayyadamu tan Masjidaa takka tarree (warafaa) eeggadhee seene. Ani Ficaaniif seene.
Duuba Xiqqoo hoggaan taa'ee mataa ol qabee hulaa (balbala) mana ficaanii Ilaale. Hoggaan laalu barruu takkan argee ajaa'ibe. Barruun akkana je'a "yaa Namana Dafii gad bahi! Salaataahu daqiiqaa takka irra hin turtuu maaliif Udaaniif diqiiqaa 30 turta" je'a. Abbaan barreese yeroo hedduu nama warafaa eeggachuun gubate tahuu danda'a, garuu jechii Isaa dhuguma. Salaata hangam keenyaatu sirritti qalbiidhaan salaata yoo jennee deebisaan? Anis gaafii takka achuma taa'ee if gaafadhe "yaa bada ana Osoo hanga facebook gubbaa turtu Quraana qara'urra turte silaa irra siif caala" je'ee If gaafadhe. 
Isin yoo Mana ficaanii san seentanii barruu san yoo dubbiftan maal jettan laata? 
Yeroon dura dubbise nin kofle. lol.

Saturday, January 5, 2013

FITH RAADIYOO 7FFAA

Allaahu Akbar!!!!
Fith Raadiyoo sagantaa 7ffaa 
Download godhaa caqasaa


ODUU ETV IRRAA GALGALA KANA DABRUUF QOPHAAWE!!!

ODUU ETV IRRAA GALGALA KANA DABRUUF QOPHAAWE!!!

Kalleesa Jum'aa salaata booda Mootummaan Masjida Imaan (aratanyaa) magaalaa Hararitti ganamaan marsee ture. Sa'aan salaataa raawwatee hawaasni Muslimaa moormii dhageesissee masjidaa bahuu yeroo eegalu, Waraana federaalaa namtichi bakka kanaa dhufee hin beekkamne kophee Isaatiin tumuu eegale. yeroo kana warranni federaalaa qawwee Isaa masjidatti banee nama 4 ajjeesee jira. Namni lama Kiristaana hoggaa tahan Namni lama ammoo Muslimoota irraahi. Namoonni hedduun hidhamanii jiran bakka Isaan itti hidhamanis hanga ammaa hin beekkamne. Koreen Masjidaa hundi hidhamanii jiran. Manni Isaaniitis sakkata'aamaa jira. Masjidnis Marfamee jira salaata jum'aa booda namni akka tora sanitti hin dhaloyne waraanaan marfamee jira.

Mootummaan Vidiyoodhaan akka waraabbataa tures warri naannoo sanitti argaman ibsanii jiran. Kanaaf guyyaa arraa ETV irratti haala Isaaf mijjaawutti kijiba Isaa bareechee Shororkeesitoonni akka nama ajjeessanii fi waraana mootummaa akka madeessan godhee dhiheessuuf yaadaa jiran.

Kanaaf akkuma beekkamutti kijiba Isaanii dura namni hundi haa dhagayu sana booda Isaanis nyaara haaddatanii haa kijiban.
share godhaa!!!
nama hin dhagayiin dhageesisaa!!!
Moobaayilaanis waliif barreessaa!!!

Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!

Friday, January 4, 2013

GUYYAA 365 AMANTII TEENYAAF!!

Oduu Jum'aa
4-1-2013

Guyyaa arraa Moormiin mata duree "Guyyaa 365 Amantii Teenyaaf"  jedhuun godhame nagayaan raawwateera.
Guyyaa arraa akka biyyooleesaatti Naannoo fi Magaaloota hedduutti Hawaasni Muslimaa Amantii teenyaaf waggaa tokko guutuu iyyachaa nama nu dhagayu dhabneerra jechuudhaan hirira nagayaa bahuun moormii cimaa karaa nagayaatiin godhaa olan.
Keeysattuu:
Finfinnee Naannoo Federaalaa (garuu lafa Oromiyaa)
Adaamaa Naannoo Oromiyaa
Shaashamannee Naannoo Oromiyaa
Dodoolaa  naannoo Oromiyaa
Magaalaa Harar (Adaree Biyyoo) Naannoo Hararii fi Harargee Bahaa
Hawaasaa Naannoo Kibbaa
Arbaa Minci Nannoo Kibbaa
Jimmaa Abbaa Jifaar Naannoo Oromiyaa
Dasee Naannoo Amaaraa
Waldiyaa Naannoo Amaaraa fi magaaloota adda addaatti mormiin cimaan godhameera.

Dhaadannooleen adda addaa dhagayamaniiru. sana keeysaa
Sagaleen keenya haa dhayamu!!
Biyya teenyatti mirga dhabnee!!!
ETV kijibaa!!!
Qawween Kamiiseetti boollaa argine jettan kijiba!
Guyyaa 365 amantii teenyaaf!!!
Qabsoo Itti fufna!!!
Ahbaashii hin fudhannuu!!!
Amantii teenyaaf ni dhumna! Sagaleen keenya haa dhagayamu!!!
kan jedhuu dhageesissaa olaniiru.
Haaluma kanaan Moormiin kun bakka heddutti nagayaan kan raawwate tahus Magaalaa Hararitti Waraanni federaalaa Masjidatti ummata akka malee waan tumeef Hawaasni naannoo Masjida Imaan jiran Masjida keeysaa fi alattis miidhamanii jiran. san keeysaa namoonni lama qawwee mootummaatin ajjeefamanii jiran, hedduun madaawee jira. kan du'e keessaa tokko daa'ima amata 7 hoggaa tahuu amantiin isaa Kiristaana tahuun Isaa beekkamera.
Magaalaa Dodoolaattis Hawaasni salaata booda akka jiruun masjidarraa gama alaa bahuudhaan Moormii cimaa godhee jira. Kaabinoonni Salaataaf Masjida keeysa turan Osoo namni Isaan hin tuqin Ifumaaf Masjida keeysaa Kophee malee akka fiigaa galan maddi Oduu naannoo sanii nuun gahe addeeseera.

Magaaloonni duraan Sagalee dhageesisanii hin beeyne kan akka Hawaasaa, Arbaa Minci, fii Waldayaatti Moormiin haalaan akka cimaa tahee beekkameera.
Magaalaa Waldaayaatti waraanni namoota hedduu hidhuun Isaatis beekkameera.

Moormii Kanaan wal qabatee namoota arra Harar keeysatti ajjeefaman Mootummaan Akka Muslimootaan ajjeefaman godhee Oduu Isaa akka facaasuuf qophiirra jiruus garasumaa oduun nu gahe Ibseera.
Naannoo birootti rakkoon argamee hanga ammaatti hin beekkamne. Namoonni Lakkoofsa hedduu qaban moormii cimaa dhageesisuun Mootummaa kanaaf waan himu qaba jenna.
Mootummaan Ummata hin dhageenye booddeen Isaa akkuma warra kana duraatti ummatumaan kararraa maquun isaa ifa galaadha jechuun warri hayyootaa dubbataa jiran.

Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!