Friday, August 31, 2012

ODUU DIRREER!!!

ODUU AJAA'IBAA

Diree Dawaatti Jum'aa hunda khuxbaa qopheysan imaamoonni guyya kamisaa akka mootummaa bira geysanii agarsiisan ajajnii dabree jira jechuun dhagayamee jira. Imaamni khuxbaa osoo hin agarsiisne godhu hundi akka adabamus himamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Imaamni Jallina Ahbaashaa ummataaf Ibsu tokko ji'a lamaaf hidhamee hidhaarraa Mallateysuudhaan bahee jira. Mallattoon Inni Mallateysa akka Masjida duraan itti imaama sanitti umrii isaa guutuu hin salaannee tahuun isaa beekkamee jira. Mee Dimookraasii tana dhagayaa waan taate.


SEENAA MALLAS KAN DHUGAA 1955-2012

SEENAA “MALLASII” KAN DHUGAA
(1955 - 2012)
Abdii Borii

Kana dura seenaa mootummoota Etyoophiyaa bulchaa turani kan akka : TEWDROS,YUHANNIS,MINILI FI HAYLASILLAASEE duubataa turuun keenna niyaadatama,Mallasiin immoo hanga angoo isaa xumuratuuf eegaa turre,amma yeroon waahee isaa dubbannu gahee jira waan taheef kunooti.


Mallas maqaan isaa kan dhalootaa “Laggase Zeenaawii” ture , qabsaayaan cimaan ummata Tigree Mallas jedhamu duunaan maqaa kana fudhate.
Mallas bara 1955 ALA Adawaa(Tigraay) keeaassatti dhalate.
bara 1974 tti Barnoota fayyaa(medicin) osoo barataa jiru jidduun kutee worraaqsa ummata Tigree kan mormitoota mootummaa Dargiititti dabalame
bara 1975tti adda bilisummaa Tigraay hundeessuu keessatti qooda fudhatee ture.
Bara 1991tti Mnagistuu Hayla maaram gara Zimbaabuyee baqannaan Mallas gara angoo dhufee presdaantii biyyattii tahe.
MALLAS erga worroota sirna Dargii cabsuuf woliin lolaa turan ganee, kaan ajjeesee,kaan hidhee,kaan biyyaa ari’atee angoo irratti olbahe. Aangoo isaa cimsatee haala mijjeeffatee boonaa fi ofjajuu jalqabe,tiyya haataatuu fi anatu jabaa dha jechuun mallattoo isaa taahe,akkuma aadaa mootummoota abbaa irree innis fayyadamaa ture.jechoonni inni paarlaama keessa taa’ee dubbatu kana irratti ragadha. 
yeroo gaafiin adda addaa isa gaafatame deebiin inni kennu kan tuffii fi xiqqeessati, fkf;
-shukkaarri maaf gatiin isaa dabale jedhamee yoo gaafatamu “qotee bulatu shaayii dhuguu jalqabe”
-Etyoophiyaa keessatti kadhataan maaf baay’ata ?jedhanii gaafannan “sacii sila bazza new /namni kennu waan baay’ateefi”.
-paartii mormitootaa yoo yaamu “ye abbadee hushaa(saree maraatte) jedha.
-yeroo woraana biyya suumaaletti erge gara biyyaatii haa deebi’u jedhee murteesse ,ummata wolfixaa jiru kana akkamitti wolitti dhiifnee woraana keenna keessaa baafna jedhee paarlaamaa keessaatti gaafatamnaan “ye fallagee jib yibila /abbaa barbaade bineensi haa nyaatu” jedhee deebii kenne. Jechoonni kana fakkatan baayyetu jira.

Kana qofa osoo hin taane sammuu namaatitti taphaataa ture,ummata gowwoomsaa ture,mee akkamitti yoo jettan ??? wolumaan haalaalluu.
Beelaa fi hiyyummaa = misoomaa fi guddina jedha
Wolaalaa fi doofummaan =beekkumsa fi qaroomina babaldhisuu jedha 
Diktaatoorummaa(abbaa irrummaa) =dimokraasii dhugaa
Mirga dhala nama dhiibuu = bilisummaa jedha
Dhimma Biyyoota ollaa keessa seenuun rakkoo irraan gahuu = tola itti oolinsaa fi rakkoo keessaa isaan baasinsa jedha , fkf biyya Sumaalee.
Mallas akkanatti wonta hundaa faallaa jijjiiree dubbataa ture,worroonni isa jala deemanis woma inni jedhu san woliin jedhaa jalaa qeebalaa harka tumaafii turan

Kun immoo kan duraa caalaa akka boonee uf wollaalu isa taasise, boonni isaa kun tuffii muslimootaa biraan isa gahe,mirga amantii kan seerri biyyatti akka kabajamu murteesse diiguudhaan muslimoota aqiidaa isaanii qulqulluu irraa gara aqiidaa AHBAASH tan dharaatitti isaan deebisuuf yaalii godhuu jalqabe,muslimmummaa irraa gara amntii biraatitti isaan jijiiruuf haala mijjeessuuf kaayyoo kana jalqaba taasifate.

Haata’uu malee dubbiin faallaa isatti garagalee muldhatee jira,waan inni hin niyyatin/hin yaadintu isa mudate,moormii jagnoonni muslimtootaa argisiisaniin rifachhiifamee jira, ijjannoon cimaa ulamaa’ota islaamaa irraa murtaaheen hamileen isaa dhahamee kaayyoon isaa fashilaayee jira.
Guyyaa 17/4/2012 tti lola muslimoota irratti labse,ulamaa’ooni islaamaa du’aa’i qunuuta(salaata keessaa) akka isarratti kadhatan murteessan,yaa Rabbi qabaatee jabduun nuuf qabi,nuti humna hin qabnuu simalee jedhanii Rabbiin itti kadhatan.
Guyyaa lama qofa oolee 19/4/2012 dhibee baayyee badaa taheen qabamee mana yaalaa biyya alaa magaalaa Buriksil geeffame, garuu fayyuu hin dandeenyee, achumatti booddeen isaa taate,kaayyoo isaa usuu galmaan hin gayin gaddaa fi gubataan du’e.umrii(57) tti du’e.

GOCHA GUDDAA KAN HIN DAGATAMNE:
Seenaa Mallasii keessatti wonti guddaan yeroo kamuu dagatuun hin danda’amne ummata muslimaatii Amantii haarawa biyya alaa irraa fiduu isaati, biyya Lubnaan (Lubaanos) irraa amantii AHBAASHAA kan yahuudaan islaama ittiin cabsuuf oomishte fidee jira. Gocha akkanaa kana mootummoonni Etyoophiyaa kanneen isaan duraa tokkollee dalaganii kan hin jirre argamsiisie,MINILIKI fi HAYLASILLAASEENIS amantii islaamaa balleessuuf yaalii godhaa turan malee biyya alaa irraa amantii biraa fidanii hin beekan.
MALLAS amantii akka meeshaa daldalaa biyya alaatii galche kana ummanni muslimaa fudhatuu dinnaan dirqiin (humnaan) isaan fudhachiisuuf biyyoota Awrophaa fi Amriika keessa naannayee qarqaarsa wolitti qabuuf osoo olii gad deemu qabaan rabbi itti dhufte,kun aadama Rabbii keennaati,zaalimtoot diinii isaa balleessuu barbaadan durumaa rabbiin akkanuma isaan godha, kun waan haarawaa miti.

Haata’u malee Gochoonni MALLAS dalagee fi qabaan Rabbiin isa qabe kun SEENAA kanaan dura dabre nuyaadachiisa:
YUHANNIS kan dhaloonni isaanii bakka tokko ture(Tigraay) kana dura akkana dalage, bakka BOOR- MEEDA jedhamutti bara 1875 ALA titti muslimootaf woggaa 3 qofa beellame,namni woggaa an beellame kanaan booda amantii islaamaa irra jiraate jazaan isaa ajjeefamuu ykn biyya gad dhiisee deemuu malee hin jiru jedhee murteesse,erga yeroon sun dhumee nama kuma 50 fixee kuuwwan biyyaa baqatan. Garuu rabbiin jazaa isaa usumaa hin turin isaaf deebise,harka woraana muslimaa “MAHDISTOOT” jedhamanitti daangaa Etyophiyaa fi Suudaaniitit ajjeefame, mataan isaa irraa muramee gara magaalaa UMDURMAAN geeffame,haga amma galmee meeshaa aadaa fi seenaa biyya suudaan keessatti argama.
HAYLASIILAASEE:Innis yeroon angoo isaa san keessatti wolgahii kongirasii Ameerikaa irratti akkana jedhee dubbate:
“muslimoonni Etyoophiyaa keessa ummata gabaabduu dha,worroota gabaabduu amantii abbaa isaanii gad dhiisan kana yeroo gabaabduu keessatti gara amantii abbaa isaanitti (kiristaanummaa)isaan deebisna” .
garuu rabbiin usuu kaayyoo san inni galmaan hin gayatin isa dhabamsiise bara 1974 halaakame.
muslimoota immoo Rabbiin rahmata isaatiin isaan hanbisee haga ammaa nahan amantii isaanii irra jiran.

Ajja’iba !!!! mootummoonnummaan Habashaa yoomuma gorsa fudhatan? Yoomuma worra dabdre irratti laalanii jiilan?yoomuma gowwumma kana irraa bayfata?yoomuma jallinna isaanii kana dhiisan?

DU’A MALLASIITIIF GADDUU:

Waa hunda caalaa kan nama ajabsiisu worroota amantii islaamaa usuu himatan,nama amantii isaanii balleessuuf karoorfate kan Rabbi isa hanqise kana du’a isaatiif kan gaddaniidha.
Rabbiin nama diina islamaa tahe hundaayyu akka hin gaddinef nu dhoorgee jira,usuu abbaa fi obboleessa keennallee taatee.kanarratti raga heddutu jra:
1.nabi IBRAAHIIMIIN(A S ) abbaa isaa irraa Rabbiin isa dhoorgee jira.
2.Rasuulli keennas (S A W) qabrii haadha isaanii Amiinaa dhaqanii akka Rabbiin kadhataniif heyyama gaafannan heyyama dhabanii booyaa achii deemana. 
3.sahaabtichi ABII UBEYDAA(r a)jedhamu kan Rasuulli (s a w) Amiinu haazihil-ummaah(amanama ummata kana) jedhanii isa moggaasan gaafa lola BADRII abbaa isaa JARRAH kan jedhamu ajjeese,abban isaa nama diin Rabbiitiin lolu waan taheef,akkamitti abbaa kee ajjeefata? jedhanii namoonni gariin isa komatuu barbaannaan, Rabbiin Qur’aana buusee akka inni badii tokko hin dalagin raga isaaf bahe (لا تجد قوما يؤمنون بالله واليوم الأخر يحبون من حاد الله ورسوله ولو كانوا آباءهم) “Ummat Rabbiitii amanan kan jaalatan hin argitu nama Rabbii fi Rasuula isaa morme usuu abbaa isaaniillee taate,yk ilmaan isaaniille taatee,yk obboleessa isaaniillee taatee,yk gosa isaaniillee tate …….” Abii Ubeydaan akkanatti abbaa isaa inni diina Rabbii taheef yoo ajjeesu nuti du’a nama diina islaamaa taheef yoo gaddinu mee dubbiin maalfakkata???amantiin teenna akkam ta’itti?
Kanaafuu namni amantii islaamaa qabdan du’a nama dallansuu Rabbii irratti du’eetiif gadduu irraa akka uf qusattan isiniif dhaama, akka amantiin teessan isin jalaa hin miidhamne,akka guyyaa qiyaamaa isaan woliin Rabbiin isin hin kaafne “namni tokko namuma jaalatu woliin kaafama jedhan Rasuulli (s a w).

YAA RABBIIN NAMA HAQAA FI WOLQIXXUMMAAN UMMATA KEENNA BULCHU BAKKA NUUF BUUSI !!!!!!!!.Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiin.

ODUU DIRREEE

ODUU AJAA'IBAA

Diree Dawaatti Jum'aa hunda khuxbaa qopheysan imaamoonni guyya kamisaa akka mootummaa bira geysanii agarsiisan ajajnii dabree jira jechuun dhagayamee jira. Imaamni khuxbaa osoo hin agarsiisne godhu hundi akka adabamus himamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Imaamni Jallina Ahbaashaa ummataaf Ibsu tokko ji'a lamaaf hidhamee hidhaarraa Mallateysuudhaan bahee jira. Mallattoon Inni Mallateysa akka Masjida duraan itti imaama sanitti umrii isaa guutuu hin salaannee tahuun isaa beekkamee jira. Mee Dimookraasii tana dhagayaa waan taate.

Tuesday, August 28, 2012

AHBAASHI ENYU?



AHBAASHI EENYU????

Urjii Ahmad

Ahbaashii beekuu yoo feete
Lubnaanirraa nu gad seentee
Abdallahi harariituu isii hundeessee
bara 30 dura isii gad dhaabee
Beeruti keessatti yooniif dubbistee

Yahuudaatu isa gargaaree
Mallis kan isii nu yaamee
Yahudacha tokkootii isii qoratee
Wahbiyyaan balleesa jedhee murate
Mootumaan dubbii isaa fudhatee
Ahbaash dirqamaan nurratti fi'ee
Kadhanee kadhanee dadhabnee
Ifirraa Rabbitti iyyannee

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Wahbiyyaa balleesuuf nu jedhan
garuu Islaama balleesuu fedhan
Maqaa guyyaa keessaa nuuf baasan
Akka waan Bineensaatti nu himan
Mallattoo wahbii hoggaa nuuf himan
Najaashiin Muslimaadha Amanan
Ortodoksiin Mirga wal qixa fedhan
Kolleejii Islaamaa banuudha yaadan
Dhaalaa hijaaba itti uffisan
Dhiirtis Areeda haalaan guddisan
Taaboota baasanii hin galchan
Haraama jedhanii nama dhowwaan
Masjida bakka hundatti jaaran
Madrasaan akka hodummaatu fedhan
kana kana hammeenyaaf himatan
Mee yaa dhiiroo kanaan maal jettan.

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Duuba Islaamni Isaan barbaadan
Taaboota yoo galchee baase fedhan
Najjaashiin Muslimaa yoo didan
Masjida jaaruu gaafa dhaaban
Madrasaan heddummaachuu yoo jibbaan
Qofa warra nagayaa jedhaman
Akkas gochuu yoo baatan
Mankaraaristaa maqaa siif baasan
Hojii kana galamaan akka gahan
Abbaa itti barbaadanii dhaban
Ahbaash tokkicha itti argatan
Kan Adawwwiif Islaama qabatan
Firummaaf yahuudaadha jaalatan
Muslima hunda dhugumaan jibban
Yaadaa isaanii tasa faalleesinaan
Kaafira jechuun maqaa si baasan
Wahbiyyaa wannii sin moggaasan
Mootummaan Isaan argannaan
Gammadee nutti gad fidnaan
kunoo Arra Isaan hojii jalqaban
Biyya guutuun kaafira nuun jedhan
Ulama'aa tokko yoom keessaa hanbisan
Hunda wali qabanii Kafarsiisan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaasha hoggaa gad fidan
Akka namni hin beekne fedhan
Dafanii maqaa irraa jijjiran
Ahlu-sunnaa suufii itti moggaasan
Mallas biratti Islaamaa duraanii jedhaman
Kan faallaa sani hunda Wahbiyyaa jechuudhaan
Arrabsanii raadiyoo fi Tviidhaan
Paarlaama keessattille nu Dubbatan
Mummichi mummee kan arra du'an
Gaafa san Muslima Rifachiisan
Akka Malee garaa balleesan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaash arra Mootummaa taate
Majlisa keenyas nurraa fudhattee
Filachuudhaaf mirga dhorgamnee
Koree Filannees hidhaan isaan dhabnee
Ashabbarii jechuun isaan kan yakkee
Dimookraasii jedhee nuuf yoo himee
Akkam jennee isa haa amannu meee?

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Filannoo Majlisaa tan tvn lallaban
Koree teenya eega hidhaatti galchan
Gaafii isaan gaafannee deebisuu diidan
Kanaa waliin filannoof nu yaaman
Filannoo keessan dinne yoo jennen
Nu dhaadatan warreen biyya bulchan
Wahbiyyaa ABO nuun jedhan
Biyyaa Isin baafna Filachuu diddan
Waa meeqa wanni Isaan nu godhan
Ahbaashuma nu godhuuf muratan
Seera tuman gubbaan Tarkaanfatan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Ahbaasha Balleesi sitti Irkanneeeee
Dhabama godhii Majlisa fi Kaadrellee
Dhawii Kaabinee Abbaa garaallee
Waan dina keenyaa taane Takkallee
Cillee bishaan buute Yaa dandaha wahallee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Saturday, August 25, 2012

DUULA AHBAASHAA HAARAWA.

Oduu Owwaa
DUULA AHBAASHAA HAARAWA.
Goodina Harargee lixaa Aanoota jiran keeysatti muslimoota hidhuun itti fufee jira.

Baddeessaatti guyya arraa namoonni hedduun hidhamanii jiran. 
warra hidhaman keeysaa Hasan Hasoyye (Abbaa Khaalid) abbaa qabeenyaa fii manguddoo biyyaa hoggaa tahu dargaggoo keeysaa kan maqaan isaa nu gahe Caalaa Sheekaa nama jedhamu hidhanii jiran. Namoonni hidhamuuf barbaadaman hedduu akka tahan dhagayamee jira. sababaan hidhamaniif Ahbaasha akka hin filatamne nama kakkaastan jechuun tahuun isaatis beekkamee jira.

Galamsoottis hidhaan itti fufee jira.

Qunne (aanaa gammachiis) keeysatti namoon 60 ol guyyaa arraa hidhamanii jiran. haaluma wal fakkaatuun guyyaa arraa Laga hoomachoo bakka jedhamutti sheekkootii fii darasaa Makinaan fi'anii gara mana hidhaa Qunnee fidaa olan. Sheek Hasan Bayaan Darasaa isaa waliin hidhamee jira.
Aanuma Gammachiis wal Argii aradaa jedhamurraa Sheek Ibraahim Imaamaa fii Daa'ii, akkasumas Abbaa qabeenyaa Obboo Muhammad Siraaj namoota hedduuu waliin hidhamanii jiran.
maqaa warra hidhamee kan hafan akka nu gahetti isiniif ibsina.
Dimookraasin, Mirgi amanti, walqixxummaan, Misoomni, jeynummaan Mallas kana tahuu hin olu.

ODUU OWWAA!!!! Harargee Lixaarraa

Oduu Owwaa
DUULA AHBAASHAA HAARAWA.
Goodina Harargee lixaa Aanoota jiran keeysatti muslimoota hidhuun itti fufee jira.

Baddeessaatti guyya arraa namoonni hedduun hidhamanii jiran.  
warra hidhaman keeysaa Hasan Hasoyye (Abbaa Khaalid) abbaa qabeenyaa fii manguddoo biyyaa hoggaa tahu dargaggoo keeysaa kan maqaan isaa nu gahe Caalaa Sheekaa nama jedhamu hidhanii jiran. Namoonni hidhamuuf barbaadaman hedduu akka tahan dhagayamee jira. sababaan hidhamaniif Ahbaasha akka hin filatamne nama kakkaastan jechuun tahuun isaatis beekkamee jira.

Galamsoottis hidhaan itti fufee jira.

Qunne (aanaa gammachiis) keeysatti namoon 60 ol guyyaa arraa hidhamanii jiran. haaluma wal fakkaatuun guyyaa arraa Laga hoomachoo bakka jedhamutti sheekkootii fii darasaa Makinaan fi'anii gara mana hidhaa Qunnee fidaa olan. Sheek  Hasan Bayaan Darasaa isaa waliin hidhamee jira.

maqaa warra hidhamee kan hafan akka nu gahetti isiniif ibsina.
Dimookraasin, Mirgi amanti, walqixxummaan, Misoomni, jeynummaan Mallas kana tahuu hin olu.


Friday, August 24, 2012

ODUU JUM'AA


ODUU MADDA ISLAAMAA

Guyyaa arraa salaata jum'aa booda Magaalaa Harar keeysatti masjida 30 keeysa ummanni Takbiiraa godhuudhaan gocha Majlisaa fi mootummaa kan filannoo jechuun gaggeesaa jiran balaaleefatanii jiran. Mootummaan Ahbaasha deeggaruu isaa akka dhaabuu, filannoon masjidatti akka tahu, koreen akka biyya guututti filannee hidharraa haa bahan, fii dhaadannoo adda addaa dhageesisanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Magaalaa shaashamaneetti Ummanni Islaamaa Masjida adda addaa keeysatti dhaadannoo fi balaaleefannaa isaanii ibsanii jiran. mootummaan yeroo ammaa kana keeysattillee Ahbaasha cinaa dhaabbachuun isaa ummata Islaamaa hedduu dallansiisee jira.
Jimmaattis ummanni Islaamaa salaata jum'aa duraa fi boodatti dhaadannoo wal fakkaatu dhageesisanii jiran. Filannoon keenya Msjidatti, Koreen teenya hidharraa haa baatuu, Ahbaash dirqamaan nurratti fi'uun haa dhaabbatu!!! jechuun sodaa takka malee Jeynummaan balaaleefachaa oluun isaanii dhagayamee jira.

Goodina Hararge Bahaa Magaalaa Haroomaayaatti Ulamaa'ii Beekkamaa Sheek Abdulaxiif Waan Hidhaniif Ummanni Magaalaa Akkuma Jirutti Gara Waajira Poolisii Maagaalaatti Bahuudhaan Balaaleefachaa Olanii Jiran. Mootummaanis Jeynummaa Ummataa Kan Addaan Hin Cinne Arguudhaan Gad Lakkisuuf Dirqamee Jira.
Haalli Kun Bakka Hundatti Itti Fufuu Qaba!!!

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Cirootti Ummanni Islaamaa Ulamaa'ii seeraan ala hidhamaa jiran balaaleefachuuf mana hidhaa sheekkootiin hidhamte duratti hiriira bahuudhaan deeggartummaa isaa ibsaa ole. Haaluma kanaan warra hidhaman keeysa nama 2 akka bahan godhuu danda'anii jiran.

Allaahu Akbar!!!

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Hirnaatti ummanni Islaamaa gabrummaa addaa keeysa jiraachuun isaanii dhagayamee jira. Ummanni filannoo irratti dhalaawu kan filamu qabu Ahbash (suufii Ahlus-sunnaa) malee hin filamu, wahbiyyaan ABOdha, Ahbaash karoora mootummaa waan taheef filachuun dirqama keeysani jechuun ummata sodaachisaa jiran. Itti Gaafatamaan Waajira dhaabaa Abduushakuur kan jedhamuu fii Fatiyaa intalti jedhamtu tan waajira dhaabaa keeysa hojjattu Ummata hirnaa, Ulamaa'ii fii manguddoo biyyaatiin isin ABOdha jechuun ummata arrabsuun isaanii dhagayamee jira. Akka oduun teenya ibsitutti Aradoota hunda keeysatti Ahbaashoota mootummaa filannoof dhalese ummanni hin filannu jechuun warra isaaf tahu filatus, Kaabineen Magaalaa fii aanaa akka hin taane jala sararuun Ahbaashoota beekkamoo dirqamaan akka ummanni filu godhuuf itti deemaa jiran.

haaluma wal fakkaatuun Aanaa Doobbaa aradaa Gujee keeysatti ummanni Ahbaasha akka filatan dirqisiisnaan hin feenu jechuun isaanii dhagayamee jira. Qaamni mootummaa ummanni Ahbaash diduu hubannaan qawween isaan dirquuf polisa guuree dhufus ummanni araddaa poolisa isaan tumuuf dhufe ifirraa dhorguuf dirqamanii nama 2 madeessanii jiran. Jiraatoonni araddaa sani kan dhiiraa irra guddaan isaanii mancaa gurratanii gara gaaraa akka ifirraa seenan maddi oduu teenyaa nuuf ibsee jira. Kaabineen aanaatis ummata Ahbaasha didu san ABO jechuun waraana fedeeraalaa itti yaamuun isaanii dhagayamee jira.

Rabbiin ISlaamaa haa gargaaru!!!

ODUU OWWAA MAADDAISLAAMAA!!!

ODUU OWWAA MAADDAISLAAMAA!!!
Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Hirnaatti ummanni Islaamaa gabrummaa addaa keeysa jiraachuun isaanii dhagayamee jira. Ummanni filannoo irratti dhalaawu kan filamu qabu Ahbash (suufii Ahlus-sunnaa) malee hin filamu, wahbiyyaan ABOdha, Ahbaash karoora mootummaa waan taheef filachuun dirqama keeysani jechuun ummata sodaachisaa jiran. Itti Gaafatamaan Waajira dhaabaa Abduushakuur kan jedhamuu fii Fatiyaa intalti jedhamtu tan waajira dhaabaa keeysa hojjattu Ummata hirnaa, Ulamaa'ii fii manguddoo biyyaatiin isin ABOdha jechuun ummata arrabsuun isaanii dhagayamee jira. Akka oduun teenya ibsitutti Aradoota hunda keeysatti Ahbaashoota mootummaa filannoof dhalese ummanni hin filannu jechuun warra isaaf tahu filatus, Kaabineen Magaalaa fii aanaa akka hin taane jala sararuun Ahbaashoota beekkamoo dirqamaan akka ummanni filu godhuuf itti deemaa jiran.

haaluma wal fakkaatuun Aanaa Doobbaa aradaa Gujee keeysatti ummanni Ahbaasha akka filatan dirqisiisnaan hin feenu jechuun isaanii dhagayamee jira. Qaamni mootummaa ummanni Ahbaash diduu hubannaan qawween isaan dirquuf polisa guuree dhufus ummanni araddaa poolisa isaan tumuuf dhufe ifirraa dhorguuf dirqamanii nama 2 madeessanii jiran. Jiraatoonni araddaa sani kan dhiiraa irra guddaan isaanii mancaa gurratanii gara gaaraa akka ifirraa seenan maddi oduu teenyaa nuuf ibsee jira. Kaabineen aanaatis ummata Ahbaasha didu san ABO jechuun waraana fedeeraalaa itti yaamuun isaanii dhagayamee jira.

Rabbiin ISlaamaa haa gargaaru!!!


Wednesday, August 22, 2012

ODUU NAMA BOOCHISU

ODUU NAMA BOOCHISU!!!

Goodina Harargee lixaa fi Harargee bahaa magaalaa fi aanaa adda addaa keeysatti ajaja kaabineetiin abbaan gooxii fi abbaan araddaa ganda keeysa deemuudhaan mana manarra deemanii nama filanoof yaamaa jiran.
warra mana kabalee keeysa galan yoo filannoo dhaqanii Ahbaash hin fille manni akka irraa fudhamu sodaachisaa jiraachuun isaanii dhagayamee jira.
ummanni Islaamaa garuu filannoo kana akka irratti hin hirmaannee ibsanii jiran. Keessattu hanga koreen teenya hidharraa bahanii filannoo takka akka itti hin hirmaanne ibsanii jiran.
warri fialamanis murtaawanii jiran.

Cirootti: 
1. Sheek Abdalla ganda baashaa kan warra biyyaa biratti Adawwii islaamaa tahuu isaatiin beekkamu. Ahbaash guddaa magaalaa Ciroo.
2. Abdallaa shariif 02 irraa kan Ummata Ciroo biratti hammeenyaan malee waan gaariin hin beekkamne. Ahbaasha Guddaa. Akkasumas  warra Oromiyaa TV irratti Mankaraaristii jechuudhaan koree ummata Islaamaa balaaleefataa turan tahuun isaa beekkamee jira.

Baddeessa: 
1. Heydar Jundi maqaa qoosaatiin hammeenya isaarraa Innawgaa jechuun kan warri hiriyaa isaa isa yaamaa ture fi qabeenya masjidaa fi lafa masjidaa saamuun kan beekkame.
2. Sheek Aliyyi Qunnee (Aliif ni dhaabbata moo ni ciisaa hin beeku) karaa bahee nama zarafaa (saamaa) kan ture.
3. Dawaayyee nama jedhamu kan warri biyyaa mujirimummaa isaatii fii qabeenya namaa saamuun isa beeku. Kan Aliif ni dhaabbata moo ni ciisaa hin beeyne.
Hirna:
1. Sh. Mahammad umaree.  Kan  warri biyyaa museylamaa  (Munaafiqa guddaa) magaalatti je'ee beeku.
2. sh. Bayaan sheeka qarxaasa godhu. Ahbaasha guddaa
3. sh. Mahammad qur'aana lafzii kan hin beekne fi Ahbaasha guddaa Adawwuummuuf Islaama qabatee jiru.
kanumaan wal qabatee filannoo booda namoota imammanii fi sheekootii hedduu akka hidhuuf murteessan oduun keysaa bahe Ibsaa jira.

Haroo maayaatti:
sheekkootiin 9 akka hidhuuf deeman beekkamee jira, san keeysaa :
sheek Abdulaxiif, Sheek Zaakir fi k.k.f.

Baddeesaa:
Sheekootii fi ulamaa’ii naannoo san jiran hedduun ija hamtuu lallamaa akka jiranii fii yeroo filanoon xumaramee filannoo jeequudhaan akka yakkamanii hidhaman qophiin lafa jalaan dhumuun isaa dhagayamee jira.

Hirna:
Dargaggootaa fi sheekkootiin hedduun shororkeesummmaadhaan akka hidhamuuf deeman maddi oduu teenyaa ibsee jira. Keessattuu warren filannoo Ahbaashaa kan xumurame kana balaaleefattan hundi farra mootummaa jechuun akka yakkamaa jiran waajira dhimma nageenya goodinaa keeysaa oduun bahee addeesee jira.
Ciroo:
Sheekkootii gurguuddoo fi maanguddoo biyyaa keeysaa namoota hedduu hidhuuf yaadaa jiran. san keeysaa koree Masjida 03 fi koree masjida 04 akka addaatti itti xiyyeefatanii jiran.
namuu waan dhageenyu wal haa dhageeysisnu!!!
aanoota biroo irraa oduu nu dhaqaban akkuma nu dhaqabanitti isiniif dhaleessina.

yaa Ummata Islaamaa mootummaan kunoo Islaama maqaa Ahlus-sunnaa suufii jedhuun akka lafaa hin kaanetti laamsheesuuf itti deemaa jira.

ODUU BAALEE

Oduu Baalee!!!!
ummanni Muslimaa yeroo ammaa dirqamaan filannoof dhihaatee Ahbaasha akka filatuu Oromiyaa keeysatti godhamaa jira.
garuu Ummanni keenna kan Muslimaa Baalee Magaalaa Roobeetti Koreen Ummata Islaamaa hanga hidhaa bahuu filannoo tokkollee akka hin hirmaanne jeynummaadhaan Bulchinsa mootummaatiif ibsanii jiran.
Filannoo gaggeefamus akka hin fudhanne Ibsanii jiran.

Allaahu Akbar!!!
ummanni naannoo biraa karaa kan akka deemuu qabu yaamicha goona!!!!

Oduu hararghee lixaa

Oduu nama gaddisiisu!!!
namoota magaalaa hirnaatti akka ummanni islaamaa filatuuf motummaan qoppeesse. 1. mahammad umaree. kan warri biyyaa museylamaa magaalatti je'ee beeku tahuun isaa beekkamee jira.
sheekkaan gurguddaa suufiyyaa lama nuti islaamni addaan hin baanu jachu isaaniitiin masgiidarra ariisisee masgiida guddarra nama baqachiisee nama jaahilaafi munaafiqa jiddu nama 10 waan hin geenye salaachisaa jiraachuun isaanii nu gahee jira. 2.sh.bayaan sheeka qarxaasa godhu. 3.sh.mahammad qur'aana lafzii kan hin beekne ta'uun beekkameeti jira.
Mootummaan Mallas tan faarfamtu tana kunoo !!! kana Dimookraasin isaan baanan.

Tuesday, August 21, 2012

Meles' death made me wipe for Nasir Abdo

Jawar Mohammed

Meles' death made me wipe for Nasir Abdo, the closest person Meles took away from me. Nasir was my mentor, best friend and a dear brother. He was arrested in 2004 falsely accused of terrorism. Among evidences used against him was a Western
Union receipt for 50 bucks I sent him from Singapore to pay for rent. When I visited him in Maekelawi in 2005, he could not walk or talk as he was severely tortured. His torture ordeals was witnessed by his ones cellmate Bayissa Gemechu.

After Red Cross made issue about his situation, he was transferred to Kality where he resumed his study and teaching the illiterate peasant prisoners. He later scored 4.0 on his 10th grade exam. In 2006 he sent me a list of books I should send him, one of them was Mandela's "Long Walk to Freedom". When I went to see him, I was surprised how much he changed. He was all smiling, talking about being offered scholarship by a private college, and the number of people he helped read and write.

But misfortune hit him again when the a novel manuscript he was writing was discovered by the prison guards. According to his cellmates, he was taken away for three days. When he returned, he was all swollen up. They used the infamous torture method of hanging filled bottle on his testicles and left him locked over night, resulting in his dismemberment. He was also so badly beaten that his ribs were broken. Despite passionate plea by the fellow cellmates, he was denied medical attention for a week.

Then they threw him out on the street. People who saw him rushed him to hospital where we learned that he had severe kidney infection and his other internal organs were rapidly failing. He was taken to Adama where his agony ended a week later.
This is just a story of one Oromo who was tortured to death under Meles Zenawi's leadership. Among publicly known cases of people who were tortured to death I could mention popular singers Usmayyoo Mussaa and Yosef Gammachu.

Today, as Meles' family, friends and supporters cry over his death, I wipe for my good friend Nasir Abdo, whom Meles took away from me. I am not going to rejoice Meles' death, I am just going to mourn my best friend!

I leave you with Nasir Abdo's favorite song, Usmayyoo Mussaa's "Sodaa Lubbuu". Usmayyoo sings about his unwillingness to leave the country out of fear. As he declared, he stayed behind while many left, and after 8 years of incarceration without any charge he was ultimately tortured to death, never flinching from the cause of freedom.

Sodaa lubbuu tiyyaa jedhee
Biyyaa bahee,
Garbaa ceehe
Hin jiraadhuu kan bir tahe
Biyyaa fi biyyee toorattii
Lafaafi aanaa koo keessattii
Haqaa falmachuudhaa murtiin

Friday, August 17, 2012

oduu Harargee


Oduu Owwaa!!!
Goodina harargee lixaa Magaalaa Galamsootti Mootummaan namoota 4 guyyaa 11 dura hidhuun isaanii ni yaadatama. warra hidhan kana mankaraaristii jechuun hidhanis ragaa itti dhabanii guyyaa Kaleessaa Sheek Nasruu Siraaj fii Obboo Mahammad Sulxaan gad lakkisuu isaan burqaan oduu keenyaa mirkaneefatee jira.

gama biraatiin Sheek Ahmadnur Kamaal (imaama masjida Bilaal) hidhaa keeysa akka turu godhaa jiraachuun isaanii hubatamee jira. Koreem Masjida Bilaal Waajiroota mootummaa irra deemanii sababaa isaa gaafatanis ni qoranna jechuudhaan akka mana hidhaa irraa hin baane ammaf itti himanii jiran. Akka keeysa beektoonni himanitti Ragaa nama lama deeggartoota Ahbaash maallaqaan itti baasanii akka jiran dhagayamee jira.

kun hundi Amantuma balleesuuf malee maaaliif taha???

oduu Ajaa'ibaa

Oduu Ajaa'ibaa!!!

Goodina Harargee lixaa magaalaa Cirootti mootummaan guyyaa arra sheekkootii, Manguddoo biyyaa, Imaamman Masjidaa Waajira dhaabaatti yaamani sodaachisaa fi ajajni adda addaa itti kennamaa oluu isaa dhagayamee jira. kaabinoonni Ummata Islaamaa guyyaa guutuu akka arrabsaa olan beekkamee jira.
Masjida mankaraaristii guute, ABO sadaqaa jettanii nyaachisaa jirtan, Maallaqa abbaan qabeenyaa sadaqaa nyaachisaa jedhee kennuu irraa hin fudhiinaa ykn ammoo karaa keenyaan maallaqa isinif haa kennan, Salaatarratti boochanii nama boochiftan, Wanni isin boochaniif Mankaaraaristummaa waan qabdaaniif jechuudhaan Ulamaa'ii fi manguddoo biyyaa arrabsaa olanun isaanii beekkamee jira.

 Majlisni Ahbaashaa carraa waltajjii irratti isaaniif kennameen Jaddaal jedhanii nu arrabsan jedhee himatuun isaatis dhagayamee jira. salaata Iidaa masjidatti salaatuu qabdan jechuun kaabineen waajira dhaabaa ajaja ifa bahaa tahe waltajii irratti keennee jira.

Dhummaratti sheekootiin carraa argataniin akka Ahbaash balaaleefachuu isaanii hin dhaabnee ibsanii mootummaanis harka isaa amantii keeysaa akka baasuu gaafatanii jiran. Iidas walitti qabamnee salaatuu mirga qabna jechuudhaan sodaa takka malee Kaabinee fi majlisa Ahbaashaa afaan qabachiisanii jiran.
kanaan wal qabatee mootummaan Goodinoota Oromiyaa keeysaa jiran hundatti kaabineen akka filannoof bobbahee ummata kakaasu ajajni itti keennamuun isaatis beekkamee jira. Akka keeysa beektoonni jedhanitti kaabineen Ummataan "wahbiyyaa hin filatinaa sufiyyaa filadhaa jechuudhaan akka ummata kakkaasan ajajni Waajira dhaabaa irraa kennameefii jira.

Kana hundaa wajjiin mootummaan amantii keeysa hin seennee jedha mee maal jettan????

Thursday, August 16, 2012

oduu Harargee lixaa

Oduu Harargee Lixaa owaa!!!


Goodina harargee lixaa Asabootii fi Magaalaa Ciroo keeyatti mootummaan ummata Islaamaa hidhaa jirachuun isaa dhagayamee jira. kanas kan godhan mana daldaltotaa fi imaammanii keeysatti meeshaan waraanaa argame jechuudhaan tahuun isaatis beekkamee jira. mootummaan meeshaa waraaanaa mana warra islaamaaf dubbatuu keeydatti guuruudhaan ummata Islaamaa gara mana hidhaa ol guuraa jiraachuun isaa dhagahamaeerraa. Asaboot keeysatti Ilma Imaamaa Ibrahim Ali fi waahiloota isaa gara mana hidhaa finfinnee dabarsuun isaanii beekkamee jira.
Ciroo keeysatti haadha ilmaanii jiraattu 04 Maftuhaa Xaahir fii namoota 3 hidhanii jiran.

Keessa beektoonni (kaabineen) akka himanitti namoota hedduu haala kanaan akka hidhuuf itti deemamaa jiru ibsuudhaan ummanni akka of egannoo cimaa godhuu qabu ibsanii jiran, keeysaahuu akka meeshaan waraanaa mana isaanii keeysa haala hin beekkamneen seenuu fi mooraa isaanii keeysatti akka hin awwalamne halkanii guyyaa if eguu akka qabu ibsanii jiran.
Rabbiin Muslim haa eegu!!!
Isaan karoora Islaamaan balleesan baasan Rabbiinis karoora isaa itti baasa.

Sunday, August 12, 2012

Waraanni mootummaa Islaama masjidatti tumuun isaa maaliif???

Naannoo Amaaraa Magaalaa Daseetti guyyaa 10-08-2012 Salaata jum'aatiif masjida Arab gandaatti 


Muslimoonni walitti dhufan. Masjidni duraanii xiqqaa waan taheef hawaasni Masjiida guddaa ijaarrachaa jiran kan jaarmayni isaa hin dhumiin keeysatti salaata yeroo namni heddumaate ni salaatan. garuu jum'aa guyyaa 10-8-2012 wanni haarawni argame mootummaan waraana isaa hawaasa salaaturratti bobbaasuudhaan masjidatti boombii aaraa darbuun warra salaatanii masjidaa gad bahan dhalaa fi dhiira osoo addaan hin baafatin akka Ilmi nama hin daleeyne irratti dalagee jira.

ummanni Islaamaa kun akka lammii biyyaatti osoo hin laalamin akka adawwiitti tumamuu fii hidhamuun maaliif akka tahe beekuun salphaadha kunis Muslima Tahuu isaanii qofa. kana qofatti osoo hin dhaabbatin Daseetti sheekkootii umriin gurguddoo kan masjidoota keeysatti I'itikaafarra jiran guree mana hidhaatti galchee jira.

gaafii mirgaa gaafatuun Itiyoopiyaa keeysatti asiin nama gaha!!!


oduu barmaa

Oduu Gurguddoo Torban Kanaa Dhimma Muslima Burma\Mayanmer Ilaalchise !!!
footoon jaartii mummicha mummee turkii yeroo muslima barmaa rakkoo isaanii argitee bochuu!!!

1,Torbii kana keessa Muslimoonni Afgahanistan Meeshaa waraanaa hedduu gara Burma erguun isaa dhagahame !
2,Muummichi Menistera Tukii fi Haati manaa isaanii Muslimoota Burma keessatti Midhaan suukanneessan irra gahaa jiru daawwachuudhan gadda itti dhagahame imimman isaanii xuruurfachuun ibsanii jiru ! 
3,Muumichi Minestera Indonesias dhimma kanarratti Mootummaa burma dubbisuuf karoorfatan ! allah knows the best 
3,Muslimoonni Indonisia ,pakistani fi biyyoota garaagaraa Jihaadaaf Gara Burma deenuu akka barbaadan ibsanii jiru !
4,Torbima kana keessa biyya londan keessatti dhimma muslimoota Burmaatiif muslimoonni biyya adda addaarraa waliitti bahan hiriira nagayaa gaggeessan !
5,Akka Abbaan aangoo olaanaa Burma tokko ibseetti kaayyoon isaanii burma biyya Budhisti gochuu akka tahe dubbii isaatirraa hubatame
6, Mootummaan saud Arabia Dollara Million 50 Gargaarsaan Muslimoota Burmatiif Gumaacheera 

oduu shaashamannee!!!

Oduu ariifachiisaa!!! Shaashamanneerraa nu gahe

magaalaa shaashamanneetti masgiida tokko dallawa isaa bal'isuuf jecha sagantaa qabameen koreewwan filataman masgiiddan naannoo jiran irra galgala galgala naanna'aa deeggarsa gaafataa jiran.haaluma kanaan ramadaana guyyaa 23 galgala masgiidurrahmaan ganda(02)keessatti mallaqni osoo walitti qabamu ummanni balaaleffannaa ahbash fi majiliisaa godhe hattoonni islaamaa waraabdee qaama mootummaatii waan kenniteef qaamni mootummaa kana sababeeffachuudhaan walgahii har'a ganama ramadaana 24 gaggeessiteen iida ummanni walgahee bakka tokkotti(istaadiyemitti)akka hin salaanne dhoorguuf murteefachuu isaanii qaama keessaa irraa nugaheera.

oduu Harargee bahaa

oduu harargee bahaa!!!
Harargee bahaa Aanaa Gola odaa magaalaa Burqaatti mootummaan Imaamman Masjidaa fi koree Masjidaa tan ummanni filate jijjiruudhaan kaadree isaa akka bakka buuse beekkamee jira. Tartiibni kun haala lanaan kan itti fufu tahuun isaatis dhagayamee jira. Oromiyaatti Kaabineen dalagaa tana galmaan akka geysuu ajajni itti kennamee jira. hawasa waliin osoo hin mari'annee koree masjidaa fi imaama jijjiruudhaan Ahbaash bakka buusuubis kunoo eegalame, xiqqoo booda maal akka jijjiran Rabbiin haa beeku???

oduu harargee lixaa

oduu gammachuu!!!! 

harargee lixaa ciroo fi naannoo baadiyyaa isii jala jiru keeysatti kitaabni Ahbaasj leenjii irratti raabsitee haawaasaan gubachaa jiraa. kitaaboota Ahbaash kan baadiyyaa geysanis imaamummaa fi muazinummaarraa hawaasaan ari'amaa jiraachuun isa dhagayamee jira. keessaafuu baadiyyaa naanoowa ciroo jala jiran ciroo qallaa, madhicoo fi waccuu fi bakka adda addaatti kitaabni ahbaash hawaasaan gubamee jira. sheekkootiin waa'ee ahbaash osoo hin beekin kitaaba isaanii fudhatanii galanis ega dubbii addaan baafatan booda towbatanii jiran. hubannoo waa'ee Ahbaash hawaasa baadiyyattiif kan geysan bartoota baadiyya kan magaalaa keeysatti baratanii fii Kaaseeta Raayyaa Abbaa mancaa tahuun isaatis beekkame jira. 
hundi keenya hubannoo hawaasaaf dabarsuu akka qabnu beekuu nurra jira. kuni Ahbaashaa fii mootummaaadhaaf caphinsa guddaadha.
Allaahu Akbar!!!

Friday, August 10, 2012

oduu juma'aa 10-8-12

oduu juma'aa 10-8-12


Juma'a arra finfinne dabalate magaaloota adda addaa kessattii hawasnii musliima kumoota bayyettii lakaawamu mormii gaaffii miirgaa dhagesiisaatii ole.flakkofsii umataa mormiidhaaf bahan yaro irra yarottii dabalaa demun isaa bekamera akasumattii lakoofsaafii hiirmaanaan dubartootaa dabalaa demera.masjiida anuwaa ittii hawasnii mulate toftaa mormii jijiirudhan yaro tokko alaabaa adii luluudhaan,yaroo 17 takbiirta,yaroo 17 sagaleekenya hadhagefamttu,taro17 koren tenya hahikamttu,yaro 17 filmaannii kenya masjida kenyattii, fii tan biraa ile erga jadhan boda mayyii irattii harka walqabatudhaan walii hidhannaa obalayummaa islaamaa cimssu isaanii irra debii'udhaan harayomsaniiro.rakko musliimtota irra gayaa jiiru akka irrabbiin irraa kasuu du'aii gochuudhaan xumuraniiro.akasumattii hala walfakaatun oromiyaa magaalaa shashamannu masjida guddaattii ,wallo kamiise fii magaalota biraa kessattii mormii isanii dhagesiisaatii olan 

wallo dasee
magaalaa dase masjiida arabgandaattii musliimoota salataaf deman irrattii humnoota motummaatiin tumamiinssii ciimaan akka irra gahe ibsame.moraan msjiidaa wan gutameef karoolee nanawa masjiida jiru irrattii salaatudhaaf musliimtoota afata hafachaa turan irrattii humnoota motummaatiin cafaqqiiniifii tumiinssii kan irra gahe.namoota kana irrattii miidhaan xixiiqofii gurguuddoon akka irra gahefii namota muraasa gara hospiitaala akka gefaman bekame.namoonnii hiidhamaniis akka jiran ibsame

shaashamannee
Oduu gammachiisaa magaalaa shaashamanneetti ummanni muslimaa guyyaa har'aa sagalee ofii olkaasuun mormii majlisni bakka nuhinbu'u filannoon keenya masjidatti komiteedhan keenya haa nuuf hiikaman jedhu takbiiraan dhageessisaniiru allaahu akbar!!

Thursday, August 9, 2012

DRAAMAA AHMADIIN CALLOO AMIIRRII AHBAASHAA DALAGAA TURE

DRAAMAA AHMADIIN CALLOO AMIIRRII AHBAASHAA DALAGAA TURE


prezidaantiin seeraa ala obbo Ahmadin Abdullaahi draamaa dalaguu eegale. dhihoo kana akkanama maraatee tahuudhaan harkaa fii miila isaa if hidhuudhaan harar kombolcha bakka jedhamutti ummata if agarsiisee ture. ummanni hararittiisa argan namtichi maraatuu isaa ibsanii jiran. garuu Ahmadin wanni akkas godheef draamaa ajaa'iibaa dalaguuf tahuun isaa beekkamee jira. sunis akka nama maraatee tahuudhaan eega if agarsiise booda yeroo oduun facebook irratti facaatu warri draamaa kana isaa waliin dalaganhordoofaaa turan amma AhmadinFinfinneetti deebi'ee jira akkuma duraan kijibaa ture sanitti ani fayyaan qaba, oduun facebook irratti dabartuu hundi akkuma narratti kijiba ofan kana kanaaf facebook hin amaniinaa, mootummaanis facebook nurraa haa cufu jechuudhaan midiyaa irratti propaagandaa kijibaa facaasuuf deema. kana qofatti osoo hin dhaabbatin akka Jaartiinisaa maraatte fakkeesee diraamaabiroo dalaguuf deema. yeroo namni jaartiin isaa maraatte je'ee haasawe kijiba hin maraannee jechuuf deemaa jira. shiraa isaaniikana nama hundaaf dabarsaa

Saturday, August 4, 2012

jaartiin tiyya hidhaa jirti. juneydiin saddoo


maddaislaamaa times oduu owwaa  "haati mana kiyyaa ijolleen addaan baatee na jalaa hidhamtee jirti" Juneydiin saaddoo Ministeera sivil sarviisii kan tahe Juneydiin saaddoo haati mana isaa (jaartiin isaa) guyyaa 16f ragaa tokkoon malee maatiin addaan baafamtee hidhamuu isiitiif maatiin kiyya rakkoo guddoorra jira jedhan. guyyaa arraa august 4-2012 (ramadaan 16) Ethio-chine gaazeexaa jedhamuuf barreesanii akka ibsanitti jaartiin isaa Imbaasii su'udii sentee bahuu isii qofaaf akka hidhaman ibsanii jiran. " Imbaasii isii seentee baatu yeroo hedduu agarre jechu malee eysa deemtii? mallaqa fuutee baate kan jedhamu maalirra olchiti? manaa fi alattis eenyuu waliin qunnamtii qabdi? Aruusii yeroo deemtu maal daleeydii?" jedhanii qorachuu qaban ture jedhe Juneyiin Saaddoo. "wanni biraa hafee silaa poplisaa waliin yeroo hunda waan deemtuuf poolisoota yaamanii gaafachuu qaban, nuuf qoradhaa jechuu qaban garuu kun hundi osoo hin godhamiin guyyaa 16f daa'immaniin gargaar baafamtee hidhamuun isii maatii kiyyaa fi anarrattis rakkoo guddaa fideerraa" jedhan. akka juneydiin amanutti jaartiin isa mankaraaristummaan wan wal qabate ragaan irratti argame hin jiru.


Friday, August 3, 2012

Ramadaan guyya 15ffaaa Masjida Anawaar hiriira nagayaa mallatoo nagayaa alaabaa adii qabachuudhaan kan godhame.




Thursday, August 2, 2012

dhaamsa mootummaaf