Sunday, September 30, 2012

Baleetti hawaasni waltajjii Ahbaash dhiitee bahe

Oduu Amma nu gahe
BALEERRAA.

Goodina Baalee Magaalaa Aliitti Ergamtoonni Ahbaashaa kaabinee mootummaa waliin torbaan dabre nama sodaachisaa turan. Arra walgahii ummata magaalaa guutuu yaamicha godhanirratti ummata Islaamaa waan akkaan dallansiisu waan dubbataniif ummanni waltajjii isaanii dhiitee bahee jira.
 Kaabineen waltajii gaggeesaa ture Isin keeysa Mankaraaristii jira, Filannoos dirqamaan filattan, Ahlus-sunnaa sufii malee Wahbiyyaan hin filamu jechuun ummata arrabsaa ture. Ummanis waltajjii dhiisee deemuudhaan nagayaan gara mana isaa deebi'ee jira. Walgahii kanarratti Muslima waliin warreen amantii biroo hordofan Ortodooksii fi pheenxeen argamanii jiran.
 Abbaan waltajjii gaggeesu osoo haasawaa jiru ummanni haasawaa isaa fi isallee dhiisee biraa deemee jira.
Bakka hundaa karaan ummataa haaluma tokkoon akka deemaa jiru nu agarsiisa, Amantii teenyarratti sodaan hin jirtu.
 Allaahu Akbar!!!!!

Friday, September 28, 2012

Oduu Jum'aa

Asalamualykum
Oduu Jum’aa
Guyyaa arraa Finfinnee fi Naannoo adda addaatti ummanni islaamaaa sagaleen keenya haa dhagayamu jechuun hiriira nagahaa akkaan guddaa tahe godhanii jiran
Finfinnee masjida Anawaaritti ummanni Islaamaa Lakkoofsi isaa kuma dhibbaatamatti shalagamu argamuudhaan dhaadannoo adda addaa dhageysisaa ole.
Dhaadannoolee dhagayaman keeysaa
Filannoon keenya Masjidatti!!!
Koreen keenya bahu malee filannoon hin jiru!!!
Dirqamaan filannoon hin jiru!!!
Koree teenya gadhiisaa!!! Jechuun karaa nagayaatiin sagalee isaanii dhageesisanii jiran.
Kanumaan wal qabatee ummanni Islaamaa akka amantii isarraa if duuba hin deebine agarsisee jira.
Mootummaan garuu gaafii ummata ballaa deebisuuf yaada waan hin qabneef ummata Islaamaa Masjidarraa gala jiru hanga tokko hidhuun isaa dhagayame jira, dubartoota Masjidatti itti seenuudhaan hanga nama 6 fudhanii akka deemaniin beekkame jira.
Haaluma wal fakkaatuun Naannoo oromiyaa Magaalaa Shaashamannee, Awwadaay fi Kamiseetti Mootummaan haala hin yaadiniin ummanni lakkoofsa guddaa qabu sagalee tokkoon waan mootummaan itti jiru balaaleefatanii jiran. Amantii teenyaaf ni dhumna, Filannoo Majlisaa dura koree teenya nuuf gadhiisaa, Mootummaan Amantii keeysaa harkaa haa fudhatu jechuun dhaadannoo isaanii dhageysisanii jiran.
Naannoo Amaaraa Magaalaa Dasee fi bakka adda addaatti sagalee tokkoon mootummaan amantii keeysa seenuu isaa mormuudhaan Balaaleefataa olan.
Akka walii galaatti qabsoon karaa nagayaa ji’a 10 deemaa ture daran akka cimaa jiru waan nama agarsiisuudha.
Muslimni hanguma xuqamaa deemu jabaataa deema. Mootummaan wayyaane yoo harka isaa kan amantii keeysa naqe kana gabaabsuu baate Dhaloota akka galaanatti bahaa jiru kanaan xaragamee dhabamuun isaa hin olu.

Aawwadaay Juma'aa 28-9-12

Oduu Gammachiftuu
Aawwadaayitti ummanni sagalee isaa tokkummaan dhageysisee jira!!!

Jummaa arraa 28-9-12 magaalaa Aawwadaayitti sheekkotiin teenya tokkummaadhaan masjiidota jummaa hundatti akka filanno kijibaa tana irraa hin hirmaanne ummata islaamaatif dabarsaniiti jiran.
Munaafiqtichi guddaan Ziyaad Umar kan jedhamu itti gaafatamaa dhaabaa kan tahe ummanni takbiirtaa jabeessinaan Masjida keeysaa bahee deemee jira.
Kun fakkanya bareedaadha magaaloota birootiif.
Allaahu AKbar!!!
Allaahu Akbar!!!
Allaahu Akbar!!!

Hiriira Kamisee 28-9-12

Hiriira kamisee 28-9-12.
koreen keena haa bahu
filannoon masjidatti haa tahuu
amantii teenyaaf ni duuna
dirqamaan filannoon hin jiru

Finfinnee 28-9-12

Hiriira Finfinnee Masjida Anawaar 28-9-12.
koreen keena haa bahu
filannoon masjidatti haa tahuu
amantii teenyaaf ni duuna
dirqamaan filannoon hin jiru

Magaalaa Dasee Hiriira 28-9-12

Hiriira Magaalaa Dasee 28-9-12.
koreen keena haa bahu
filannoon masjidatti haa tahuu
amantii teenyaaf ni duuna
dirqamaan filannoon hin jiru


Thursday, September 27, 2012

Mana Hidhaa keeysatti salaataa fi nyaata dhorguun eegalame

Oduu Roorroo!!!!

Motummaan naannoo oromiyaa amantii muslimaa balleysaa jira.muslimuma tahuu isaanii qofaaf badii 1malee muslimtoota kumaatam hidhaa jira.kanneen keysaa hararge lixaa aanaa odaabultum namoonni 
1.shek aliyyii ahmad sheka 2.obbo usmaan shabboo
jedhaman kanneen birotis waajira polisa aanaatti hidhaa hamaa keessa jirachuun isaanii bekkamee jira.
Mana Hidhaa kana keessatti salaataa fi nyaatallee isaan dhorgaa jiraachuun isaanii beekkamee jira.
Kun hundi Islaama Balleesuuf yoo hin taane, mootummaan akkamitti ummata nagayaa akkanatti Roorrisa???
Namni arra hin qabsoyne yoom kan qabsaawu?????

Wednesday, September 26, 2012

Oduu Owwaa!!!

Oduu Owwaa!!! 
Ar-Risaalaa midiyaa

Goodina Harargee bahaa Aanaa Haroo Maayaatti Bartoota hijaaba uffatan Mana barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qophaa'inaatti hijaaba akka baasan gaafatuun isaanii dhagayamee jira.
Haaluma kanaan barattoonni Hijaaba hin baafnu jechuun gara mana isaanii yeroo deebi'aa jiran Waraana mootummaatiin marfamanii sodaachisnillee garuu baratoonni hundinuu waan amala Islaamaa agarsiisaniif arrabaa fi sodaachisaa isaanii obsaa bira kutuudhaan jeequmsi Mootummaan kaasuuf yaade Dubartoota Islaamaatiin fashalee bartoonni nagayaan gara mana isaanii deebi'anii jiran. Kuni duula Wahbiyyaa balleesuuti moo duula Islaama balleesuti???

AWADAAY

Magaalaa Awwadaayitti mootummaan torbaan dabre ummata Muslimaa wal gahii yaamuun isaa ni yaadatama. 
haluma wal fakkaatuun guyyaa arraa ummata Muslimaa yaamee ture, Ummanni muslimaa hedduun wal gahii sanirratti hiramaachuuf dhaquus Kaabinoonni Mootummaa dargaggoo fi dargaggeetti hin barbaannu jechuun ummata duraan wahbii fi sufiin addaann baasaa turan arra ammoo umriin addaan baasuu jalqabanii jiran. Kan nutti barbaannu manguddoo fi maangudditti akkasumas sheekkotii umriin gurguddoo qofa jechuun dargaggoota ari'uf yaali godhanii jiran. dargaggoonni nuti maatii fii sheekkotii teenyaan addaan hin baanu jedhanii gaafannaan, yoo kana booda gaafii kana nu gaafattan seeraan isin adabna jechuun dargaggootaa fi dargaggeetti hunda walgahii irraa ari'uu isaanii maddi oduu teenyaa nuuf ibsee jira.
Seeraan dargaggoo fi manguddoo addaan baasa kan jedhu kun yoom akka tumame ummanni hedduun ajaa'ibanii jiran.

Tuesday, September 25, 2012

MALLATTOOLEE NASRII

بسم الله الرحمن الرحيم


MALLATTOOLEE NASRII (tumsa Rabbii) muslimoota biyya keennatiif

AS WR WB kana dura seenaa muslimoota Etyoophiyaa kan bara dheeraa dubbataa turre,garuu amma achi irraa sa deebinee seenaa muslimootaa kan haga Qabsoon nagahaa jalqabamee argamee jiru wolitti qabuun dirqama nutti tahee jira,mee wontoota akka seenaatti qabamuu qabu kan urga ummanni islaamaa sagalee isaanii dhageessisuu jalqaban argame wolumaan haalaalluu:
Wontonni hedduun erga qabsoon islaamaa kan karaa nagahaa kun jalqabee argame mallattoolee rabbiin muslimootaa tumsaa jiraatuuti jedhamee laallama,kanumaaf mata duree barreeffama kanaa akkas jedhee itti kaaye.
Rabbiin akka nasrii isaa nuufidaa jiru mallattoolee hedutu muldhataa jira,mallattoolee kanniin keessaa :

1.TOKKUMMAAN MUSLIMOOTAA CIMUU:
Tokkummaa musilaa argamuun furtuu(bantuu)nasrii Rabbiiti,AHBAASH biyya Lubnaan irraa kan fidamteef akka muslimoonni gargar qoodamanii afaan isaanii woldhabee fitnaan jidduu isaaniitti uumamiifi,rakkoon biyya Lubnaan keessatti argamaa ture Etyophiyaa keessattis akka argamuufi.
haata’u malee dubbiin faallaa sanii tahee muldhate,tokkummaan islaamaa nicime,afan tokko tahanii mirga amantii isaanitiif dubbatuu jalqaban,hiriirri nagahaa kan kanaan dura argamee hin beekne ,hin argama jedhamllee hin yaadamnetu argame.
Seenaa Muslimoot Etyoophiyaa keessatti muslimoonni biyya kana haqa(mirga)amantii isaanii afaan olbaafatanii mootummaa gaafatanii kan beekan yeroo 2 qofa,isaanis:
A.MOOTUMMAA HAYLASILLAAE KEESA:
 Akka prophessar.Makiin kitaaba “African study” (دراسات افريقيا) jedhamu Pg.100 irratti dubbatanitti  “ Bara 1974 ji’a April guyyaa 10 tti ummanni Etyophiyaa hiriira naga kan achi dura takkaa Etyopiyaa keessatti argamee hin beekne bahee.ummanni muslimoota baay’innaan hiriira kana keessatti argamanii jiran,gaafilee isaanii dhiheeffatan.
Gaafilee isaanii keessaa qabxii 10 kaleeffatanii jiran,qabxiilee kana keessaa: 
wolqixxumman amantii islaamaatii fi kiristaanaa akka isaaniif argamu
ministerri islaamaa angoo mootummaa keessatti akka argamu
mirgi amantii isaanii akka isaaniif kabajamu 
guyyoonni ayyaana mulimoota akka guyyaa ayyaana biyyattiitii akka laallamu fi kkf gaafatanii jiran.

Haata’u malee abbootiin amantii kiristaanaa wontoonni muslimoonni barbaadan kun akka hin awwaatamne jedhanii Haylasillaasee dhoorganii jiran. Jecha qeysotaa fudhatee Haylasillaaseen gaafilee muslmootaa deebisuu dhabuun isaa sun kufaatii isaatiif sababa guddaa tahee jira,ammas dubbiin akkasuma fakkattii laata?mootummaan ammaa kunis deebii muslimootaa yoo hin deebisin akkuma Haylasillaasee san tahuuf deemaa? Yoo Rabbiin nujiraachise Ima eegna waan argamu insha allah.

B.MOOTUMMAA  EHDG  KEESSA:
mootummaa ammaa kana keessattis akkuma yeroo Haylasillaasee san muslimoonni mirga isaanii kan dhiibameef hiriira bahanii mormatuu jalqabanii jiran,koree muslimoota bakka bu’anis filatuu danda’anii jiran.
Hiriiri nagaha kun yoom jalqabe? Eesatti?  Gaafilee ummata muslimaa maal fa’a?Koreen muslimootaa yoom filamte?nama meeqa?yoom hidhamte?maaliif?gaafile kanniin deebii itti barbaadadha isinumman.

2.sagaleen keenna muslimoota addunyaa biratati dhagahamuu: 
“yoo abbaan iyyate ollaan namaa birmat(iyya namaa baha” akkuma jedhamu san,kunoo nuti sagalee keenna olfudhannee mirga amantii keennaatiif dubbatuu jalqabnaan muslimoonni addunyaatis Rakkoo keenna kana dhaganii nuuf dubbatuu jalqabanii jiran,haqa obboleessi islaamaa wol irraa qabuuf jecha maddii keenna dhaabatuu jalqabanii jiran,asirratti fakkeenya tokko tokko isiniif kaasuu nidanda’a:
a) Tokkuummaan Ulamaa’ota  islaama addunyaa rakkoo muslimoota Etyopyiyaa ilaalchisee Bayaana (IBSA IJANNOO )baasee jira.
-balaaleffannaa rakkoo muslimoota irra gahaa jiruu ibsee jira
-mootummaan gocha akana irraa akka uf qusattu gaafatee jira
-Mootummaa Ety. Woliin rakkoo kana furmaata barbaaduuf koree filee akka ergus waadaa galee jira.(guyyaa………….) 
b) Woldaan Rabixatu ulama’il muslimiin jedhamu kan Dr.Amiin Alhaajiin hogganamus waahema kana irratti 25/9/1433tti ibsa wolfakkatu baasee jira,akkasuma muslimoonni addunyaa guutuun muslimoota biyya keennaa maddi dhaabatanii qarqaarsa barbaachisu akka taasisanis labsa dabarsee jira.
c) Nadwaan (mariin cimaan) mata duree rakkoo muslimoota Etyophiyaatii fi Boormaa (ندوة بعنوان:مآسي المسلمين في إثيوبيا وبورما) jedhu Saud Arabiyaa magaalaa Riyaadh irratti taasifamee jira.marii kana irratti uala’onni gurguddaan biiya keennaatii fi biyya Su’uudii irratti argamanii jiran.kan akka Dr.muhammad Sa’iid,dr.Ibarhim Habr,dr.sa’ad albirek,dr.Jaabir(Harar) fidr.Abduljaliil(Arsii)irratti argamanii jiran.xumura irratti dr.Jaabir affan Oromootiin dhaamsa qabxii 3 uf keessaa qabu dabarsanii jiran.
Akksuma mariin kun TV kan dabrfame yoo tahu,tamsaasa isaa irratti TV 25 oltu iirratti hirmaate marii kana dabarse,Tv kanneen keessaa Aljazeera mubashir, tv makka,tv Safaa,tv Qur’aan,tv teyba,tv Qasiim,tv mowsil,tv Risaalaa fi kkf yeroo sagantaan dabrusan mubaashira(live)dabarsanii jiran.

3.muslimoonni hedduun Rabbiin nuuf kadhataa jiraachuu:
Ji’a Ramadaanaa 1433H guyyaa 12ffaa irratti imaamni masjida HARAMA(Makka) sh/Abdurrahmaan Al-sudeysiin muslimoota biyya keennaatiif salaata Taraawiihaa irratti du’aa’ii godhanii jiran,masjida makkaa keessatti biyya takkaaf du’aaii kadhatuun waan laafaadhaa miti,rakkoo ummanni sun keessa jiru rakkoo cimaa tahuu dha, akkasuma muslimoonni addunyaa  kan TV taraawiiha san hordofan rakkoo keenna akana akka dhagahan taasisa.
Akkasuma biyyoota addunyaa keessa jiran hundinuu muslimoota akka biyya BOORMAA fi SUURIYAA fa’a woliin muslimoota Etyophiyaatii  du’a’aii kadhataa turan.
Waan baayye na’ajabsiisuu keessaa yeroo mootummaan Etyoophiyaa woraana isii gara biyya sumaalee ergite muslimoonni addunyaa mootummaa Etyoophiyaa irratti du’aa’ii kadhataa turan,yeroo san nutis worruma itti kadhatan san keessa jiraachuun nimala,miidhama obboleewwan keennatiif dubbatuu dhabnee waan caldhifneef,amma immoo nutuu wooraa du’aa’ii kadhataniif tanee nuuf kadhatutti jiran,Rabbiin akkanatti waa hunda olii gad jijjiira.
Haasawa kiyya hardhaaf asumarratti dhaaba,torbee dhufu mallattoolee hafan qabadhee isiniif dhihaa inshaa allah.
Yaa RABBI akkuma mallattoo nasrii nutt agarsiifte tumsa keetis nuu fidii nugammachiisi.

GAAFII:??????????????
 erga mallattoon tumsa Rabbii akkanatti nuuf argamee qabsoo keenna itti fufna moo karatti dhaabna???? Deebii gaafii kana nama muslima tahee barreeffama kana dubbise hunda irraa deebii isaa eega.

GOCHAOOTA MOOTUMMOOTA HABASHAA (1270 - 1974)


GOCHAOOTA MOOTUMMOOTA HABASHAA (1270 - 1974)

Abdii Borii
Kana dura gochoota mootummoonni Habshaa muslimoota irratti raawwataa turan adda addan kan mootummota hundaatuu laallee turre,amma immoo kan wolii gala laalla:

Miidhaa fi cunqursaan mootummoonni Habashaa muslimoota biyya teennaa irraatti adeemsisaa turan hammana jedhamee hin himamu,qalamni barreesse hin fixu,woraqaan baadhatee hin danda’u.
Sababni mootummoonni Habashaa ummata muslimaa cunqursaa turanniif sababa tokko guddaa kan tahee dha, innis biyya kiristaanumman beekkamtu ijaaruu(hundeessuu)yaada jedhu qaban.akkasumas biyyoota addunyaa biratti ityoophiyaan biyya kiristaana qofaati jedhamtee akka beekkamtuufi.akkuma “Etyophiyaa ye kiristiyaan daseet” jedhaa turan san taasisuu yaalan.
Kanas mirkaneessuuf waa lamatti qarqaasifatanii turan.isaanis : mana amantii kiristaanaa ijaarsa bay’isuu fi masjida ijaaruu dhoorguudha.

1.Beeta-kiristaana(mana amantii kiristaanaa) ijaarinsa bay’isuu:
mana amantii kiristaanaa magaalaafi baadiyaa keessattis bakka hordoftoonni amantii kiristaanaa keessa jiraatan qofa osoo hin taane, bakka isaan keessa hin jiraannettis ijaarsisan,wonti kana godhaniifis akka Etyoopiyaan biyya kiristaana qofaati jedhee addunyan fudhatuufi. 
Yeroo baayyee biyya teenna keessatti manni amantii kiristaana tulluu fi lafa olfuudhamaa irratti muldhata maaliif akkas tahe laata?
Wonti isaan tulluu fi lafa ol fuudhamaa irratti ijaaraniif, akka namni biyya biraa irraa dhufes fagoomaa laalee argee Etyoopiyaan biyya kiristaana qofaati jedhuuf.
Ijaarsi manneen amantaa kiristaanaa kunis baayyee tahee muldhatee jira.barootuma muraasa(bara heylasillaasee) qofa keessatti beeta kiristaana kuma saddeettama (80,000) fi madrasaa daaqoniin (mana barnoota barattoota Qeysotaa) itti baratan kuma kudhan(10) ijaaramanii jiran. Karaa biraatiin immoo beta-kiristaanni hundi qabeenya dhaabataa(woqfii) mataa isaa qaba,qarqaarsa biyyoota biraa irraa dhufuuf malee.
Kana qofa yoom tahe,kan kana hunda caalu Haylasillaasee harka sadaffaa (⅓) lafa qotee bulaan ittiin jiraatu beeta-kiristaanaaf murteessee jira,qotee bulaan lafa isaa irraa sababa mana amantii kiristaanaatiif fayyadamuu dadhabee jira.gochi akkanaa kun hanga mootummaan Dargii dhuftee kan bade tahuu isaa nama hunda biratti beekkamaa dha,seerri dargiin lafa beeta kiristaanaa irrraa gara qotee bultootaa deebisee jira.
Asirratti wonti hubatamuu qabu:nuti muslimoonni worra mirga amantii biraa dhiibuu miti, manni amantii kiristaanaa maf ijaarama jennee mormuu keennaa miti,akkamitti masjidni ijaaramuun dhorgamadha kan jedhaa jirru.yeroo tokko tokko masjida diiganii bakka sanitti mana amantaa kiristaanaa maf ijaaran? kan jedhuu balaaleffatuu keenna. Fkf akka Minilik dalage san .masjida guddaa magalaa “Harar” keessatti argamu diigee bakkuma sanitti beeta kiristaana ijaarsise. San qofatti usuu gabaabbatee xiqqaadha,Minilik masjida kana usuu hin diigin dura MINAARAA isaa gubbatti olbahee achi irraa mataa isaatti gad fincaaye muslimoota garaa isaanii gubuuf,isaan dallansiisuuf.garuu rabbiin jazaa isaa san isaaf deebi’ee jira dhibee qumaaxessaa itti ergee qaamni isaa cicciramee du’ee jira.Alhamdulillah!!!!
Kanafuu nuti mirga amantii biraa dhiibuuf kana dubbataa hin jirruu,muslimni mirga amantii biraa hin dhiibu,beeta kiristaanni haa diigamuu hin jedhu,Rasuulli keenna ( S A W)sahaabota isaaniitiin yeroo jihaada(qabsoo karaa rabbii) deeman mana amantaa kiristaanaa hin diiginaa jedhanii dhorganii jiran,qeysota isa keessa teettee Rabbiin gabbartus hin ajjeesinaa jedhanii jiran.nutis kan jedhaa jirru mirgi hundaatuu wolqixxummaan eeggamuu qaba malee akka Minilik dalagaa ture san kaan diigaa kaan ijaaruun mirga amantaa dhiibuu akka tahe ifa galchuu barbaanna. 

2.Masjida (mana amantaa islaamaa) akka hin ijaaramne dhoorguu:

Wonta baayyee nama raaju(ajaa’ibsiisu) keessaa; yeroo beeta kiristaanni kuma hedduun laakkayaman sun akkasitti ijaaraman masjidni immoo mana kudhanii hin caalu,sunuu woldhaansoo ummataatiin qofa kan argamuudha malee mootummoonni Habashaa akka hin ijaaramne dhoorgaa ture,mootummoonni biyya islaamaa hedduun mootummoota habashaa kadhataa turan muslimootaaf masjida ijaaratuun akka heyyamamu jedhanii.
Haatahu malee mootummoonni habashaa kan biraa ijaaruun hafee kan duraan jiruu akka diigamu taasisan. Masjidoonni muraasni jiraman sunuu mukaa fi dhoqqee qofaan kan ijaaramaniidha .kanumaan woliinuu masjidoonni mallattoo isaa fi mana jireenyaa addan beekaniin hin qabu(minaaraan akka irratti hin hojjatamne nidhoogama).
Kan ijaaramus karaa gugurdaa irraa fageeffameeti ijaarama,akka namni hin argineef ija jalaa akka dhoyfamu taasifama.garuu yeroo amma keessatti haalli akkasii sun bay’innaan hin jiru Alhamdulillah.

Wolumaa galatti miidhaan muslimoota irra gahaa ture;
Muslimoota gara laafinnan malee ajjeesaa turuu
Gocha sanyii dhala namaa lafaa fixinsaa muslimoota irratti raawwatuu fkf gocha Haylasilleeseen raawwate kan sanyii dhalanamaa lafa fixiinsaa isa yeroo amma (genocide) jedhamee beekkamu,ijoollee,dubartii,jaarsa manguddoo mana tokko keessatti wolitti qabee ibiddaan gubee jira. 
Akka muslimoonni wolhin horre dhira irraa qaama saalaa muruun dubartii irraa harma muruu fkf gocha Minilik raawwate.
Ulama’ota/beektota islaamaa biyyaa baqachiisuu fkf gocha Yuhannis 4ffaa.
Ulamaa’ota(beektota) garii ibiddaan gubuu fkf gocha Tedros aalima Sh/Umar Adam jedhaman irratti raawwate.
Muslimoota hedduu jireenya isaanii mana hidhaa keessa taasisuu.
Ilmaan islaamaa barumsa dhoorguu(gacha Haylasillaasee)
Qabeenya muslimoota roorrisuun beelaa fi gadaddoo keessatti hanbisuu
Mirga muslimootaa dhiibaa turuu
Akka lammii biyyaa osoo hin taane akka gabraatitti laalaa turuu
Waahee muslimootaa akka addunyaan hin beekne taasisuuf dhoksuu 
Qooda biyya bulchuu dhabsiisuu(angoo akka hin arganne godhu) fi kkf.


Dr.Tajuddiin kitaaba isaanii “Taariiku Etyoophiyaa” jedhu keessatti akkana jedhan:
cunqursaa fi miidha muslimoota irratti adeemsifamaa ture kana yoo gad qabnee laalluu, Rabbiin akkuma nabi Muusaa bobaa(koola)diina isaa Fir’ownaan jalatti eegee guddise, islaamummaalle biyya teenna keessaatti worroota isii balleessuu barbaadan irraa eege hardhaan gahe.(fuula 14)
Kan hunda caalaa nama raaju usumaa isaan biyya guutuu kiristaana taasifnee mootummaa kiristaan takkattii dhaabna jedhanii yaadan,tasuma wonti isaan hin yaadin isaan mudate,muslimoonni irra caalaa jiraataa biyyattii tahuun ifa bahe,akka kitaaba Taariiku Etyophiya Jedhamu( fuula 55) irratti dubbatametti muslimoonni Etyophiyaa 75% tahuun ibsamee jira . 
Kun tumsa Rabbiiti, Rabbiin diinii isaa ufumaa tumsaafii mitire?hanga fedhes kaafirtoonni balleessuuf yalanis homaa godhuu hin danda'an,namni diinii ni balleessa jedhe akka saree ji'atti dutteeti mal godhuu danda'a? akkuma Rabbiin jedhe:
( يريدون ليطفؤوا نورالله بأفواههم والله متم نوره ولوكره الكافرون)
Hiikkaa ayata kana:
“worroonni Rabbittii amanuu didan(kaafirtoonni) ifaa Rabbii(islaamummaa) afaanuma isaaniitiin afuufanii dhaamsuu barbaadan,Rabbiin immoo hanga fedhan kaafirtoonni jibbaniifis ifaa isaa niguuta(bakkaan gaha). Suratu-ssaffi (8 : 61)
ya Rabbi akkuma diinii kiyya niguuta jettee beellama sente,nasrii keelle nuufidii nugammachiisi.

GAAFII???????
Gochoonni kunniin kan mootummoota dabranii yoo tahu,kan ammaa hoo kanaan wolfakkaata moo garaagarummaa qaba?kan dabre santu muslimoota irratti miidhaa guddaa qaba moo kan ammaati?

Monday, September 24, 2012

Caala Ambiyootaa

Caala Ambiyootaa  (s.a.w)
Abuu Muhammad Al-Baddeeysii
Yaa Asharfal Khalqii
Khaatamu Nabbiyyi
Si jaalanna nuti
Dhaluu kan dadhabde fakkaataa isaatii
Dubartiin Adunyaa takkallen isiitii
Hanga qiyaamaatti fakkaatan qabuutii
Enyuu inni beeytaa Nabiyyii Rabbitii
Alamaaf ergame Rahmata Taheetii
Gammachuu Ijaati Dasii onneedhaatii
Ambiyyaa hundarra caalchisee khaaliqnii
Amalaaf dalagaan waa hunda keeysattii

Seenaan Ilma namaa fakkata dhabeefii
Rasuula Alamaa kan Rabbiin faarseetii
Kaafirallee baha Ragaa isaadhaatii
Isat kan dhiyaatu hin dhufu jetteetii
Nuti duruu beyna khaatamu Nabiyyii
Muhammadul Amiin enyu si gaha ati???

Jaalallee Rabbiidhaa kan inni Filatee
Ajaja Rabbii saa hunda bakkan gahee
Ilmaan nama hundaaf fakkanyallee tahee
Dukkanaa nu baasuuf Rabbiin nutti ergee
Waan faayidaa qabu takka nurraan dhifnee
Tan sharrii nuuf qabdus hunda irraa dhorgee

Duuba Nabbi Rabbii arra kan arrabse
Maal Irraa Irrisa Rabbiin Ragaa bahee
Caalaa nama tahuu isaaf mirkaneesee
Habiiba Yaa Nabii Yaa Rasulallaahii
Yaa ashrafal khalqii
Khatamu Nabiyyi
Khaliillu Rahmaanii
Arraba fi fokkinaa Rabbiin sirraa haqee
Saafii nadhii deeyma ati yaa Jaalallee
Si Arrabsuuf yaaduun hisdii dirree baatee
Sadarkaa tee guddoo afaaniin yoo khaadee
Garaan saa ni beeka caaloomina kankee
Caalaa Anbiyaadhaa arrallee borullee.
Habiibii yaa Nabii
Khaliillu Rahmaanii
Rahmatal Aalamiin
Rabbi si godheetii.


Oduu Owwaa

Oduu Amma nu dhaqabe!!!
MaddaIslaamaa Media 
Goodina Harargee Lixaa Magaalaa Cirootti Guyyaa 20 guutu mana hidhaa kan ture Daaiin MUsxafa Abdulqaadir hidharraa wabiin bahee jira. Yakki isaratti baname shororkeysummaa hoggaa tahu manni murtii ol aanaa Adaamaatti dubbii isaa laalee akka mirgi wabii isaaf kabajamu waan murteesseef mana hidhaati bahu danda'ee jira. Biyya guutuu keeysatti namoonni hedduun badii tokkoon malee hidhaman hanga bahanii mootummaan kun nageenyaafii misooma barbaadamuu fiduu akka hin dandeenye beekuu qaba. Muslima hidhuu fii tumun amantii isaarratti isa jabeysa malee isa hin laaffisu.
Allaahu Akbar!!!
www.maddaislaamaa.com
www.maddaislaamaa.blogspot.com
http://www.facebook.com/groups/waligal/
http://www.facebook.com/groups/126970967447256/
http://www.facebook.com/AntiAhbaashUnitedAfaanOromooSpeakerVoice?ref=hl

Sunday, September 23, 2012

Filannoo Kijibaa!!!

Filannoo Kijibaa!!!
Urjii Ahmad
Filannoo kijibaa tan shororkaadhaa
Ittin hirmaatinaa namuu waliif dhaamaa
Tan seeraa alaatii koree teenya hidhaa
Nuti hin filannuu isaan gad nuu dhiisaa
Kaardii isaaniitis irraa hin fuudhinaa
Erga gabaabaadhaan hunda hubachiisaa
Shororkaa isaanii namuu ifirraa eegaa!!!

Munaafiqa sodaaf Rabbii hin aarsinaa
Majlisa kijibaa filachuun cubbuudhaa
Ahbaash nutti filuuf kaardii nutti hiraa
Kabalee si geysee Rabbitti si dileysaa
Eegadhaa yaa dhiiroo Ahbaash hadaraa
Kaabinee garaadhaaf bitamte tufadhaa
Isaan Munaafiqaa dhugaa hin sehinaa
Garaaf gurgurataa Akhiiraa Isaadhaa
Rabbii irraanfatee Adunyaaf si nyaataa!!!

Yaa Rabbi caccaphsii hunda munaafiqaa
Diin keetiif dirmadhu si kadhanna mowlaa
Adawwii Islaamaa nurraa qabi Allaah.

Salawaata buusaa Rasuulaa Kabajamaaf
Kan Rabbiin ergate jinnii Insii hundaaf

Allahuma masali Alaa Nabiyinaa
Wa sallim Tasliman kasiiran yaa Allaah!!!!

Fidaak Ummii, wa Abii, wa Ruuhii, Yaa Rasulallaah!!


Friday, September 21, 2012

Anawaar fi Kamisee guyyaa 21-9-12

qabsoon ji'a 10 deemaa jirtu kan jidduun qabbanaawee turee guyyaa arraa haala haarawaan owwee ole.

Anawaar guyyaa arraa 21-9-12 qabsoo haala haarawaan eegalame!!!
Allaahu Akbar!!!!
Kamisee guyyaa arraa 21-9-12 masjida khulafaa'u Raashidin qabsoo nagayaa itti fufanii jiran. 
Allaahu Akbar!!!


kamisee masjida khulafaa

 anawaar Finfinnee
 Anawaar finfinnee


Wednesday, September 19, 2012

MOOTUMMAA FI AHBAASH

MOOTUMMAA FI AHBAASH

Urjii Ahmad 
Mootummaa fi Ahbaash way waan san nu godhan
dubbannee hin fixnu roorroo san nu fiddan
Abbaa fi Ilmoodha Isaan lamaan waliif
nurratti wal yaaman akka nu fixaniif
Mootummaan qawweedhaan nurratti bobbehee
Ahbaashni arrabaan ulmaa'aa salphisee

Koreen ummata Islaamaa hidhamtee
Namni haqaaf dubbatu akaraarii jedhamee
Ahbaasha nu godhuuf kaabineen nu kaatee
Mallas eega du'es shira saa jalaa way baanee???

Arrallee nu dirqan Ahbaasha nu godhuuf
mee dimokraasiin dhugaa tan ETVn himan??
Amantii Islaamaa qabachuuf nu jibban
Badii baraa qabnu mee malli maal jattan???

Dhalaa dhiiran ja'an hidhatti nu guuran
Maqaallee nuu baasan Akraarii nuun ja'an
Mallattoo akraarii hogguniif dubbatan
Dhiiraaf Areedaa fii koofiyyaadha himan
Kofoo gabaabsuu fi Salaataa jam'aa jedhan
Dhalaa taatu ammoo hijaaba Uffatan
niqaaba ufannaan akkaan si jabeessan
mee akkam haa taanu yaa ummatal Islaam???

Mee uffatni kiyya maaluma balleesa
Arreedas yoo taate akkamitti isaan miidha
Niqaab uffanus maalumaatu bada
namaa fi Bineensas tokkollee yoom miidha

Nagayaan jiraanna ollaa keenya waliin
Misoomallee taatu numaan arra gahan
Afaan jara kanaa maaluma je'aniin???

Yaa Rabbi nuuf Tamsii Adawii Balleesi
Adawwii Islaamaa wal faana ajjeesi
Kan Islaamaaf tahu ammatti nuuf fidi.

Monday, September 17, 2012

Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad

Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad
Qopheeysaa:
Abuu Muhammad Al-Baddeeysii
2012/1433
Ahbaash nuti sufiyyaadha jechuun ija nu qabuu fedhan, garuu Isaan sufiyyaa osoo hin taane, Amantii haarawa Abdullaahi hararii uumeen deeman. Sheek Muhammad Rashaad ulamaa’ii guddaadha tafsiira afaan oromootti yeroo duraatiif namni hiike isa. Akkasumas kitaaboota biroo hedduu ummata Islaamaatiif afaan oromootiin qopheeysee jira. Akkasumaa waliin sheek Muhammad Rashaad Sufiyyaa Xariiqaa Qadariyyaa hordofaa akka turee fii Abdullaahi Hararii irrattis akka barate seenaa Isaa keeysatti bareeysee jira.
Sheek Muhammad Rashaad ummata Islaamaatiif faayidaa malee balaa akka Abdullaahi Hararii san uumaa hin turre, Abdullaahi Hararii irraa jallina Isaa hin dhaalle.
Barruun asii gaditti qophaawe kun Ahbaasha sufiyyaa akka hin seene Isiniif ibsuudhaaf kan qophaawee fii Warri Ahbaashni amantii haarawaa mitii sufiyyaadha je’anii farda Ahbaashaa yaabbatanii gulufaa jiran dhaabbatanii waan sheek Muhammad Rashaad nu barsiisaa ture haa laalanii.
Yoo barnoonni sheek Muhammad Rashaad Barsiisaa ture, kan wahbiyyaati, takkaa ammoo kan kaafiraati nuun je’an, Ahbaash waan jettu ni eeyna.
Barruu Asii gaditti qophaawe kana waliif dabarsaa, mootummmaa keeysa warra dalaguus garsiisaa akka nuti karaa haqaarra jirruu fii akka sheek Muhammad Rashaad jala deemaa jirru itti himaa.
Rabbiin warra haqaaf tumsu nu haa godhu.
1.     Ahbaash Rabbiin eeysa jira gaafii jedhuuf deebisaan isaan kennan, oli hin jiru, gad hin jiru, bataa hin jiru, mirga hin jiru, fuldura hin jiru, duubas hin jiru, addunyaa keeysa hin jiru, addunyaa tanaa alas  hin jiru, kanaaf bakka takkallee hin jiru jechuu nu barsiisuuf Libaanoosirraa dhufanii jiran.
Akka ragaatti wanni isaan irra daddeebi’anii kaasan jecha Abuu Jaafar Ax-xahawii kan kitaaba Isaa Aqiidatu-Xahawiyyaa keeysatti jiru, jecha kanas akka Alaabaatti qabatanii jallatti dhukatan:
???
Duuba nutis akki jennuun Libaanoosii mootummaan isin yaamuudhaan dhuftanis nuti ulamaa’ii qabna, san keeysa tokko sheek Muhammad Rashaad Abdulleeti,
Sheek Muhammad Rashaad akkana jedha:
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu” Tafsiira afaan oromoo kan sheek Muhammad Rashaad suuraa Al-A’raaf: 54

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” suuraa Xaahaa: 5
“Ol tayiinsa isaan malu, Arshiin afaan arabaatti sirree mootiiti, asitti wanni itti fedhame waan samii torbanii ol jiru kan waan Rabbiin uume hundaan marsu, kan waan Rabbiin uume keessaa irra guddaati.” Tafsiira Suuraa Al-Furqaan: 59


Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen.”

Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru. Tanaaf du’aa’ii Isaanii keessatti: “yaa waaqa ol tahe” je’an. Haa tahuu ol tahiinsa akkamii hin gaafatan, nama waan akkanaa gaafatuun: “nama fitnaa deemu, kan waan keessa baruu hin dandeenyetti, ifiin dhiibu” je’an. Rabbiin waan akkasirraa dhoowwee jira.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
Kuni ragaa kitaaboota sheek Muhammad Rashaad irraa gaafii Rabbiin eeysa jira jedhuuf barannee fii kan amanaa turree , garuu Ahbaash fii mootummaan harawatti amantii nu barsiisuuf jedhanii cinqataa jiran.
sheek Muhammad Rashaad wahhabiyyaa fii Kaafiraaaa??????
2.     Qaphxiin biraa sifa Rabbii keeysatti waa’ee Rabbiin ija isaan maltu qabaachuu isaa kan Qur’aanaaa fi Hadiisa keeysatti dhufe akkasumas kan Sheekkootiin teenya nu barsiisaa turte, Ahbaash dhuftee akki jettu Rabbiin ija hin qabu, namni akkas jedhu kaafira nuun je’an. Mootummaanis Rabbiin ija qaba yo jettan isin mankaraaristiidha, farra misoomaa fii nagayaati nuun je’aa jira.
Mee sheek Muhammad Rashaad Maal jedha:
Wanni jannu: Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti,”””
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34


Gaafii
Deebisaa Ahlus-Sunnaa
Deebisaa Ahbaasha
Sheek Muhammad rashaad maal jedha?
Rabbiin eeysa jira?
Samii torbanii ol arshiirratti ol tahe.
Bakka takkallee hin jiru.
Namni Rabbiin ol tahee jedhu, wahbiyyaadha, kaafira.
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu”. Al-A’raaf: 54

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” Xaahaa: 5

Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen.””

“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.” Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36

Rabbiin ija isaan malte ni qabaa
Eee, ni qaba
Rabbiin ija qaba jechuun kufriidha, waahbiyyummaadha, shororkeeysaadha.
Wanni jannu: Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti,”””
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Rabbiin harka Isaan malu ni qabaa?
Ee, ni qaba
Hin qabu namni akkas jedhu kaafira.
“Wanni jannu: Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti.Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34


Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka isaan malutti ni dhufaa??
Ee ni dhufa akka isaan malutti.
Namni Rabbiin ni dhufa jedhu wahbiyyaadha, kaafira.
Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu,”
Al-Fajr: 21-22

Sahaaba Rasuula keeysa tokkollee arrabsuun ykn jibbuun ni tahaa?
Hin tahuu sahaaba hunda ni jaalanna, tokkollee hin arrabsinu.
Sahaaba akka mu’awiyyaa fi warra isa waliin turee arrabsuun ni taha.
Sariihul-bayaan:197

Asaabaa nabi Muhammad, nama isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi isaanii jaalalloota keenya. Nama asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni jibbina. Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118
Nama Islaamaatiin kaafira jechuun ni tahaa???
Hin tahu, nama Islaamaatiin kaafira hin jennu.
Wahbiyyaan kaafira, warri makkaa fi madiinaa salaachisu kaafira, warri su’udii wahbiyyaadha kaafira.
Nama kafarsiisurraa fagaatuun akkaan barbaadamaadha, ulamaa’iin yoo namni kun kaafira moo kaafiraa mitii keeysatti wal dhaban. 99 kaafira jedhee tokkoo muslima je’e tokkicha inni islaama jed’u qabanna.
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :88
Qur’aanni jecha eenyuuti?
Jecha Rabbiiti.
Jecha Jibriili
Qur’aanni Rabbiin nabi Muhammadirratti buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate.
Jibriil Rabbirraa dhagayee, nabi Muhammad jibriilirraa dhagayee, ummanni nabi muhammadirraa dhagaye.
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21
Sheekul Islaam Ibnu teyimiyyaa kitaaboota isaa fi fatwa isaanii itti dalaguun ni tahaa???
Ee Sheekul Islaam Ulamaa’ii islaamaa guddaadha.
Ibnu teymiyyaan kaafira .
Nuti barreeffa yookaa kitaaba xiqqaa kana  keessatti, dubbiftoota keenyaf, waan sheekhul' islaam ,ibnu teymiyaan, warra akkanaa kanarratti deebisu'uu  je'ee dubbate, dhiyeessina. akka namni aylii qabu, kan ija haqaan argu qabu, dubbii nama waa beekhutiifii, dubbii nama waan beeynee adda baafatuuf jecha . Kitaaba akkaataa salaata taraawii. http://www.rashaad.org/ki_taraawiiha_15.htm

Ahbaasha wanni gaafannu sheek Muhammad Rashaad jala yoo deeemnee Rabbiin ni jira  jenne nuti kaafiraa?
Sheek Muhammad Rashaad kaafira?
Sheek Muhammad Rashaad waan Rabbiin Arshirratti Ol tahuu amanuuf Kaafira jechuudhaa?